Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Nama siyaasaa Iraan Ameerikaa waliin mari'ataa ture Mohammad Bager Galibaf eenyu?
Yeroo dhiyoo asitti namni waraanaa fi siyaasaa Iraan keessatti maqaa isaa akka malee leellifamaa jiru Af-yaa'iin paarlaamaa Iraan, Mohammad Bager Galibaf,.
Jila Iraan bakka bu'uun marii Iraan Ameerikaa waliin Paakistaanitti taasifte irratti warra hirmaatan keessaa isa tokko.
Mohammad Bager ministira dhimmaa alaa Iraan Abbas Aregachi waliin ta'uun Paakistaan magaalaa Islaamaabaaditti , pireezdaantii itti aanaan Ameerikaa JD Vaansi dabalatee jila Ameerikaa waliin mari'ataa turanis walii galuu hin dandeenye.
Dhuma baatii bitootessaa keessa Rooyitars akka gabaasetti, Ministira Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araaghchi fi Galibaaf tarree namoota ajjeechaaf barbaadamanii keessaa kan baafaman Iraan bakka bu'anii marii irratti akka hirmaataniifi.
"Israa'el odeeffannoo bakka qondaalotni kunneen jiran waan irra ga'aniif isaan dhabamsiisuu barbaadan, qondaalotni kunneen yoo ajjeefaman, sana booda namni waliin mari'atamu akka hin jirre US itti himne. Kanaaf US ammo Israa'el akka namoota kana hin ajjeefne dhorkitee," jechuun maddi Paakistaan Rooyitarsiitti hime.
Ofii namni siyaasaafi Waraanaa Iraan xiyyeeffannoo argate kun eenyu?
Afayaa'iin Paarlaamaa Iraan kun kanaan dura filannoo pirezidaantummaa KIraan gaggeeffaman heddurratti milkaa'uu hin dandeenye.
Haleellaa USfi Israa'el gaggeessaa turaniin qondaalonni siyaasaafi waraanaa heddu biraa ajjeefamanis, walitti dhufeenya Humnoota Eegumsa Warraaqsaa Islaamaa (IRGC) waliin qabaniifi muuxannoo siyaasa biyyattii keessatti qabaniin kan ka'e siyaasa Iraan keessatti iddoo guddaa argataniiru.
Mohaammad Baghar Galibaaf kaaba baga Iraan magaalaa Torgabeehitti maatii amantii leellisaniifi galii giddu galeessaa qaban keessatti dhalte.
Umurii 16ttii abbootii amantaa kanneen akka gaggeessaa olaanaa Iraan haleellaa USfi Isaraa'eliin du'an, Ayaatolaa Alii Kameenii, jalatti naannoo magaalaa Mashaaditti baratan.
Warraaqsa bara 1979tti Iraanitti dhalate booda waraana Iraanifi Iraaq gidduutti gaggeeffamerratti loltuu ta'uun hirmaataniiru. Yeroo ganna 20 guutan, Eegdota Warraaqsa Ilaamaa Iraanitti dabalaman.
Afayaa'iin parlaamaa Iraan kun gaafa cidha godhatan gaggeessaa olaanaa duraanii Iraan Ayatolaa Ruhollaa Kameeniin irratti argamanii turan. Mohaammad Baghar Galibaaf amma abbaa ijoollee sadiiti.
Waraana Iraanifi Iraaq booda bara 1997tti ajajaa Humna Qilleensaa Humnoota Eegdota Warraaqsaa ta'an.
Bara 1999tti mormii barattootaa ka'ee namoonni heddu itti ajjeefaman keessatti kallattiin hirmaachuun mormiin akka dhaabbatu gochuu keessaa qooda qaba jedhama.
Ajajaa poolisii irraa gara kantiibaa magaalaa Tehraan ta'uutti
Mormiin barattootaa cimaan erga gaggeeffamee waggaa tokko booda, Mohaammad Baghar ganna 39tti ajajaa poolisii ta'uun muudaman.
Waggaa shaniif ajajaa poolisii ta'etti, toora bilbilaa namoonni akkaataa qabiinsa poolisiirratti yaada kennan hundeessuun alatti, konkolaataa poolisii biyya alaatii galchuun poolisoonni biyyattii akka itti fayyadaman gochuutu himama.
Bara 2005tti garuu ajajaa poolisiirraa ofumaan aangoo gadhiisuun filannoo pirezidaantummaaf dorgomanis mo'aman. Boodarra mana maree magaalaa Tehraaniin filamuun kantiibaa magaalaa Tehraan ta'an.
Waggaa 12 kantiibaa magaalaa Tehraan ta'uun tajaajiluun hanga ammaatuu kantiibaa waggoota dheeraaf Tehraan bulche jedhamu.
Daandii baaburaa babal'isuufi karaa geejjiba konkolaataa babal'aa magaalaa Tehraan keessatti hojjachiisunis jajamu.
Mohaammad Baghar bara 2020tti mana maree bakka bu'oota uummataa keessatti teessoo argachuun, afayaa'ii paarlaamaa biyyattii ta'uun filame.
Yaalii pirezidaantummaa fashale
Mohaammad Baghar Gaalibaaf marsaa sadi filannoo pirezidaantummaaf dorgomanis hin milkaayin hafan.
Siyaasan nama baruumsa PhD qaban yoo ta'an paayileetii xayyaara waraanatis.
Qondaalli siyaasaa olaanan kun yeroo dheeraaf Iraan keessatti jijjiiramni siyaasaa akka hin dhufne dura dhaabbataa turan jedhamus, waggoota dhiyoo as leellistoota sirna Ayaatolaa keessatti nama jijjiiramni akka dhufu ta'aa jiru jedhamaa jira.
Filannoo pirezidaantummaa Iraan bara 2024 gaggeeffame irratti, Mohaammad Baghar kaadhimamaa ta'anii dhiyaachuu hordofee, kanneen sirna Ayaatolaa leellisan dorgommii keessaa akka bahan taasisan jedhama.
Baruma sana ammoo afayaa'ii paarlaamaa Iraan ta'uu filamanii hanga ammaa tajaajilaa jiru.
Yakkoota malaammaltuufi waliin dhayuunis maqaansaanii ka'aa ture. Yeroo Iraan ammoo kiyyoo waraanaa keessa galte kana keessatti Mohaammad Baghar dandeettifi dhageettii siyaasaa qabutti fayyadamee haala waraanni itti deemaa jiru to'achuu, qondaalota waraanaa IRGCfi gaggeessitoota biyyattii gidduu riqicha ta'ee tajaajiluu danda'a jedhamee abdiin irra kaa'amee jira.