Israa'el Iraaniin gara bara dhagaatti deebisuuf eeyyama Ameerikaa eegaa jirti- Min. Ittisaa
Min. Ittisaa Israa'el Iraaniin 'akka bara dhagaatti' deebisuuf eeyyama Ameerikaa eegaa jirra jedhan.
Iraan irratti waraana deebisnee jalqabuun ''bara dukkanaafi dhagaatti'' deebisuuf qophiidha jedhe.
Israa'el Kaatiz, humni waraanaa Israa'el qophaa'ee Ameerikaa irraa eeyyama qofa eegaa jira jedhan.
''Isa jalqabaa fi isa dhumaaf daayinastii Kaameeniitti xumura goona'' jedhan.
Hogganaa Olaanaan duraanii Iraan Ayatolaa Alii Kaameenii haleellaa Israa'eliin ajjeefamaniiru.
Israa'el kaatiz buufataalee aannisaa fi bu'uuraalee misoomaa dinagdeeshee haleeluun Iraaniin 'bara dhagaa durii fi dukkanaatti'' deebisna jedhan.
''Haleellaan inni ammaa baay'ee hamaa fi cimaadha, bakkeewan tokko tokko bu'uuruma isaayyuu kan raasuu fi balleesudha'' jedhan.
Tiraampis Iraan gara waliigalteetti hin dhuftu taanaan haleellaa cimaa irratti banuun 'bara dhagaa duriitti'' ishee deebisa jechuun dhaadateera.