Koloneel Dammaqan gabaasa HRW 'kijibaafi loogii qaba' jedhan

Madda suuraa, Wolkayt Tegedie Setit Humera Zone
Naannoo Amaaraa jala kan hundaa'e bulchaan I/aanaa 'Godina Walqaayit Xagadee Satiit Humaraa' Koloneel Dammaqa Zawuduu dhalattoota Tigraay irratti ''adeemsi loogii'' qabu hojiirra oolaa jira himata jedhu waakkatan.
Dhaabbanni idil-addunyaa mirga namoomaaf falmu Humaan Raayitis Waach torban kana keessa gabaasa baaseen dhalattoonni Tigraay bakkeewwan naannoon Amaaraafi Tigraay itti wal dhabanitti ''waraqaa eenyummaa akka hin argannee'' fi ''eeyyama malee akka hin imalle'' jiru jedhee himatee ture.
Kanaaf BBC'n deebii kan isaan gaafate Koloneel Dammaqaa Zawuduu gabaasicha ''dhugaarraa kan fagaate'' fi ''loogii'' qaba jechuun busheessaniiru.
Dhaabbanni mirga namoomaaf falmu Koloneel Dammaqaa irratti qoqqobbiin akka kaa'amu gaafatuu isaanii ilaalchisee yoo deebisanis ''ani yakkamaa miti'' jedhaniiru.
''Nuyi bulchiinsa Walqaayit Xagadee Satiit Humaraatti namoota Tigraay sababa eenyummaa isaaniin bulchiinsa qollifatu hin qabnu,'' jedhan Koloneel Dammaqaan.
Dabaluunis, kanaan duras Humaan Raayitis Waach ''nuun nu yakkuuf yaalee akka ture'' ni beekna jechuunis BBC'f deebii kennaniiru.
Dhaabbanni mirga namoomaaf falmu bakkeewwan Naannoon Amaaraafi Tigraay naaf mala jedhanitti sarbami ni raawwata jedhee gabaasa kan qopheesse jiraattota 40 bakkee sana jiraniifi godaanan dubbisee akka ta'e ibseera.
Dabalataan, hojjettoota gargaarsaa, dippilomaatotaafi ogeeyyii kaan dubbisuun ragaa walitti qabuullee dubbate.
Yeroo waraana Tigraay jiraattonni ''kuma dhibbaan'' lakkaa'aman bakkeewwan kanneenii ''dirqiin'' buqqa'uu ibsi kuni yaadachiiseera.
Dhalattoonni Tigraay ammallee '''aangawootaafi humnoota nageenyaan'' badiin irratti raawwatamaa jira jechuun himateera.
Koloneel Dammaqaan ''nuyi waan hin goone hin qabnu. Akka nama kamuu waraqaa eenyummaa, Faayidaallee (waraqaa eenyummaa biyyaalessaa) akka baasan eeyyamneerra.
''Kanaan ala nuti Faayidaan nuuf hin kennamne jedhee komiif nubira dhufe hin jiru,'' jedhan.
Koloneelichi odeeffannoo gabaasa keessa dhihaate ''gabaasa TPLF kenneefi maqaa bakkichaa balleessuuf barbaadanii kan hojjetan yoo ta'e malee kuni kan dhugaarra hundaa'edha hin jedhu,'' jechuun qeeqaniiru.
Gabaasa Humaan Raayitis Waach ''deeggaraa garee tokko'' haala fakkaatuun ''gadduu isaaniiyyuu'' ibsaniiru.















