Poolisiin reeffa nama nyaatamee bishaan naachaan guutame keessa bu'ee baase

Ibsa waa'ee viidiyoo, Poolisiin oppireeshiniin taasise ''balaa guddaa'' kan qabu akka ta'e ibse
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Torban dabre poolisiin abbaa qabeenyaa erga lolaan fudhatamee booda achi-buuteen isaa dhabame bishaan naachaan guutame keessatti arguu beeksiseera.

Bulchiinsi naannoo taateen kun itti mudateefi poolisiin abbaa qabeenyaa kana barbaaduudhaaf helikooptarootaafi dirooniiwwan bobbaasee ture.

Taatee Afrikaa Kibbaatti mudate kanaan polisiin reeffa nama kanaa barbaaduuf helikooptararraa laga bishaanii naacha hedduu qabaachuun beekamuu keessa bu'e.

Abbaan qabeenyaa kun torban darbe lolaan fudhatamee ture boodarra naachaan kan nyaatame.

Bishaan naachaan guutame kana keessatti naachi abbaa qabeenyaa lolaan fudhate kana nyaateera jedhamee shakkame erga ajjeefameen booda miseensi poolisii tokko funyaan/wadaroon bu'uudhaan erga baaseen booda gara paarkii biyyaalessaatti geeffame.

Kaappiteen Potigeeyiter, naachi namicha nyaate ajjeefamuu marsariitii News24'tti himuun, "qarriffaa qara naachaatti dhiyaachuun nama sodaachisa," jedhe.

Kaappiteen Potigeeyiter funyoo/wadaroo fayyadamuun naacha kana erga qabateen booda lamaan isaanii wadaroo kanatti rarra'anii yeroo bahan ni mul'ata.

Lagni Komaatii jedhamu Kaaba Baha biyyattiitti kan argamu yoo ta'u, naachaan kan guutamedha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Lolaan fudhatamee naacha lagaan namni nyaatame kun eenyummaan isaa akka adda baafamuuf qorannoon DNA akka taasifamu ibsameera.

Namni torban darbe achi-buuteen isaa dhabame kun konkolaataa isaatiin riqicha ce'uuf osoo jedhuu danqamee socho'uu dadhabee akka ture beekameera.

Wayita poolisiin bakka sana qaqqabutti konkolaataan sun duwwaa kan ture yoo ta'u, kun ammoo namni kun lolaan fudhatameera shakkii jedhutti isaan geesse.

Dubbi himaan poolisii konyaa Mipulaangaa Koloneel Maaveedaa Masoodoo TV biyyaalessaa SABC'tti akka himetti, dirooniiwwaniifi helekooptaroota gargaaramuun barbaacha kan gaggeessan yoo ta'u, naacha baayyee odola xiqqoo tokkotti bahanii caama/aduu qanqaammatan arguu dubbate.

Akka Potigeeyiter jedhutti taanaan, muuxannoo bara dheeraa qabaniin bineensa dhiyootti nama nyaate adda baasuun ni danda'ama.

"Garaan isaa guutee mul'achuun alatti, yeroo sagalee dirooniifi helekooptaraa dhaga'ullee gara laga bishaanichaatti seenuuf hin yaalu," jechuun gaaffiifi deebii News24 waliin taasiserratti dubbateera.

Isaan booda naachi kun ajjeefamuufi Potigeeyiter ammoo wadarootti rarra'ee bu'uun naacha ajjeefame kana rarraafatee baasuun gara paarkii biyyaalessaatti geessuu hima.

Poolisiin tarkaanfii Potigeeyiter kana "duula baayyee balaafamaafi wal xaxaa" jechuun ibseera.

Naachi meetira 4.5 dheeratuufi kiiloogiraama 500 ulfaatu kun gara paarkii dhiyeenyatti argamu Paarkii Biyyaalessa Kiruugar geeffamaa wayita sakatta'ametti, reeffi namaa garaa isaa keessatti argameera.

Reeffa namaa alatti kopheewwan ja'a argamuu poolisiin beeksisee, kana jechuun ammoo namni biraan ajjeefameera ta'a yookaan ammoo waanuma arge nyaata" jechuudha jedheera.

Ajajaan eeggataa poolisii Afrikaa Kibbaa Leetenaant Jeneraal Puuleeng Diipoonee tarkaanfii jaalli isaa fudhate kana dinqisiifateera.