Filannoo biyyaalessaa Itoophiyaarraa maal haa eegnu?

Madda suuraa, Getty Images
Filannoon Biyyaalessaa Itoophiyaa marsaa 7ffaa guyyoota muraasa booda adeemsifama.
Paartileen siyaasaa filannoo kanarratti hirmaatanii turan yeroon duula itti gaggeessan xumuramuutti jiru.
Ministirri Muummee Abiy Ahimad lammiileen sagalee kennuuf galmaa'an guyyaa filannoo bahanii akka sagalee kennan gaafataniiru.
Faallaan, filannoo kanarratti hirmaannaa ho'aa kan taasisaa hin jirre Kongirasiin Federaalawaa Oromoo filannoon kuni ''tapha'' jedha.
Addi Bilisummaa Oromoo immoo paartilee filannoo kanarratti hirmaannaa 'ho'aa' jedhamu taasisaa jiran keessaati.
Akka Boordiin Filannoo Biyyaalessaa beeksisetti, lammiileen miliyoona 50 ol ta'an filachuuf galmaa'aniiru.
Paartileen kurnaan lakkaa'amanis ni dorgomu. Paartileen siyaasaa rakkoo nageenyaa, fi dirreen siyaasaa dhiphachuullee komataa turaniiru.
Bulchiinsi Ministira Muummee Abiy Ahimad garuu filannoo yeroo kamuu caalaa wayyoo qabu jedhe akka gaggeessu dubbataa ture.
Qondaalli ABO Obbo Lammii Beenyaa dhaabi ABO naannolee Itoophiyaa garagaraa keessa akka dorgomu BBC'tti himaniiru.
''Sagalee argachuu mootummaa gad dhaabuu qofa osoo hin taane sagaleen ummata Oromoo kutaalee [Oromoo] biyya keessa jiran hundumtuu sagalee akka argatan'' akka qabsaa'an himan.
Mootummaan Itoophiyaa yeroo ammaa aangoorra jiru mormii ummataa keessumaa dargaggootaan aangootti dhufe.
Dhaabi ABO dargaggootaaf maal dalaguu yaade?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Dargaggeessi biyya kanaa mootummaa hin qabu'' jedha Lammiin, rakkoo hojii dhabdummaafi kaan dargaggeessi Itoophiyaa qaba jedha eeruun.
''Hiyyummaa saalfachiisaa keessa jira. Kana qofa osoo hin taane hiyyummaan kunimmoo baay'ee hamlee isaa cabse mul'ata isaa dukkaneessee qe'ee keessa deebi'ee baay'ee jooraa jira,'' jedha.
Sababa kanaaf dargaggeessa dinagdeen utubuu qofa osoo hin taane ''yaaddoo hawaasummaa waliigalaa'' keessaa akka bahuf akka dhaabni isaanii dalagu himu.
Yeroo dheeraaf dhaabni Kongirasii Federaalawaa Oromoo siyaasa Itoophiyaa keessa dammaqinaan hirmaachaa ture.
Filannoo marsaa jahaffaa irratti ABO fi KFO'n ''dhiibamne'' jechuun filannoorraa hafanii turan.
Filannoo marsaa torbaffaan KFO'n ''akka hin haqamneef'' hirmaataa akka jiru kana dura BBC'tti himeera.
Dura taa'aan dhaabichaa Pirof. Mararaa Guddinaa filannoon kuni ''tapha'' jedhu.
''Ofis sobnee, saba keenyas sobnee ...nagaafi tasgabbii filannaa hin finnetti sirna dimookiraasii, hin finnetti,'' hirmaachuun hiika hin qabu jedhu.
''Achi keessa gallee tiyaatirii yoo hojjechuu ta'e malee eenyun sobna? Of sobnamoo saba keenya sobna?'' jechuun dubbatu.
Dhaabni Kongirasii Federaalawaa Oromoo kaadhimamtoota jaha filannoo kanaaf dhiheessuufi kana dura ''gara kumaa'' akka dhiheessan dubbatu.
''Afur magaalaa Finfinneeti, tokko Dirree Dhawaadha, tokko magaalaa Harar. Oromiyaa keessa hin jirru,'' jedhu.
Filannoon ''tapha'' isa jedhan yoo ibsan ''mootummaanis beeka, mormituunis beeka'' jedhu.
Ministirri Muummee Abiy Ahimad garuu yaada biraa qabu.
Erga baga Ayyaana Arafaaf geessan jedhanii dhaaman keessatti waa'ee filannoo ergaa dhaamaniiru.
''Hirmaannaa ummataa malee dimookiraasiin hin milkaa'u, filannoo malees hirmaannaan ummataa guutuu hin ta'u'' jechuun lammiileen bahanii akka filatan waamicha taasisan.
Filannoon baranaa sirni ijaarsa biyyaa kan bu'uura itti godhatudhas jedhaniiru.
Filannoo Marsaa jahaffaa adeemsifame paartiin Ministirri Muummee Abiy Ahimad hundeessan, Badhaadhinni, mo'atuun ni yaadatama.












