Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namoonni tokko tokko maaliif kan biroo caalaa bookeen ciniinamu?
Namoonni tokko tokko namoota biroo caalaa bookee hawwatu, kanaaf iddoodhuma walfakkaataa tokko taa'anii namoota biroo caalaa bookeedhaan ciniinamu.
Uumamaan qaamni keenya mallattoolee baayolojikaalaa garagaraa gadhiisa. Haaluma kanaan afuurri hargannufi fooliin qaamaa keenyaa saaxilamummaa bookeedhaan ciniinamuuf qabnu murteessu.
Sadarkaan mallattooleen kun bookee itti hawwatan immoo namaa namatti gargar yemmuu ta'u kan namoota tokko tokkoo baay'ee ol ka'aadha.
Bookeenis karaalee sadiin namoota dhiigasaanii xuuxxu adamsiti.
Kaarbon daayoksaayidiin hargannu bookee hawwata
Bookeen dhala nama ciniintu ishee dhalaa qofa. Dhiigni keenya pirotiinii guddina hanqaaquusaaniif fayyadu waan ofkeessaa qabuuf bookeen dhiiga namaa xuuxuu barbaaddi.
Kanaafis dandeettii arguufi fuunfachuu isheetti fayyadamuun nama ciniinuu barbaaddu fageenya naannoo meetira 10 ta'urraa adda baafatti. Mallattoolee bookeen sakattaatu keessaa tokkommoo kaarbon daayoksaayidii hargannudha.
Namoonni afuura yemmuu baaftan qilleensa kaarbon daayoksaayidii gadhiisu. Kaarbon daayoksaayidiin kunis miira fuunfachuu bookee kakaasuun bookeen nama ciniintu barbaaduu akka eegaltu taasisa.
Kanaafis, ga'eessonni daa'imman caalaa kaarbondaayoksaayidii baay'inaan waan omishaniif bookee caalmaatti hawwatu.
Hoo'a qaamaa
Qorannooleen amala bookeerratti taasifaman akka agarsiisanitti hoo'i fi jiidhi bookee ni hawwatu.
Kanaafis dubartoonni ulfaa dubartoota ulfa hintaane caalaa dachaa lamaan bookee hawwatu.
Sababnisaas, ulfi hammi anniisaa qaamni barbaadu dabaluun hoo'i qaamaa haadholii ulfaa akka dabalu akkasumas hammeentaan kaarbondaayoksaayidii alatti harganan akka dabalu taasisa.
"Qaama kee keessatti meeshaa hoo'a omishu (farnasii) xiqqaan jira akka jechuuti. Hoo'ikee kan namoota birootii oli" jedhu UK, Yunivarsiitii Durhaamitti piroofeessara fayyaa hawaasaa kan ta'an Istiiv Lindseey.
Kana malees namoonni wayita sochii qaamaa taasisan hoo'i qaamasaanii waan dabaluuf fi waan dafqaniif yeroodhaaf bookee caalmaatti hawwachuu danda'u.
Namoonni qaamnisaanii guddaa ta'es namoota kaan caalaa hoo'a waan qabaataniif fi kaarbon daayoksaayidii baay'ee waan hargananiif bookee caalmaatti hawwachuu danda'u.
Murteessummaa foolii gogaa
Hanguma bookeen namatti dhiyaattu foolii gogaafi afuuraa xiinxaluun nama ciniinuu barbaaddu adda baafatti. Kanaafis "Fooliin gogaa murteessaadha" jedhu Lindseey.
Gama biraatiin yaadni 'bookeen namoota dhiignisaanii mi'aawu ciniinti' jedhu dogongora ta'uusaa Lindseey fi qorattoonni biroon mirkaneessaniiru. Kanaafis dhandhama dhiigaa osoo hintaanee foolii gogaatu bookee hawwata jedhu.
Maaykiroobonni xixiqqoon kanneen akka baakteeriyaa, fangasiifi kunneen biroon kaarbohaayidireetii, faatii asiidiiwwanfi amiinoo asiidota gogaarra jiran caccabsuun kemikaalonni foolii qaban akka omishaman taasisu.
Kemikaalonni kunis gara qilleensaatti ol kan hurkan yemmuu ta'u, bookeenis foolii hurka kana keessa jiru adda baafatti.
Bookeen uumamaan amooniyaafi laaktik asiidii gogaa namootaarratti argamuun kan hawwatamtu yemmuu ta'u, asiidonni kaarboksiliikii (carboxylic acids) qaamafi gogaa keenyaan omishaman immoo caalmaatti ishee hawwatu.
Ciniinnaan hundi walqixa miti
Miirri namoonni wayita bookeedhaan ciniinaman agarsiisan namaa namatti gargari.
Qorannoon qaccee sanyii namootaa bu'uura gochuun taasifame akka agarsiisutti qacceewwan sirna ittisa qaamaa akkaataa qaamni keenya ciniinnaa bookeef deebii kennurratti dhiibbaa qabu.
Kana malees naannoleen qaccee sanyii sadarkaa deebii nuti ciniinnaa bookeef kenninu murteessan kun kutaalee qaccee sanyii akkaataa qaamni keenya alarjiiwwan garagaraaf deebii kennu murteessaniin tokkodha.
Dabalataan namoonni tokko tokko uumamaan wayita bookeen ciniinaman miira cimaa agarsiisu. Kanaafis iddoon bookeen isaan ciniinte guddatee mul'ata, isaanillee baay'isanii akka hooqan ta'a.
Kunis, bookeen namoota kaan caalaa isaan akka ciniintu akka itti dhagahamu isaan taasisa.
Haa ta'u malee qabatamaan namoonni tokko tokko yeroo baay'ee ciniinamanii garuu miirri yookiin deebiin isaanii xiqqaa ta'a, namoonni tokko tokkommoo xiqquma ciniinamanii gogaansaanii dhiita'ee akka mul'atu qorattonni himu.
Haa ta'u malee namoonni tokko tokko uumamaan namoota kaan caalaa bookee hawwatanis namni ija bookee jalaa guutummaatti dhokachuu danda'u hinjiru.
Kanaaf, bookeen nan ciniintu jennee kan yaadnu yoo ta'ellee of-eeggannoo gochuu akka qabnu qorattoonni himu.