Hojjettoonni Itiyootelekom hidhattootaan butaman akkamiin gad lakkifaman?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Hojjettootni Itiyootelekom sadi hidhattootaan butamanii torbaan tokko booda bakka ukkaamfamanii gadi lakkifamuu isaanii BBC'n odeeffate.

Hojjettoonni kunneen osoo hojiif bahanii turan hidhattootaan butaman.

Torbaan tokko daggala keessa hidhattoota faana erga turanii booda Sanbata darbe ganama gadlakkifamuu maddi BBC himeera.

Hojjettoonni Itiyoo-telekom sadan akkamiin hidhattoota kanneen harkaa bahan?

Hojjettoota sadan keessaa tokko maqaa fi eenyummaa isaa yaaddoo nageenyaaf akka hin eeramne ibsachuun yaada BBC'f kenneen torban dura hojiif yeroo bahe hidhattootaan qabamuu ibse.

Riijinii Itiyootelekoom isaan bobbaase [lafa km200 fagaatutti] networkii diriirsuu akka bahaniifi Arsii aanaa Martii keessatti qabamuu ibsa.

Hojjettoota Itiyoo telekom ta'uu keenyas waan nu gaafataniif baranii ture jedha. Maaliif akka isaan barbaadanis ibseera.

"Nu gargaaruu qabdu, qaamni biraa nu gargaaru hin jiru. Nullee dhaaba biyyaaf sochoona, nu gargaaraadha dhimmi isaanii shakkin biroo nurratti argame hin jiru" nuu jeedhani jedha.

Hidhattoonni kunneen hidhattoota WBO akka ta'uu danda'an haala isaaniirraa hubachuu ibsa. "Naaanichatti sochiin hidhattoota kanneenii beekamaadha" jedha.

Torbaaniif bosona keessa jara kana waliin oolanii buluu eera.

"Bosonuma, raasaa keessa achuma isaan waliin bulaa achuma turre. Gara biraa sochiin gootu hin jiru."

Maallaqa gaafataman kaffalani bahuu kan ibsu namni kun miidhaan isaanirra gahe homaa akka hin jirre dubbata.

"Dhimmi dhimma galii qarshii galfachuuti fakkaata. Hundattuu nagumaan baane. Torbee tokko turuun Sanbata xiqqaa ganamaan naannoo sa'aatii 11:00 gadi lakkifamne" jedha.

Maallaqa gaafataman immoo maatiin liqeeffatee, ummatni birmatee kaffaluu dubbata.

Gaaffii Itiyootelekoom hojjettoota isaa baraaruuf tarii maallaqa baase qabaa jedhameef, "hojjettoonni Itiyoo-telekom ofii isaanii akka hirphaatti kan nuu buusan malee karaa Itiyootelekom maallaqni bahe hin jiru jechuun deebise.

Hammi isaan nu gaafatanii fi nu baafne baafne gargari kan jedhe namni kun, boo'icha maatii dhagahuun waanuma arganne nurraa fudhatanii nu baasan jedheera.

Amajjii bara 2026 keessas, hojjettoonni Itiyoo-telekomii fi dhaabbata Chaayinaa ZTE hidhattoota WBO'n butamanii turan 11 akkuma kana torbee tokko booda gadhiifamuu BBC'n gabaasee ture.

Hojjettoonni waliigalaan 11 tahan Wallagga Lixaa aanaa Qilxuu Kaarraa fi Boojjii Dirmajjiitti erga butamanii torbee tokko booda gadhiifamanii ture.

Hojjettoonni waliigalaan 11 tahan Wallagga Lixaa aanaa Qilxuu Kaarraa fi Boojjii Dirmajjiitti erga butamanii torbee tokko booda gadhiifaman.

Maallaqi akka isaan gadhiifamaniif kaffalames hin jiru'' jedhan maddi keenya.