Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Teeknooloojiiwwan waraanaa haaraa egeree lolaa geeddaraa jiran sagal
Bara meeshaan waraanaa nukilaraa abuuramerraa eegalee meeshaalee waraanaa irratti jijjiirama guddaatu taasifame.
Yeroo jaarraa tokkotti siquuf jabinni meeshaa waraanaa humnaan, dhohiinsa uumuun, guddinaan, fageenya dheeraa imaluufi haleellaa raawwatuun madaalamaa yoona ga'eera.
Har'a garuu osoo adda waraanaatti meeshaan tokko hin mul'atin waraanni balaafamaan gaggeeffama.
Waraanni karaa sammuu, elektiroomaagneetii fi hawaa keessaan osoo ija namaatti hin mul'atin gaggeeffamuu eegaleera.
Biyyoonni teeknooloojii waraanaan baayyee fagaatan, qaamaan walitti ba'uun wal haleeluu erga dhaaban bubbulaniiru.
Hoomaan waraanaa meeshaalee waraanaa akkaan ammayyaawoo qabatanii adda waraanaatti duuluun inni tokko isaan kaanirratti injifannoo argatee deebi'uun hafeera.
Meeshaaleen waraanaa osoo hin mul'atin diina barbadeessan sagal kanneen egeree waraana addunyaa murteessan kunooti.
Carallaa- Rays
Meeshaan kun anniisaa abidda tufu yoo ta'u, abiddi sibiilaa bifa carallaan erga ba'ee booda qiyyaafannoosaa barbadeessa.
Carallaa hamaan kun xiyyaarota, konkolaataa, sensaroota hin mul'anne barbadeessa.
Akkasumas boombii hidhamee balaa uumuuf qophaa'e fashalsuu danda'a.
Meeshaa kana gatii qaalii hin taaneen hojjechuun itti fayyadamuun ni danda'ama.
Hanga anniisaa qabutti tajaajila adda hinn cinne kennuu danda'a.
Meeshaan kun sirni ittisa qilleensaa haleellaa dirooniiwwan lafatti siqanii imalan raawwatan akka salphaatti qolatu gargaara.
Dambaliiwwan bakakkaa fakkaatu uumuu
Meeshaan dambalii elektiroomaagneetiin uumamu kun carallaa akkaan guddaa ta'e gadhiisuun balaa qaqqabsiisa.
Carallaan inni gadhiisu kan maayikirooweevii yeroo kuma 150 caala.
Dirooniiwwan tokko tokkoon qilleensarratti qolachuurra meeshaalee elektirooniksii dirooniiwwanii gubee barbadeessuun madda dirooniiwwanii gogsa.
Meeshaa waraanaa hubannoo nam-tolcheen hojjetu
Meeshaan kun fiixee teeknooloojii waraanaa ammayyaati. Daqiiqaatti yeroo 4,500 dhukaasa.
Teeknooloojii nam-tolchee (AI) waan hidhateef, namaan to'atama osoo hin taane, ofumaan akka namaatti yaadee haleellaa raawwata.
Sirna ittisaa haleellaa as adeemu hordofu, to'atuu fi haleelu kan mataasaa qaba.
Amma meeshaa kana dhalli namaa hanga tokko ni to'ata. Garuu meeshaan guutummaatti to'annoo namaan ala ta'e yoo uumame addunyaan akkam akka taatu yaaddoodha.
Meeshaalee waraanaa sagaleen haleellaa raawwatan
Meeshaan waraanaa USS Blue Ridge jedhamu sagaleedhaan balaa uumuu akkasumas loltoota jeequun miidhaa geessisuu danda'a
Meeshaan waraanaa sagalee hamaa fi balaafamaa baasu miira jeequmsaa fi yaaddoo namati naquun balaa uumuu danda'a.
Hunda caalaa ammoo gurra irratti miidhaa guddaa qaqqabsiisuu danda'a.
Meeshaan kun sagalee guddistuu tuuta namootaa bittimsuuf akkasumas saamtota galaanaa doorsisuuf oolu caalaa hamaadha. Inumaa sanarraa baayyee adda.
Meeshaalee saffisa sagalee caalaa imalan
Meeshaan kun humna elektiroomaagneetikii fayyadama, kanaaf saffisni isaa kan meeshaalee waraanaa kaanii akkaan caala.
Misaayelli haala kanaan dhukaafamu safiisa sagalee dachaa shaniin caalaa imala.
Saffisa guddaadhaan qiyyaafannoo bira ga'a.
Carallaa ho'aa
Meeshaan kun baayyee balaafamaadha. Diina dursee ija jaamsa. Meeshaa waraanaa anniisaan hojjetuudha.
Dhala namaaf yaadamee kan hojjetame.
Meeshaan kun osoo hin beekamin qaama namaatti seenuun akkaan madeessa.
Haleellaa fageenyarraa hawaa keessatti raawwatamu
Kun meeshaa waraanaa hawaatti ergamuun achirraa haleellaa hin eegamnee fi hin beekamne raawwatuudha.
Daangaa ittisa misaa'elaa bira darbuun hawaa keessa bakka eenyullee hin beekne buufachuun haleellaa raawwata.
Osoo hin deebi'in dura mataa misaa'elaa gara orbitii Dacheetti erga.
Jeettiiwwan waraanaa akka diroonii
Meeshaaleen waraanaa YFQ-42A fi YFQ-44A jedhaman jeettiiwwan waraanaa Humna Waraanaa US kan jalqabaa diroonii fakkeeffamuun hojjetamanii fi of danda'uun haleellaa raawwataniidha.
Meeshaaleen waraanaa kunneen AI dhaan socho'u.
Xiyyaaronni namaan oofaman waliin imalanis, xiyyaaronni akka diroonii kunneen garuu of danda'uun ergama raawwatu.
Meeshaalee waraanaa sammuu fi sirna narvii huban
Kun sadarkaa yaaliitti kan jiruudha. Meeshaaleen kunneen sirna narvii waliigalaa diinotaa kan hojiin ala godhaniidha.
Anniisaa, dambalii sagalee fi carallaa gadhiisuun miidhaa xiinsamuu qaqqabsiisu.
Meeshaalee waraanaan fageenyarraa sammuu namaa fi sirna narvii to'achuun ammallee waan tiyooriin qofa lafa taa'eera, ammallee hojiirra hin oolle.