Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN , Chaayinaan ergamoota addaa gara Itoophiyaa, Ertiraafi Masriitti erguufi

Daawwannaan isaanii kuni yeroo Itoophiyaafi Ertiraa gidduu muddamni hammaatetti mudate. Itoophiyaa walitti bu'iinsa gama Kaaba biyyattii jiruufis Masriin harka keessaa qabdi jechuun himatti, Masriin ni waakkatti.

Guduunfaa

  • Chaayinaan carraaqqii Iraan walabummaa fi nageenyashee tikfachuuf gooti ni deeggarti -Waang Yii
  • Haleellaa Raashiyaan wiirtuu gargaarsaa Yukireen irratti raawwatteen namoonni 26 ajjeefamuun ibsame
  • Ameerikaan filannoo walakkeessa har'agaggeessitu dursitee Iraan irratti waraana bante
  • Sudaan Biyyoota Gamtoomaniifi Gamtaa Afrikaarratti Itoophiyaa himatte
  • Odeessaalee karaa Marsariitii (Website), Instagram, YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok keenyaas ni argattu.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. "Rippoortar waggoota 31 kan gahe dantaa biyyaalessaa eeguni"- Gulaalaa Muummee

    Miidiyaan maxxansaatiin Itoophiyaa keessatti waggaa 30 ol kan lakkoofsise gaazexaan Ripportar Wiixata kaleessaa ugguramuu isaa hordofee, hoggantoonni miidiyichaa Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa waliin marii gochuuf gaaffii dhiheessuu isaanii gulaalaan muummee gaazeetichaa Taammiruu Tsiggee BBCtti himan.

    Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa Sadaasa 02, 2026 dhaabbata Media and Communication Center ittigaafatamummaan isaa murtaa'e jalatti kan maxxanfaman Ripportara Amaariffaa, Ze Ripportar (gaazeexaa Ingiliffaa) fi miidiyaaleen dijiitaalaa isaa “maxxansuu fi raabsuu irraa guutummaatti ugguramuu” isaanii beeksiseera.

    Abbaan taayitichaa murtee kana dura “waggaa tokkoo ol hordoffii qabiyyee” gochaa akka ture ibseera. Hordoffii taasifameen “irra deddeebi'anii sarbamsi seeraa fi naamusaa ogummaa miidiyichaan raawwatamuu isaa mirkanaa'eera” jechuun beeksiseera.

    Ibsa kaleessa ba’een gochaaleen miidiyaalee irratti raawwataman jedhaman kanneen “sarbiinsa seeraa fi naamusaa ogummaa” jedhaman keessaa, “qabiyyee faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa waliin walfaallessan babal’isuun” keessatti argamu.

    “Faayidaa fi hawwii dhuunfaa irraa ka’uun ragaa hin mirkanoofneen maqaa fi bifa dhaabbilee xureessuu” akkasumas “dhimmoota haala siyaasaa, hawaasummaa fi diinagdee irratti dhibbaa guddaa qaban” kaasuu jedhanis dhiyaatanii jiru.

    Gulaalaan Muummeen Gaazexaa Ripportar Taammiruun, “Xalayaan Dhorkaa” miidiyaa hawaasummaa irratti maxxanfame kun miidiyaaleef xalayaadhaan dhaabbaticha kan qaqqabe har’a Kibxata, Sadaasa 03 ta'uu ibsan.

    Gulaalaan Olaanaan kun, gabaasni “faayidaa biyyaalessaa biyyattii waliin walfaallessu gonkumaa” akka hin maxxanfamne ibsuun, himannaa abbaa taayitichaan dhiyaate mormanii jiru.

    “Ripportar kaayyoo itti hundaa’ee fi kanaan dura hojjachaa tureen, hundi keenya ogummicha beekneeti kan hojjachaa jirru. Gonkumaa, tasumaa waan faayidaa biyyaalessaa waliin walfaallessu [hin tamsaasnu]” jedhaniiru.

    Obbo Taammiruun “ Ripportar waggoota 31 dabraniif qorannoo isaa kan itti fufe faayidaa biyyaalessa kabajsiisuu fi waliin hiriiruudhaani” jedhaniiru.

    Kanaan dura abbaa taayitichaa waliin mariin taasifamuu isaa kan yaadachiisan Obbo Taammiruun, “Marii sadarkaa kanaan gahu akka hin turredha kan ani beeku” jechuun BBC'f ibsaniiru.

    “Wanti sirraawuu qabu muraasni ni jira. Nutis waan irratti walii galle; kan sirrii hin taane immoo achumatti deebii itti kennine.''

    ''Sana booda ani akka gulaalaa olaanaatti waantin beeku homtuu hin jiru” jechuun murteen uggurrii dhaabbata isaanii irratti darbe waan tasa hin yaadin ta'uu ibsaniiru.

    Amma hoggantoota Abbaa Taayitaa Miidiyaalee waliin marii gochuuf yaalii gochaa akka jiran kan ibsan Obbo Taammiruun, “Marii goonee dhimmoota jiran mariidhaan hiiknee maxxansaalee Sanbata fi Dilbata dhufu jiran ni itti fufsiisna jedheen amana” jechuun ibsaniiru.

  2. Jifataan dirree keessa taphataa biraatti bu'e du'aan boqote

    Taphataan lammii Ispeen Jeesus de Miguweel gaafa Wiixataa tapha irratti karra eegaa taphataa kilaba isaa morkatu waliin walitti bu'e du'aan boqote.

    Jifataan kilabii Tenerife tapha diviziyoona lammataa kilaba Andooraa waliin osoo taphatuuti karra eegaa Jeesus Owonoo jedhamu waliin kan walitti bu'e.

    Karri eegaa Andooraa kuni battaluma sana kaardii diimaan dirree keessaa bahe.

    Haalli fayyaa taphataa kanaa gaafa Wiixataa 'yaaddessaa' akka ta'e erga ibsamee booda gaafa Kibxataa ittuu hammaatee du'aan boqote.

    ''Onneen nu cabe'' jechuun kilabiin isaa du'a isaa labse. Maatii, jaalattoota isaaf jajjabina akka hawwu ibse.

    Kilabiin Andooraallee ibsa baaseen gadda ibse. Taphattoonni kilaboota Ispeen, Kiliyaan Imbaappee dabalatee gadduu isaanii ibsaniiru.

    Jifataan kuni dirree keessa of wallaalee erga kufee booda ambulaansiin hospitaala geeffame.

    Taphatttoonni garee lamaanii taatee kanaan rifataniiru, gariin boo'aa turan.

    Karri eegaa Andooraa Instagram irratti hordoftoota 30,000 ol qabu akkaawuntii isaa eegasii cufeera.

    Miidiyaaleen Ispeen, Maarkaa dabalatee, Di Miguweel ambulaansii keessatti rakkoon onneen isaa akka laafteefi yeroo gara hospitaala geeffamutti gargaarsa ogeeyyii argataa akka ture gabaasaniiru.

  3. Chaayinaan ergamoota addaa gara Itoophiyaa, Ertiraafi Masriitti erguufi

    Chaayinaan akeeka marii cimsuufi muddama tasgabbeessuu jedhuun ergamoota addaa sadii gara biyyoota garagaraatti erguufi.

    Dhimmoota Afrikaa irratti bakka bu'aa addaa mootummaa Chaayinaa kan ta'an Lowu Shiyaanfaa Itoophiyaa, Jbuutii, fi gara Masriitti akka imalan Dubbii Himtuun Ministira Dhimma Alaa Chaayinaa Maawo Niing gaafa Wiixataa miidiyaaletti dubbataniiru.

    Akkasumasimmoo Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa Gaanfa Afrikaa Huu Chaangchun gara Ertiraa akka imalan ibsameera.

    Daawwannaan isaanii kuni yeroo Itoophiyaafi Ertiraa gidduu muddamni hammaatetti mudate.

    Itoophiyaa walitti bu'iinsa gama Kaaba biyyattii jiruufis Masriin harka keessaa qabdi jechuun himatti, Masriin ni waakkatti.

    Kaayyoon imala dippilomaatota kanaa nageenyaafi tasgabbii naannichaa irratti qooda ijaaraa akka bahatan dubbii himtuun himaniiru.

    Dhimma Giddugala Bahaa irratti Ergamaan Addaa Chaayinaa Zaayi Juun immoo gara Iraan, Omaan, fi Sa'udi Arabiyaa imaluun marii gaggeessuufi muddama xiqqeessuurratti akka hirmaatan ibsan.

    Imalli dippilomaatota kanaa jalqaba baatii Sadaasaafi walakkeessa baatii Sadaasaa keessa akka taasifamu miidiyaaleen Chaayinaa gabaasaniiru.

  4. Yugaandaan Ittaanaa ajajaa waraanaa duraanii hiite, gulantaa isaas mulqite

    Yugaandaan Itti aanaa ajajaa waraanaa duraaanii fi gorsaa pirezdantii Piitar Elwaluu hiite. Qondaalli kun gochaawwan biyyattii jeeqan keessatti hirmaate jechuun hiite.

    Dubbii himaan waraanaa Kiriis Maagezii jedhetti Elwaluun qondaala "jeequmsaa" jechuun ibse kun Wixata waaree booda kan hidhame yoo ta'u, himatamee mana murtiitti ni dhiyaata jedhamee eegama.

    Labsiin hidhaa kun kan irratti dabre erga hogganaan waraana biyyattii, Muhuuzii Kaayinurugaabaa, dhiyeenya kana Eeliwaluu irraa sadarkaa Liwuteenaant Jeneraalummaa fudhachuun gara dhuunfaatti gadi buusuu isaa labsee guyyoota muraasa boodadha.

    Eelwaluun yakka kanaan wal qabatee yaada dhiyeesse hin qabu. Eelwaluun bara 2016 keessa weerara waraanaa masaraa mootii naannichaa socho’aa ture bittinsuun beekamtii argate.

    Sana booda hogganaa waraanaa ta’ee muudame. Itti aanaa hogganaa raayyaa ittisa biyyaa erga ta’ee booda gorsaa pirezidantii ta’ee muudame.

    Caamsaa 2024 keessa, mootummaan Ameerikaan sarbama mirga namoomaa, dabalataan ajjeechaa seeraan ala humnoota mootummaatiin raawwatameen qoqqobdee turte.

    Eelwaluun Hagayya 2025 keessa waraana irraa soorama bahe.

    Wixata, dubbii himaan waraanaa Yugaandaa akka jedhetti humnoonni nageenyaa dhiyeenya kana sakatta'iinsa raawwataniin qawwee 15, uffata waraanaa fi konkolaattota piikaappii lama argachuu himan.

  5. Haleellaa Raashiyaan wiirtuu gargaarsaa Yukireen irratti raawwatteen namoonni 26 ajjeefamuun ibsame

    Haleellaa Raashiyaan wiirtuu rabsaa gargaarsaa Yukireen irratti raawwattee fi rukkuttaa boombii Pirezidant Voloodmiir Zeleniskiin "baayyee hamaadha" jechuun ibseen yoo xiqqaate namoonni 26 ajjeefaman.

    Balaan kun kan mudate yoo xiqqaate boombii sagala ulfaatina kiiloogiraamii 3,000 qaban ganda Komiishuvaakaa jedhamtu naannoo kibba Zaaporiiziziyaa keessatti argamtutidha.

    Haleellaa kana hordofee jalqaba namoonni 27 dhabamanii akka turee fi namoonni shan akka madaa'an bulchaan nananichaa Mikaayiloo Seemiikiin dubbateera.

    Zeleniskiin akka jdhetti, mana barumsaa nananichaa hojii gargaasa namoomaatiif oolu ture irratti haleellaan jalqabaa erga raawwatamee booda, bakka namoonni dahatanii turan irratti haleellaan lamaffaan raawwatameera.

    Zeleniskiin haleellaa Wixataa kanaan booda viidiyoo boolla bal'aa uumamee fi yeroo dirooniiwwan lubbuu baraaran lafa caccabaa sana keessa sakatta'an agarsiisu qoodeera.

    Waraanni Raashiyaa dhimma kanarratti hanga ammaatti yaada omaa hin kennine.

    Zeleniskiin jalqaba lakkoofsa namoota du'anii 18 yoo ibsu, boodarra tajaajilli yeroo balaa Yukireen ammoo hojjettoota yeroo balaa lamaa fi miseensota poolisii afur dabalatee namoonni 24 du'uun isaanii mirkanaa'uu beeksisee ture.

    Zeleniskiin ergaa Wixata darbe karaa viidiyootiin dabarseen ammoo, "akka odeeffannoo hanga ammaa jiruutti namoonni 26 du'uun isaanii beekameera," jechuun dubbateera.

  6. Chaayinaan carraaqqii Iraan walabummaa fi nageenyashee tikfachuuf gooti ni deeggarti -Waang Yii

    Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Yii biyyi isaa carraaqqiiwwan Iraan walabummaa fi nageenyashee tikfachuuf gootu ni deeggarti jedhe.

    Dubbii Barreessaa Itti-aanaa Mana-maree Nageenya Biyyaalessaa Ol-aanaa Alii Baagherikaanii waliin wal arguun dubbatee, Chaayinaan qaamolee hunda walitti bu'iinsa Baha Giddugaleessaa keessatti hirmaatan hunda furmaata siyaasaa fiduurratti akka xiyyeeffataniif waamicha ni gooti jedhe Waang.

    Pirezidantiin Chaayinaa Shii Jiinping Wixata Sulxaana Omaan, Hayitaam bin Taariq Al Sa'id waliin wal arguun Bahi Giddugaleessaa fi Galoon Galaanaa dirree morkii biyyoota gurguddoo addunyaa ta'uu hin qabu jedhe.

    Ibsa waloo walga'uun booda baasaniin Omaan yaada nagaa Baha Giddugaleessaa Chaayinaan dhiyeessite deeggaruun, Beejing naannicha keessatti tasgabbiin waaraa akka jiraatuuf gahee kana caaluu fi mul'atu akka taphattu abdii ibsiteetti.

    Chaayinaan Iraan irraa biyya hunda caalaa boba'aa bitattuu fi michuu dinagdeeshee eenyurrayyu itti aantudha.

    Beejing haleellaa US fi Israa'el Iraan irratti raawwatan, akkasumas qoqqoobbiiwwan Waashingiten irra keesse balaaleffatteetti.

    Ulaa Hormuuz karaa dippilomaasiitiin dubbatanii banuun barbaachisaa ta'uu cimsitee kan dubbatte Chaayinaan, dhukaasni akka dhaabbatuufis waamicha dhiyeessiteetti.

  7. Ameerikaan filannoo walakkeessa har'a gaggeessitu dursitee Iraan irratti waraana bante

    Ameerikaan Odola Qeshm Iraan Ulaa Hormuuz keessa jirturratti haleellaa banuu aanga'oonni US miidiyaa US keessatti michuu BBC ta'e CBS'tti himan. Ejensiin oduu mootummaa Iraan IRNA akka gabaasettis odola kanarratti wixata dhohinsi baayyeen dhaga'ameera.

    Aanga'oonni US haleellaan kun murtaa'aa akka ta'e himuun deebii Eegdonni Warraaqsaa Rippabilika Islaamaa Iraan xiyyaara US irratti dhukasaniif kenname ta'uu ibsaniiru.

    BBCn waraana US oppereeeshii Baha Giddugaleessaa keessatti gaggeeffamuuf itti gaafatamaa ta'e Ajajaa Giddugaleessaa US (Centcom) yaada akka kennuuf qunnamee ture.

    Haleellaan kun filannoo walakkeessaa US Rippabilikaanota moo Dimokiraatotatu Kongiresii akka to'atu murteessu gaggeeffamuu durseeti.

    Tiraamp waraana kana akka dhaabuuf hanqinni sagalee fi paartii isaa keessaa dhiibbaan irratti taasifamaa jira.

    Ibsa kaleessa gaazexeessitootaaf kenneen Iraan irratti haleellaa jabeessuuf "akka hin ariifanne" ibsee ture.

    "Karaa tokkos ta'e karaa biraan waan ta'e ni goona. Haata'u malee hin ariifannu. Maallaqaan isaan butuchineerra," jechuun dubbate.

    Turtii Fox News waliin taasiseen akka ibsetti, saganataa nukilaraa Iraan waliin hidhata kan qabu Piikikaas irratti xiyyeeffatamuu danda'a.

    "Waan guddaa miti, sa'aatii tokko keessatti raawwatamuu danda'a," jedhe.

    Filannoo walakkeessaan booda Ameerikaan Iraan irratti haleellaa ni gaggeessite yoo ta'eef gaafatamee "gonkumaa" jechuun deebii kenne.

    Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Arraagchii IRNAtti akka dubbatetti, waraana kana dhaabuudhaaf karaa jaarsoliitiin Ameerikaa waliin "mariin baayyee bal'aa" gaggeeffamaa jira.

  8. ASHAMAA!

    Oduu kallattiin isin biraan geenyu jalqabneerra.

    Ameerikaan filannoo walakkeessa har'agaggeessitu dursitee Iraan irratti waraana banuu...

    Sudaan Biyyoota Gamtoomaniifi Gamtaa Afrikaarratti Itoophiyaa himachuushee...kanneen jedhaniifi odeessaalee kaan karaa Marsariitii (Website), Instagram, YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok keenyaas ni argattu.

    DHIYAADHAA!