Ulaawwaan galaanaa akkuma Hormuuz addunyaaf murteessoo ta'an 5 kanneen beektuu?

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Daandiin bishaanii fi bo'oowwan teessuma lafaa barbaachisoo seenaa daldala idil-addunyaa bocan keessaa isaan ijoodha.

Daldala addunyaa fi hariiroo idil-addunyaa jaarraa hedduuf si'eessuuf gargaaraniiru.

Daandiiwwan bishaanii kunneen dooniiwwan akka darban haala mijeessuu qofa osoo hin taane, ardiilee gidduutti daldalli mala salphaan akka taasifamu taasisaniiru.

Geejjibni meeshaalee daldala gurguddoo galaanaa irratti waan hirkatuuf barbaachisummaan daandii bishaanii kanaa sirna dinagdee addunyaatiif wiirtuu murteessaa ta'eera.

Daandiiwwan bishaanii kunneen galaana walitti hidhuu keessatti gahee olaanaa kan qabanifi fageenya daandii galaanaa hir'isuu, dhiyeessii addunyaa salphisu, yeroo fi baasii qusachuu keessatti gumaacha qabu.

Kanaafuu, daandii bishaanii kanneen irratti jeequmsi ykn rakkoon uumamu kamiyyuu gabaa addunyaatti jeequmsa guddaa fiduu danda'a.

Barbaachisummaan daandiiwwaan bishaanii kunneen dinagdee qofaarratti kan murtaa'ee utuu hin taanee akka mallattoo humna siyaasaa fi waraanaatti ilaalamu.

Kanneen addunyaa irratti beekaman keessa 5 haa ilaaluu:

1. Ulaa Hormuuz

Iraan fi Omaan gidduutti kan argamu ulaan Hormuz, bakki teessuma lafaa isaa Galoo Galaana Pershiyaa fi Galaana Hindii waan walqunnamsiisuuf daandii galaanaa addunyaa irratti barbaachisoo ta'an keessaa isa tokkodha.

Naannoo kun geejjibaa doonii boba'aa biyyoota Galoo Galaanaa irraa gara gabaa idil-addunyaatti geessuuf akkanbarbaachisaa waan ta'eef daandii galaanaa addunyaa irratti murteessaa ta'an aadda durummaan eermaanidha.

Barbaachisummaan isaas boba'aan addunyaa dhibbeentaa 20 ol karaa kanaan darbuu isaati.

Jeequmsi kamiyyuu naannawa ulaa kanaatti uumaamu gatii boba'aa addunyaa irratti rakkoo geessisa.

Eegdonni Warraaqsa Iraan haleellaa Ameerikaa fi Israa'el Iraan irratti banan hordofee dooniwwaan addunyaa ulaa kana keessa darbuu dhabuu isaatin addunyarratti gatiin boba'aa haala ta'ee hin beekneen dabalee jira.

Haa ta'u malee humnichi dooniiwwan keessumaa kanneen Ameerikaa fi Israa'el waliin hidhata qabaniif malee gutumaa guttutti kan hin cufamne ta'uu ibse.

2. Bo'oo Su'iiz

Bo'oon Galaana Diimaa fi Galaana Meditiraaniyaanii waan walqunnamsiisuu Masrii keessatti argamu daandii bishaanii addunyaa irratti barbaachisoo ta'an keessaa isa tokko.

Bo'oon kun karaa kallattii Awurooppaa fi Eeshiyaa gidduutti gidduutti uumuun daldala addunyaa bu'uuraan kan jijjiiree yoo ta'u, tilmaamaan fageenyaa imala doonii gara kiiloo meetira kuma 9 kan hir'iseedha.

Keessumaa daldala idil-addunyaa keessattuu doonii boba'aa fi gaazii geejjibsiisaniif gahee olaanaa kan qabu yoo ta'u, Masriif ammoo madda galii guddaadha.

ta'a.

Hojiin bo'oo Suu'iz bara 1859 bara bulchaa Masrii, Saayid Pasha kan jalqabe yoo ta'u dhaabbata Faransaay tokkoon durfamuun bo'oo nam tolchee Galaana Diimaa fi galaana meedatiriyaani wal qunnamsiisedha.

Pirojektii kana irratti namoonni tilmaamaan miliyoona 1.5 ta'an kan hojjetan yoo ta'u, jalqaba irratti hanga bara 1863tti dhorkamuutti hojii humnaa Gibxii irratti baay'ee kan hirkate yoo ta'u, sana booda hojii kana xumuruuf maashinoota danfiin hojjetan itti fayyadam.

Bo'oo kana qotuun waggoota kudhan kan fudhate yoo ta'u namoonni gara miliyoona 1.5 tti tilmaamaman hojii kana irratti hirmaataniiru jedhama.

Egalee waggaa kudhan boodaa xumuramee sadaasa 17, 1869 ifatti dooniidhaaf baname.

3. Ulaa Baab El Mendeb

Baab al-Mandab ulaa Galaana Diimaa fi Galoo Galaana Aden kan walqunnamsiisu yoo ta'u, Yaman, Jibuutii fi Eertiraa gidduutti argama. Ulaan kun karra kibbaabo'oo Suu'iiz yoo ta'u, daldala idil-addunyaa keessattis barbaachisummaa addaa qaba.

Dooniiwwaan Eeshiyaa fi Awurooppaa gidduu imalan harki guddaan ulaa kana keessa waan darbaniif, dhiyeessii addunyaa keessatti wiirtuu geejjibaa isa murteessaa taasiseera.

Haa ta'u malee, waldhabdee Gaanfa Afrikaa fi Yaman keessatti uumameen rakkoon nageenyaa kan mudatu yoo ta'u, yeroo hedduu rakkoo nageenyaaf saaxilamaadha. Kanaaf, biyyootni addunyaa humna guddaa qaban, ulaan kun daqiiqafillee rakkoon akka hin muudannee fedhii guddaa qabu.

Yeroo darbe keessa doorsisni fi haleellaan Huutiin Yaman Israa'el mormuuf dooniwwaan ulaa kana keessa darban irratti raawwataa turan geejjibaa dooniwwaan idil addunyaa irratti jeequmsa guddaa kan fide yoo ta'u, baasii inshuraansii galaanaa akka dabalu taasiseera.

Kana ittisuuf biyyoonni Awurooppaa hedduu fi Ameerikaa humna idil-addunyaa uumuun 'Operation Aspidis' jedhamuun nageenyaa naannawa Galaana Diimaa fi ulaa Bab al-Mandab eeguuf hojjataa turan.

Ergamni isaanii gareen Huutii ulaa kana irratti rakkoo akka hin uumne dooniiwwan eeguu, balaa isaan geessisuu danda'an hordofuu fi deebii kennuu, akkasumas nageenyi naannoo murteessaa kanaa akka eegamuu fi dhiibbaa jeequmsa daldala idil-addunyaa irratti fidu xiqqeessuu kan dabalatudha.

4. Ulaa Jibraltar

Ulaan Galaanaa Jibraltar kaaba Morookoo fi kibba Ispeen gidduutti kan argamudha.

Gama Awurooppaatiin Ingiliziin kan to'attu yoo ta'u, UK'n daandii galaanaa murteessaa Galaana Meditiraaniyaanii fi Galaana Atlaantiik walqunnamsiisu kana keessatti bakka tarsiimoo ta'ee kana akka argattu taasiseera.

Barbaachisummaan isaas daandii doonii ijoo Awurooppaa, Afrikaa fi Ameerikaa walqunnamsiisu ta'uu isaatiin wiirtuu daldala idil-addunyaa taasisuu fi gabaa hedduu ulaa galaanaa tokkoon walqunnamsiisuuf gumaachuudha.

Ulaan galaanaa kun ardii Awurooppaatti dhihoo ta'uu ishee irraa kan ka'e barbaachisummaa waraanaa fi siyaasaa qaba.

Waldhabdeewwan sababa ulaa kanaan mul'atan keessaa muraasni dorgommii koloneeffatootaa jaarraa hedduudhaaf humnoota gurguddoo Awurooppaa keessumaa Ingilizii fi Ispeen gidduutti uumameefaa ture.

Darbee darbee waldhabdeen Morookoo fi Ispeen gidduutti odola xixiqqoo naannoo ulaa kanaa jiran tokko tokko kan akka Odoola Leyila (Tora) jedhamu irrattis uumameera. Haa ta'uu malee walfalmiin kun bara ammayyaa keessatti gara waraana gurguddaatti kan hin hammaanne ture.

5. Bo'oo Paanaamaa

Bo'oon Paanaamaa ulaa daandii bishaanii namtolchee maayilii 51 dheeratu kan Galaana Atlaantiik fi Paasifikii wal qunnamsiisu yoo ta'u, imala daandii galaanaa bahaa fi dhiha addunyaa gidduu jiru gabaabsa.

Bo'oon kun dooniiwwaan gurguddoon gara galaana Atlaantiik fi Paasifikiitti akka wqaxxaamuran kan taasisu yoo ta'u, yeroo imala galaanaa fi baasii geejjibaa haalaan hir'isuuf gumaacheera.

Bo'oon kun daldala idil-addunyaa keessatti, keessumaa geejjibaa Ameerikaa fi Eeshiyaa gidduutti gahee olaanaa kan qabudha.

Guddina daldala idil-addunyaa keessummeessuuf qaburraa kan ka'e hanga dandeettii isaa guddisuuf dhiheenya kana hojiin babal'isuu irratti hojjatameera.

Hojiin bo'oo Paanaamaa bara 1881 karoora Faransaay kan 'Ferdinand de Lesseps' tiin durfamuun kan jalqabe yoo ta'u, yeroo Paanaamaan qaama Kolombiyaa turetti ture.

Haa ta'u malee, pirojektichi giddutti dhaabatee kan ture yoo ta'u,Ameerikaan bara 1903tti Paanaamaan Kolombiyaa irraa adda baatuu erga deeggartee booda bo'oo kana to'achuun bara 1914tti xumurtee ifatti dooniwwaan addunyaaf baname.

Erga banamee booda, bo'oon Paanaamaan waggoota kurnaniif Ameerikaan kan to'atame yoo ta'u, boodarraa Paanaamaa keessatti waldhabdee keessoo fi mormii guddaan dhiiga dhangalaasee uumameera.

Keessattuu taateewwan bara 1964 kan lammiilee Paanaamaa fi loltoota Ameerikaa gidduutti walitti bu'iinsi uumame seenaa bo'oo kana waliin wal qabatee ka'a.

Bara 1970moota keessa Paanaamaan abbummaan bo'oo kana akka to'attu murt'aa'uun bara 1999tti ifatti waliigalte irra ga'ame.

Falmiin walabummaa bo'oo Paanamaa xumuramus, ammallee qormaata siyaasaa fi dinagdee kan qabudha.

Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Ameerikaan bo'oo Paanaamaa to'achuun harka Ameerikaatii ba'uu qeequun, murtee badaa gama Ameerikaatiin ta'e jechuun ibsu.

Kana malees, ulaan Galaana Hindii fi Galaana Chaayinaa Kibbaa wal qunnamsiisa Malacca jedhamu,Ulaan Tarkii keessatti argamu Bosphorus fi Dardanelles jedhaman ardiilee Eeshiyaa fi Awurooppaa addaan qoodan akkasumas Bo'oon Kiil jedhamu kan kaaba Jarmaniitti argamu fi Galaana Baaltik fi Galaana Kaabaa wal qunnamsiisu daandiwwaan doonii murteessoo addunyaa warra beekamoo ta'an keessatti eeramu.