Namtichi Kaamboodiyaa manii naachaa keessa kufe, naacha 40n nyaatame

Horsiisa naachaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kaamboodiyaatti okokkaa, gogaa fi foon isaaniif jecha naacha horsiisu.

Maanguddoon kaaba Kaamboodiyaatti naaacha horsiisuun beekaman, erga manii naachaa keessa kufaniin booda haala suukanneessaan naacha 40 miidhamanii lubbuun darbuu poolisiin hime.

Maanguddoon ganna 72 Luan jedhaman naacha hanqaaquu buuste tokko maandhee keessaa baasuuf wayita yaalanitti balaan kun mudate.

Naacha sana ulee wayii fayyadamuun qajeelchuuf wayita yaalan, naachi ulee sana qabachuun jaarsa sana harkisee buuse jedhe poolisiin naannichaa.

"Naachi biroonis wal tumsanii, hanga jaarsi lubbuun bahu miidhan," jechuun ajajaan poolisii Mey Savry ejensii oduu AFPtti himan.

Taateen kunis Jimaata kan mudate oggaa tahu, dhiyeenya magaalaa Siem Reap'tti.

Ajajaan poolisii kun dabaluun akka jedhanitti, qaamni maanguddoo kanaa akkaan nyaatamee kan mammadaa'e ennaa tahu, harki isaa tokkos irraa citeera.

Namni kun pireezidantii waldaa horsiisee bultoota naachaa naannichaa turan.

2019 keessa daa'imni waggaa lamaa naannoodhuma kanatti bakka horsiisa naachaatti nyaatamtee lubbuun darbeera.

Biyyattii kibba-baha Eeshiyaa kanatti hanqaaquu yookaan okokkaa, gogaa fi foon isaaniif jecha naacha horsiisu.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Naacha Arbaaminc akka qurxumiitti