Iraan haleellaa raawwachuu booda dooniiwwan lama to'achuu ibsite

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Humni galaanaa Iraan Ulaa Hormuuz keessatti dooniiwwan meeshaa fe'atanii darbaa turan sadiirratti dhukaasni banamuu booda lamaansaanii to'achuun gara buufata doonii biyyattii fudhachuu ibse.

Miidiyaan mana Maree Nageenyaa Iraan waliin hidhata qabu Nour News akka gabaasetti Humnoonni Eegdota Warraaqsa Islaamaa Iraan doonii isa jalqabaa Epaminodes jedhamu akeekkachiisa humnoota Iraan fudhachuu diduu booda dhukaasni itti banameera.

Dooniin inni lammataa Euphoria jedhamus erga irratti dhukaafamee booda dhaabsifameera. Doonii sadaffaan MSC-Francesca jedhamu akkasuma itti dhukaafamuu booda dhaabsifamuu BBC Verify mirkaneeffateera.

Miidiyaan Humnoota Warraaqsaa Iraan(IRGC) waliin hidhata qabu Fars News Agency Humnootni warraaqsaa Iraan haleellaa raawwachuun dooniiwwan fudhachuu gabaaseera.

Tarkaanfiin Iraan kun kan fudhatame wayita Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp waliigaltee dhukaasa dhaabuu Roobii xumurame hanga mariin biyyoota lamaanii itti aanu xumuramutti dheeressuu booda.

Akka BBC Verify mirkaneeffatetti dooniin jalqabaa Epaminondas jedhamtu qabeenyaa Giriiki yoo taatu Roobii ganama itti dhukaafame.

Gidduugalli ajajaa humna galaanaa IRGC akka jedhutti dooniin kunii fi dooniin alaabaa Paanaamaa qabdu MSC- Francesca jedhamtu lamaanuu nageenya galaanaa balaarra waan buusaniif to'atamaniiru jedhe. ''Hayyama barbaachisu malee sochoo'uun, sirna yabalaas rakkoo keessa galchaniiru''' jechuun rakkoo uuman jedhe ibse.

Dabaluunis dooniiwwan kunniin wanti fe'an fi ragaaleen harkaa qaban ni sakatta'ama jedheera.

Akka gabaasaaleen agarsiisanitti dooniiwwan qabaman qaama dhaabbatni fe'isa galaanarraa guddicha addunyaa ta'e MSC ti. Erga waraanni Iraan eegalee dooniiwwansaa hedduun Galoo Galaan Parzhiyaatti dhaabbataniiru.

Erga ta'ii kanaa garuu dooniiwwansaa afur Ulaa Hormuuz keessa bahaniiru jedha gabaasni bahe. Dooniiwwan kun sirna bakka dooniin gahe agarsiisu transponders jedhamu dhaamsanii Ulaa kana keessa bahan jedhame.

Ministirri Haajaa Alaa Giriik Giyoorgoos Geraapetriits dooniin biyyasaanii qabamuushee hin mirkaneessine.

Yaada CNNf kennaniin ''doonii fe'isaa Giriik irratti dhukaasni banamuu ni mirkaneessina, garummoo warra Iraaniin fudhatamuusaa hin mirkaneessine'' jedhe.

IRGC ibsa isaa keessatti doonii alaabaa Paanaamaa ofirraa qabdu ilaalchisee wanta jedhe hin qabu. Abbaan haleele ifa miti. Akka ragaan agarsiisutti dooniin kun kaampanii teessoonsaa UAE ta'een hoogganama. Jiddaan ammaa bakka imallisaa itti raawwatu ta'uun ragaan ni agarsisa.

Haleellaawwan doonii kanaa kan raawwatame guyyaa waliigalteen dhukaasa dhaabuu Iraaniifi US torban lamaaf ture itti goolabamuttidha.

Tiraamp yaada Kibxata kenneen wayita yeroon waliigaltee sanaa xumramu Iraaniin akka hin haleelle Paakistaan gaafachuu dubbate. Ammoo uggurri ykn danqaan US ulaan galaanaa Iraanirra keesse itti fufeera.

Tiraamp dabaluun Rippaablikni Islaamaa Iraan sabab uggura itti tolchan kanaan gama ''diinadgeen kufaa'' jirti jedhe.

Qondaalli maree nagaa Iraan hoogganu Mohaammad Bagiheer Galibaaf yaada Roobii kenneen sarbama waliigaltee nagaa sana mara argaa Ulaa Hormuuz banuun hin danda'amu'' jedhe.

Qaama sarbama sanaa kan ta'u ulaa Iraan ugguruudha jedhe. Gochaan kun diinagdee addunyaa ''akka qabdootti'' qabachuudhaan qixxeedha jedhe.

Pirezidantiin biyyattii Masuud Pezheekkshiyaan ammoo uggurri ulaa Iraan sun ''waadaa cabsuu'' fi ''mariin dhugaa'' US waliin gochuuf danqaa ta'eera jedhe.

US fi Iraan waliigaltee dhukaasa dhaabuu torban lamaa kan waliigalan Ebla 8 ture. Akka Tiraamp jedhetti bu'urri waliigaltee sanaa Iraan Ulaa Hormuuz banuudha.

Iraanis Dooniin akka yabalu hayyamuun waraanasheetiin yabala dooniiwwanii ulaa kanaa to'achaa turte.

Ebla 13 ammoo US doonii waraanaan ulaa gara buufata doonii Iraan galchuufi baasu ugguurte. Kuni kan ta'e guyyaa waliigaltee waaraarra gahuuf mariin godhamaa ture milkii dhabetti.

Gidduugalli ajaja waraanaa US ibsa Kibxata kenneen dooniiwwan 28 hanga ammaa ofiirra akka deebi'an ykn gara buufata doonii Iraan deebi'an godhameera.

Dilbata darbe ammoo US yeroo duraaf doonii alaabaa Iraan ofirraa qabu qabachuu ibsiteetti. Iraan kun wanbadummaa galaanarraati jechuun balaaleffatteetti.

Ammatti waliigalteen haaraan dhabamuu hordofee gabaa addunyaa isa hanga ta'e boqonnaa argatee ture yaaddootti deebiseera.

Ministirri Haajaa Alaa Iraan yaada BBCf kenneen marii marsaa itti aanu Paakistaanitti gaggeeffama jedhamee eegamurratti Tehraan hirmaachuufi dhiisuunshe hin beekamu jedheera.