Sawud Arabiyaan lammiilee Itoophiyaa afur 'fannistee' ajjeeste

Sawud Arabiyaan torban kana keessa lammiilee Itoophiyaa afur fannistee ajjeeste

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Sawud Arabiyaan torban kana keessa lammiilee Itoophiyaa afur fannistee ajjeeste
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Sawud Arabiyaan torban kana keessaa lammiilee Itoophiyaa afur fannisuun ajjeesuu yoo ibsitu, mootummaan Itoophiyaa ammoo lammiilee 1600 tahan himanni isaan irratti dhiyaate adda cituun dhiifamni godhameefii mana hidhaatii akka gadhiifaman gochuu ibse.

Ministeerri Dhimma biyya keessaa Sawud Arabiyaa gaafa Waxabajji 1 bara 2018 lammiilee Itoophiyaa lama, gaafa Waxabajji 3 bara 2018 akkasuma namoonni lama fannifamanii ajjeefamuu ibse.

Gaafa Waxabajji 1 bara 2018 bakka Naajiraan jedhamutti, namoonni gaafa Waxabajji 3 ajjeefaman ammoo bulchiinsa Asir jedhamutti akka ajjeefaman ibse.

Namoonni ajjeefaman arfan yeroo gara Sawud Arabiyaa galan qoricha sammuu namaa hadoochu qabachuun akka tahe ministeerichi ibseera.

Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ammoo lammiilee isaa mana hidhaa Sawud Arabiyaa jiran 1655'f himanni isaanii adda cituun dhiifamaan akka gadhiifaman taasisuu ibseera.

Dhaabbanni Mirga Namoomaaf falmu Humaan Raayitis Waach [Human Rights Watch] ji'a Caamsaa keessa ibsa baaseen lammiileen Itoophiyaa sadii murtoo du'aan sawud Arabiyaa keessatti ajjeefamuu ibse.

Murtoon du'aa namoota 65 irratti darbee ammoo hojiirra oolmaan isaa akka tursiifamu taasifamuu ibse.

Ministeerri Dhimma Alaa Sawud Arabiyaa yeroo adda addaa lammiileen Itoophiyaa ajjeefaman ergaa amantaa fi seera Shaariyaa keessaa ibsuun maqaa warra ajjeefamanii tarreessa.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ammoo lammiilee 1600 caalaniif dhiifamni kan godhame hojii dippilomaasii Imbaasii Itoophiyaa Riyaad jiruu fi qonsilaan Jiddaa jiru waliin tahuun hojjetaniin akka tahe ibse.

Dhaabbanni Huuman Raayiitis Waach lammiileen Itoophiyaa 65 tahan baala sammuu hadoochu waliin qabamuun himatamanii murtoon du'aa irratti darbeera jedhe.

Dhaabbileen Mirgoota Namoomaa Idil-addunyaa ibsa Caamsaa 21 bara 2018 baaseen lammiilee Itoophiyaa dabalatee lammiileen biyyoota adda addaa irratti murtoon du'aa raawwachuu ibse.

Dhaabbileen Mirgoota Namoomaa lammiileen biyyoota alaa murtoo du'aa irratti darbe adeemsa seeraa fi kenninsa haqaa gahaa hin arganne jechuun mootummaa Sawudii qeeqaniiru.

Dabalataan Sawud Arabiyaan yakkoota jeequmsa of keessaa hin qabne akkasiin lubbuu isaanii baasuu hin qabdu jechuun qeeqeera.

Lubbuu namootaaf gatii hin kennitu jechuun qeeqe.

Dhaabbileen Mirgoota Namoomaa kunneen mootummaan Saawud Arabiyaa gidduu seenuun murtoo du'aa kana hanbisuu qaba jechuun dhaamee ture.

Dabalataan lammiileen Itoophiyaa dhibbaan lakkaa'aman manneen idhaa Sawudii keessa akka jiran ibseera.

''Lammiilee Itoophiyaa murtoon du'aa irratti darbe 200 tahan mana hidhaa Kaamiis Mushaayit keessa jiru'' jedhe.