Dhimma Finfinnee fi Oromiyaa ilaallatu irratti kantiibaan Finfinnee Aadde Adaanech maal jedhan?

Madda suuraa, BBC Afaan Oromoo
Dhimma Oromiyaa fi Finfinnee gidduu yeroo hunda maaliif dubbiin ka'a?
Gaaffii fi deebiin kantiibaa magaalaa Finfinnee waliin taasifne keessaa, dhimmi kun akka addaatti irratti xiyyefatamee jira.
Miidiyaaleen tokko tokko haala itti ibsameen ala fuudhanii hiikaa itti kennuu yeroo yaalan ni mul'ata.
Heera mootummaa irra kaanee dhimmaa kanaa haa ilaaluu.
Akka heera mootummaa Itoophiyaatti keewwata 49 muraa shaniitti, Oromiyaan magaalaa Finfinneerraa faayidaa addaa qabdi.
Kunis mirga tajaajila hawaasummaa, fayyadama qabeenya uumamaa fi bulchiinsaa waloo mirkaneessuu kan jedhu jira.
Kun ammoo Finfinneen, walakkaa Oromiyaatti waan argamtuufi. Haata'u malee, akkaataa raawwisaarratti haga ammaa seerri hin baane.
Gaaffi bubbule kanarratti kantiibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee dubbisneerra.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Heera irratti taa'ee kan jiru akkamitti akka raawwatamu seerri ni baha jedha. Seerri sun hanga ammaa hin bane. Akkuma beekamu magaalaa kana keessa kan jiraatu Oromoo qofaa miti, sabaafi sablammoota hundatu keessa jiraata.
Yoo jiraatu ammoo wanti hojjennu hunduu bu'uura ta'ee abbaan arge dhufee diiguu akka hin dandeenyeen, ummanni biyya kanaa kan irratti waliigaleen gaarii ta'a jechuudha.
Waliigaluun wajjin murteessuun waan gaarii ta'a. Warra kanaan dura ummata 'ignore' gochaa [ta'e jedhamee dhaggeeffachuu dhiisuun] murteesseefillee gaarii hin turre, haaloo uumaa dhufe malee. Nuti yoggaa gaggeessinu, akkas akka ta'u hin barbaadnu.''
Aadde Adaanech dhimmoota Naannoo Oromiyaa fi Finfinnee kanaaf deebii kan tahu Marii Biyyaaleessaa tahuu eeran.
Itoophiyaan Marii Biyyaalessaa bakka bu'oota hawwaasaa waliin yeroo adda addaatti gaggeessuu erga jalqabdee bubbuleera.
Kun heera mootummaa fooyyessuu kan jedhus hammata. Aadde Adaanechis dhimma faayidaa addaa Oromiyaa fi Finfinnee kana irratti akkas jechuun BBCtti dubbataniiru.
''Amma ajandaan kun Marii Komishinii Biyyaalessaa irratti dhiyaateera. Asirratti xumura ni argata. Maaltu, akkamitti,…Oromiyaan Finfinnee irratti faayidaa seeraan maluuf argachuu qabdi jedhamee seerrillee tumamuu waan qabuuf.
Gara biraatiin garuu akka kanaan duraa Finfinnee fi Oromiyaan wal hin dhiiban.
Tokkoffaa daangaan eessa kan jedhu, daangaan bulchiinsaa keenya waliigalteedhaan, ummata daangaarra jiru hunda baasnee haalaan ragaadhaan mirkaneessine.
Waliigalteedhaan goonee jirra; waliigallee fixnee jirra. Nutillee akka Finfinneetti gamas hin dabarru, Oromiyaanillee waan gamana ce'uuf hin qabu jechuudha,'' jedhan.
Biyya waliin ijaarra; daangaa bulchiinsaa qabna malee daangaa biyyummaa yookaan ammoo dhimma biraa miti.
Adda Adaanech itti dabaluun ummanni ammoo waliin jiraata. Ummanni misoomaan walitti dhufa jedhan.
''Daandiidhaan walitti hiinee jirra; bishaan dhugaatiin walitti hiinee jirra; gabayaadhaan walitti hiinee jirra.
Nageenyaafi waliin jiraachuuf, amma bakka daangaa tokko tokko yoo deemte, namni maabara adda addaa qaba; uqqubiillee osoo hin hafiin namni muraasni Oromiyaa keessa jiraataa, namni kaan Finfinnee keessa jiraata; waliin jiraatu'' jedhan.
Nuti kan barbaadnu waliin jireenya ummataa kana cimsuudha; wal kabaja cimsudha jedhan.
Akka heera mootummaa Itoophiyaatti naannoon Oromiyaa Finfinnee irraa faayidaa addaa argachuu qaba jedha.
Garuu akkaataa raawwii isaa irratti fuulduratti seerri bahuu akka qabu akeeka. Waggoota dheeraaf gaaffiin kun ka'aa ture. Seerri kana ilaallatus hin baane.














