KALLATTIIN, 'Ameerikaa waliin mari'achuuf gaafii tokkollee hin dhiyeessine' - Iraan

Iraan ibsa Pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp, Tehraan marii haaraa akka jalqabnuuf nu gaafatte jedhu mormite.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. 'Gaaffii gaafachuu barbaannu yeroo hin eeyyamnetu jira' - Miseensa Parlaamaa

    Miseensa Parlaamaa Itoophiyaa

    Madda suuraa, Kefena Effa

    Dr Kafanaa Ifaa waggoota shanan darban paartii biyya bulchu, Paartii Badhaadhinaa, bakka bu'un Miseensa Parlaamaa ta'un tajaajilaniiru.

    Dr Kafanaan waan dalaganiin akkuma gammachuu qaban silaa kana caalaa dalaguu dandeenya ture jechuun waan komatanis qabu.

  2. Nama xiyyaara keessaa qilleensi butee oole akkamiin haati warraa oolchite?

    Xiyyaara Booying 'Ryanair'

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Xiyyaara Booying 'Ryanair'

    Namni lammii Serbiyaa umurii waggaa 61 ta'e tokko wayita xiyyaara 'Ryanair' jedhamuun Giriikii irraa gara Jarmanii imalaa turetti balaa hamaa keessaa lubbuun oole jedhu imaltootni.

    Daataan hordoffii balalii akka agarsiisutti xiyyaarichi gara daqiiqaa 10f qilleensa keessa erga turee booda akka tasaa gara lafatti yeroo gadi siqu imaltoonni ''sagalee dho'u'' dhaga'uu isaanii gabaasan.

    Yeroo balaliin qilleensa keessa turetti foddaan xiyyaaraa keessaa tokko cabuun dhiibbaa qilleensaa cimaan uume.

    Namichi naannawa foddaa ture kun sababa dhiibbaa qilleensaan xiyyaara keessaa gara alaatti butamuuf harkii fi mataan isaa alatti ba'ee ture.

    Garuu sababa inni hidhanno teessoo (seat belt) hiidhatee jiruu fi deeggarsa haadha warraa isaatiin lubbuun isaa oole.

    Yeroo ammaa Hospitaala Giriik keessatti walaa'nsa argataa jira. Ogeeyyiin fayyaa hospitaala Giriik akka jedhanitti, maanguddoon kun akka hin kufneef haati warraa isaa gara daqiiqaa shaniif miila isaa qabattee turte," jechuun ibsan.

    Boodarra Imaltoonni kaanis gargaaranii qabanii keessatti deebisanii galchan. Kanaanis lubbuun isaa baraarame jedhame.

    Daandiin xiyyaaraa kun ibsa kenneen akka jedhetti xiyyaarri Jimaata ganama Giriik Tesalooniikii irraa gara Jarmanii Muuniik ka'e kun ''erga balali'ee yeroo muraasa booda yeroo balali'u foddaan karaa imaltootaa jiru xiyyaara irraa bu'e'' jedhe.

    ''Xiyyaarri sun yeroo gabaabaa keessatti gara buufata xiyyaaraa Solunitti deebi'ee nagaan qubatera. Imaltoonni gara buufata xiyyaaraatti deebi'aniiru.

    ''Imaltuu tokko gargaarsa yaalaaf gara Tasalooniikii geeffamaniiru," jedha daandiin xiyyaaraa kun.

    Qaamoleen qorannoo Giriikii, Maaltaa, Ayerlaandii fi mootummaa Ameerikaa taatee kana irratti qorannoo eegalaniiru.

    Xiyyaarri kun gosa xiyyaara Booyingi 737-800 waggaa 18 tajaajilaa ture ta'uun ibsameera.

  3. Iraan haleellaa US tibbanaatin lakkoofsa namoota du'anii beeksifte

    -

    Madda suuraa, AP

    Ministeerri Fayyaa Iraan haleellaa Ameerikaan guyyaa Roobii fi Kamisa ykn Adoolessa 8 fi 9 magaalota garaagaraa Iraan 6 keessatti raawwatteen namoonni 17 jjjeefamuu fi 115 madaa'uu isaanii beeksise.

    Dursaan wirtuu Odeeffannoo Ministeera Fayyaa Iraan, Hooseen Kermanpoor, namoota du'an keessaa dubartiin tokko akka argamtu eeran.

    Namoonni madaa'an hedduunis wal'aansa barbaachisaa argatanii hospitaala keessa bahuu isaanii himan.

    Akka gabaasaleen jedhanitti, haleellaan Ameerikaan kun erga Iraan dooniiwwaan sadii ulaa Hormuzii keessatti argaman irratti tarkaanfii waraanaa fudhattee booda kan raawwatamedha.

    Haleellaan qilleensaa kunis magaalota Bandar Abbas, Qeshim, Sirik, Chabahar fi Busheher keessatti buufata waraanaa fi bu'uuraalee adda addaa irratti xiyyeeffachuun raawwatamuu mootummaa Iraan kan ibse.

    Waraanni Ameerikaa fi Iraan baatii tokkoof dhaabatee ture tibbana deebi'ee hammaachaa kan jiru yoo ta'u, hawaasni addunyaa rakkoon kun karaa marii fi dippilomaasiitiin akka furamu waamicha dhiyeessaa jiru..

    Biyyootni akka Kuwaatar fi Paakistaanfa ammoo ​​marii Ameerikaa fi Iraan deebi'ee akka jalqabuuf jaarsummaan gidduu galaa jiru.

  4. Iraan fi Omaan haala nageenya Ulaa Hormuz irratti mari'atan

    -

    Madda suuraa, ISNA

    Ministirri Dhimma Alaa Iiraan Abbaas Araaqchii qondaaltota olaanoo mootummaa Omaan waliin marii'achuf magaalaa Muskaat dhaqqabiiru.

    Mariin kunis nageenya ulaa Hormuzii mirkaneessuu fi geejjibni galaanaa nagaan akka itti fufu irratti xiyyeeffata.

    Akka gabaasni naannichaa ibsutti, mariin mootummaa lameen gidduutti taasifamu kun Keewwata 5ffaa Waliigaltee marii Islamaabaad irratti hundaa'uun, sirna haaraa dooniiwwaan daldalaa fi boba'aa karaa ulaa Hormuzii nagaan akka darban murteessuuf kaayyeffateedha.

    Waliigalteen kun bulchiinsa gara fuulduraa fi tajaajila geejjibaa galaanaa irratti Iraan fi Omaan waliin hojjechuu akka qaban tumee jira.

    Marii kanaan Iraan fi Omaan nageenya karaa bishaanii addunyaa keessatti iddoo murteessaa qabu kana eeguuf akkamitti waliin hojjechuu akka danda'an irratti mari'achaa jiru.

    Marii Muskaat kun yeroo walitti bu'iinsi Ameerikaa fi Iraan torban darbe ulaa Hormuzii irratti hammaatee ture booda gaggeeffamaa jira.

    Haleellaa dooniiwwan daldalaa irratti raawwatamee fi deebiin waraanaa Ameerikaa naannicha keessatti sodaa nageenyaa dabaleera.

    Yeroo wal fakkaatutti, mootummaa Kuwaatar Jila araaraa gara Tehraan erguun, Iraan fi Ameerikaa gidduutti mariin dippilomaasii akka deebi'u fi walitti bu'iinsi naannichaa akka hir'atu irratti hojjechaa jira.

  5. 'Ameerikaa waliin mari'achuuf gaafii tokkollee hin dhiyeessine' - Iraan

    Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Iraan Ismaa'iil Baqaa'i

    Madda suuraa, ISNA

    Ibsa waa'ee suuraa, Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Iraan Ismaa'iil Baqaa'i

    Iraan ibsa Pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp, Tehraan marii haaraa akka jalqabnuuf nu gaafatte jedhu mormite.

    Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Iraan Ismaa'iil Baqaa'i Iraan Ameerikaa waliin marii haaraa akka taasiftu gaaffii tokkollee hin dhiyeessine jedhan.

    Baqaa'ii ibsa Miidiyaa mootummaa Iraan irratti kenneen, Tehraan gaaffii mootummaa Ameerikaaf dhiyeessiteen osoo hin taane, gaaffii araaraa biyyootni jaarsumman yaalaa jiran irraa dhiyaate qofa fudhachuun haala yeroo irratti kan mari'attu ta'uu ibsan.

    Mariin tibbana magaalaa Mashhad keessatti, mootummaa Kuwaatar waliin gaggeefameenis waan Iraan barbaadduu ibsameefira jedhan.

    Qondaalichi Iraan waliigaltee Waxabajjii 17 mallatteeffame kabajuuf qophii ta'uu irra deebi'ee mirkaneessuun, "waadaa gallee eegaa jirra" jechuun US illee waadaa kana kabajuu akka qabdu dhaaman.

    Baqaa'ii Ameerikaan waliigaltee sana irra deddeebiin cabsaa jirti jechuun himatan.Haleellaa guyyoota Roobii fi Kamisaa raawwataman qajeelfamoota jalqabaa waliigaltee sanaa kan cabsanidhas jedhu.

    Akkasumas Ameerikaan hayyama daldala boba'aa Iraan haqxuufi adabbii dinagdee haaraa kaa'uun keewwata biroo waliigaltee sanaa kan cabsite jedhan.

    Yoo Ameerikaan waliigaltee cabsuu itti fufte, Iraanis deebii wal fakkaataa akka kennitu akeekkachiisan Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Iraan Ismaa'iil Baqaa'i.

    Ibsi kunis yeroo Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Iraan marii itti fufuuf Ameerikaa gaafatte jechuun dubbateetti kename.

  6. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo guyyaa Sambataa eegale.

    Oduuwwan jala jalaan isin biraan geenya.

    Asumaan miidiyaawwan hawaasummaa keenya mil'adhaa.

    Lafa nagaa oolaa!

  7. Tiraamp haala waraana Iraan irratti odeeffannoo haaraa kennaan

    Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp

    Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Ameerikaan mootummaa Iraan waliin marii dippilomaasii itti fufaa jirti jedhan.

    Haa ta’u malee, yeroo ammaa " waligalteen waraana dhaabuu xumuramee jira, yeroo keessanitti fayyadamaa" jechuun mootummaa Iraan akeekkachiisan.

    Tiraamp ergaa marsariitii hawaasummaa isaanii irratti maxxansaniin, mootummaa Iraan marii akka itti fufnu gaaffii dhiyeessan jechuun himan.

    “Iraan marii itti fufuuf nu gaafatan. Nutis gaaffii isaanii fudhanneerra. Garuu Ameerikaan ifatti isaanii himti; yeroon waraana dhaabuu xumurameera,” jechuun barreessan

    Ibsi Tiraamp kun kan bahe yeroo waraanni Ameerikaa guyyoota darban keessa buufata waraanaa Iran shan kibba biyyattii keessatti argaman irratti haleellaa qilleensaa raawwatte boodadha.

    Washington haleellaa kana raawwachuun , dooniwwaan daldalaa fi imaltootaa naannoo ulaa Hormuz keessatti haleellaan irra ga'eera jechuun, Iraan itti gaafatamaa taasisee.

    Bulchiinsi Ameerikaa akka jedhuutti, tarkaanfiin waraanaa kun nageenya geejjibaa galaanaa eeguuf fi humna waraanaa Iraan dadhabsiisuuf tarkaanfii fuadhatame ta'uu ibse.

    Gama biraatiin mootummaa Iraan haleellaa Ameerikaan raawwatame balaaleffatee, bu’uuraalee misoomaa fi dhaabbilee mootummaa isaa irratti haleellaan yoo raawwatame angawoonni Iraan biyyattiin of eeguuf tarkaanfii barbaachisaa hunda fudhachuuf qophii ta’uu isaanii ibsaniiru.

  8. Kaataar jaarsummaa US fi Iraan itti fufuu feeti, mariitti deebi'aa jetti

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Kaataar jaarsummaa US fi Iraan itti fufuu feeti, mariitti deebi'aa jetti

    Kaataar gahee jaraarsummaa US fi Iraan gidduutti jalqabde jabeessitee akka itti fuftu Dubbii-himaan Ministira Dhimma Alaa biyyattii Majiid Al-Ansaarii beeeksisuu isaanii CBS gabaase.

    Marii paanaalii Konfiransii Chatham House London Kamisa gaggeeffame irratti Al-Ansaariin haasawa taasisaniin dhimma kana dubbatan.

    Haasawa mata-duree "Ji'oo-poolitiksii Haaraa Baha Giddugaleessaa" jedhu irratti, Kaataar waraanaa naannichaa tureen "kallattiin kan miidhamte" taatus, dhimma jaarsummaa kanaaf gahee jalqabde akka itti fuftu dubbatan.

    Ejjennoon biyya keenyaa "tarkaanfiin waraanaa tasgabbii waaraa hin fidu kan jedhu dha, toorri dippilomasii filannoo tokkicha gaaga'ama hambisuu fi nagaa fi tasgabbii naanichaatti dhugoomsu" jedhan aangawaan Kaataar.

    Akka ibsa Ministeera Dhimma Alaa Kaataar bahetti, Al Ansaariin Giddugaleessa Bahaa "gaaga'ama darbu osoo hin taane muddama kuufamee fi babal'atutu mudachaa jira"kun immoo jeequmsa mul'atee hin beekne uumaara.

    Al Ansaariin hariiroo diinagdee jabeessuufi biyyoota naannichaa gidduutti wal amantaa uumuuf "gara toora dippilomasiitti deebi'uu fi furmaata siyaasaa waarawaatti cehuu"murteessaadha jedhan.

    Tasgabbii waaraa naaannichatti dhugoomsuun immoo, "birmadummaa walii kabajuu, tarkaanfii waloo jabeessuu fi adeemsa dippilomasii cimsuu akka tooftaa filatamaa gaaga'ama hiikuu fi egeree caalmaatti tasgabbaa'aa ta'e uumuutti fudhachuu dha" jedhan.

  9. Buqqaatonni Sudaan deebi'aa jiranis haalli Kaartum keessaa mijataa miti

    -

    Madda suuraa, Barbara Plett Usher / BBC

    Ibsa waa'ee suuraa, Kaartum waraanaan wayita mancaate

    Waraanni Sudaan magaalaa guddoo Kaartum humna addaa RSF harkaa kan baafate bara 2023tti ture.

    Magaalaa teessoo mootummaa tana harkatti erga deebisee fudhatee ganna tokko keessatti, namoota miliyoona 5 magaalaa sana keessaa buqqa'anii bahan keessaa namoonni miliyoona 2 ol gara qe'ee isaaniitti deebi'aniiru.

    Ta'us, aangawoonni Sudaan erga injifannoo waraanaa argatanii booda jireenyi idilee dafee bakka isaatti akka deebi'u waadaa galanillee, tajaajilli ibsaa baay'ee gadi aanaadha, gamooleen ammallee akka manca'anitti jiru, akkasumas hojjettoonni mootummaa mindaa argachaa hin jiran.

    Lammiileen tokko tokko immoo kan deebi'an dhumarratti filannoo dhabanii, sababa biyya ollaa Ijptii keessatti godaantotarratti tarkaanfiin fudhatamaa jiruuf sana dheessuuf qofa akka ta'e dubbatu.

    Mootummaan Sudaan sababa waraanaan waajjiraalee bulchiinsaa gara magaalaa galaanaa Poot Sudaanitti geeffatee ture boodarra hojjettoonni mootummaa gara Kaartumitti deebi'anii akka hojii jalqaban ajajeera.

    Barattoonni,kanaan dura barumsa toora interneetiin kennamaafiinii fi qorannoo isaanii wiirtuuwwan yerookeessatti ykn biyya alaatti akka fudhatan hayyamameefis, gara kutaalee dhaabbilee barnootaatti akka deebi'an beeksiseera.

    Nisriin Al-Taayib maatii ishee waliin gara Ijipti baqattee turte, erga tarkaanfiin baqattoota irratti fudhatamu jalqaba bara kanaa kaasee hammaatee booda gara biyyaatti deebi'uuf murteessite.

    "Nuti jalqaba Sudaanii kan baane sababa rakkoo tasgabbii fi nagaatiini, garuu achittis haaluma wal fakkaatutu nu qunname. Ijipti keessattis nageenyi hin turre," jette Al-Taayib.

    Haalli Sudaan fooyya'aa akka jiru yeroo dhaga'an, ishee fi maatiin ishee deebi'uuf murteessan. Isheen gara hojii ishee barsiisummaatti deebi'uuf yaalaa jirti, garuu akka hojjettoota mootummaa baay'ee, mindaa ishee isa xiqqoo illee hin arganne.

    Waliigalaan haalli Kaartum jirus kan buqqaatota hawwatu akka hin taane gabaasni Rooytarsi ni agarsiisa.

  10. Yaaddoo gabaa bob'aa erga Ameerikaa fi Iraan wal haleelutti deebi'nii booda

    Boba'aa

    Madda suuraa, iStock

    Ibsa waa'ee suuraa, Boba'aa

    Waldhabdeen Iraanii fi Ameerikaa gidduutti uumame gabaa boba’aa addunyaa irratti ammas yaaddoo cimaa uumera.

    Ejensiin Anniisaa Idil-addunyaa (IEA) torban kana keessa waraanni Ameerikaa fi Iraan gidduutti hammaatee abdii gabaa boba’aa addunyaa fooyya'aa jiru irratti gaaddidduu uumeera jedhe.

    IEA'n kanaan dura waliigalteen baatii darbe Waashingitanii fi Teehraan gidduutti taasifamee fi waraanni kun xumuramee ulaan Hormuuz guutumatti akka banameen ji’oota dhufan keessatti dhiyeessiin boba’aa guddaa akka dabalu tilmaamee ture.

    Haa ta'uu malee, amma dhaabbatichi waraanni deebi'ee ka'uun tilmaama sana faallessuu akka danda'u akeekkachiisa.

    Haalli gara waligalteetti deemuu hanqachuu fi waraanni deebi'ee eegaluun ammas haalicha walxaxaa godhee, muddama guddaa uumera.

    Wayita hogganaan olaanaa Iraan duraanii Ayaatollah Ali Kaamenii magaalaa Mashhaad keessatti awwaalamaniillee haleellaan itti fufee jira.

  11. Balaa abidda bosonaa uumameen Ispeenitti namoonni du'an 12 gahan

    -

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, -

    Balaa abidda bosonaa Ispeen keessatti mudateen namoonni 12 lubbuu dhaban. Kanneen 23 ta'an immoo achi buuteen isaanii dhabame. Kanneen 600 ta'an immoo qe'ee isaaniirraa buqqa'an.

    Balaan abiddaa kun danbalii ho'a hamaa wayitii ammaa Lixa Awurooppaa keessatti mudateen kan uumame jedhameera.

    Ibiddi bosonaa naannoo Almeriyaa keessatti uumame jalqaba Los Gallardos keessaa kan ka'e yoo ta'u, kunis handaara galaana Meditiraaniyaanii irraa kiilomeetira muraasa gara keessaatti fagaata.

    Bulchitoonni naannoo Andaaluusiyaaa kan kibba baha Ispeen akka jedhanitti, ibidda akkas nama gaddisiisu qabatanii akka hin beekne ibsan.

    Ispeenitti duuti balaa akkanaa 1950, and had days where it recorded its highest ever temperatures for that month.

    Ispeen keessatti ji'a Waxabajjii darbe qofa namoonni 1,000 caalan sababa kanaan lubbuu dhabanii jiru.

    Hojjettoonni balaa tasaa fi loltoonni biyyattii abidda bosonaa kana dhaamsuf bobbaafaman. Aangawoonni akka jedhanitti ibiddi ka'e kun kutaa bulchiinsa Almeeriyaatti bosona hektaara 3,000 gubeera.

    Ejensiin ittisa balaa naannichaa abidda kana dhaamsuf:

    • hojjettoota 178
    • Injinaroota ibidda dhaamsan sagal
    • helikoptaroora torba
    • xiyyaarota jaha bobbaasuu beeksise.

    Waraanni Ispeen kutaa Almeeriyaatti loltoota 220 fi konkolaattota 70 bobbaasuu beeksise.

    Ministirri Muummee Ispeen Peedroo Saanchez, ibidda kana dhaamsuuf qabeenyi "meeshaa fi humna namaa" Ispeen guutuu keessa jiru hundihojiirra oolaa jira jedhan.

    Saanchez fuula X ofii irratti akka ibsanitti, bulchaa naannoo Andaaluusiyaaa Huwaanma Mooreenoo waliin kan dubbatan yoo ta'u, erga ibiddi kun ka'ee kaasees lamaan isaanii waliin hojjechaa akka jiran ibsaniiru.

    Akka waajjira odeeffannoo balaa abidda bosona Awuropoppaatti (EFFIS) waggaa darbe keessa qofa Ispeen keessatti lafti hektaara 393,000 ta'u ibiddaan gubate.

    -

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Balaa abiddaa Ispeen
    -

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Balaa abiddaa Ispeen
  12. Kooriyaan Kaabaa boombii Niwukilaraa dabaltee oomishuuf murteessuu beeksiste

    Suuraa Pirezidaantii Kiim Joong-Un

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Suuraa Pirezidaantii Kiim Joong-Un

    Mootummaan Kooriyaa Kaabaa dandeettii meeshaa niwukilaraa isaa daran cimsuuf murteessuu beeksise.

    Miidiyaan mootummaa Kooriyaa Kaabaa kan ''Korean Central News Agency (KCNA) jedhamu akka gabaasetti, biyyattiin humna niwukilaraa cimsuu qofa osoo hin taane, hojii qaama odeeffannoo tikaa (intelligence) fi humna waraanaa ishees daran jabeessuuf karoorfatteetti.

    Murtiin kun walga'ii Koree Waraanaa Giddugaleessaa paartii mootummaa hoogganuun gaggeeffame irratti mari'atamee murtaa'uu KCNA ibseera.

    Kooriyaan Kaabaa waggoota hedduuf sagantaa meeshaa niwukilaraa isheetiin walqabatee qoqqoobbii cimaan hawaasa addunyaa irraa kaa'ama tureera.

    Haa ta'u malee, mootummaa biyyattii dandeettii ittisaa fi waraanaa isaa akkasumas Niwukilaraa isaa guddisuu akka itti fufu irra deebiin mirkaneesseera.

    Kooriyaan Kaabaa boombii niwukilaraa 60 ol ta'u walitti akka qabdu Dhaabbanni Qorannoo Nagaa Idil-addunyaa Stockholm (SIPRI) tilmaamera.

    Haa ta'uu malee sagantaan meeshaa waraanaa biyyatti iccitii cimaa waan qabuuf, dhaabbileen addunyaa ragaa gutumatti dhugaa ta'e ibsuuf rakkatu

  13. Miseensi Parlaamaa Dr Kafanaa Ifaa parlaamaatti maal taajjaban?

    Maxxansa YouTube irra dabri
    Qabiyyee Google YouTube hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu. YouTube beeksisa qabaachuu danda'a.

    Xumura maxxansa YouTube

    Dr Kafanaa Ifaa waggoota shanan darban Paartii Badhaadhinaa bakka bu’un Miseensa Parlaamaa ta’un gaaffiiwwan keessumaa dhimma nageenyaarratti irra deddeebiin gaafataa turan.

    Hayyuun qonnaa kuni yeroon turtii isaanii yeroo xumuramaa jirutti ummataaf maal gumaachan, wanti isaan ajaa’ibe, qormaata ta’e yoo jiraate BBC’n gaafateera.

    Dr Kafanaan waan dalaganiin akkuma gammachuu qaban silaa kana caalaa dalaguu dandeenya ture jechuun waan komatanis qabu.

    Irra deebi’anis Miseensa Parlaamaa ta’uf hin dorgomne. Sababa isaa BBC’n iyyafateera.

  14. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo guyyaa Jimaataa eegale.

    Oduuwwan biyya keessaafi alaa jala jalaan isin biraan geenya.

    Lafa nagaa oolaa!