Ameerikaan halkan jahaffaaf walitti aansuun Iran irratti haleellaa waraanaa gaggeessite.
Miidiyaaleen mootummaa Iran akka gabaasanitti, haleellaa kanaan bu'uuraaleen misoomaa siivilii hedduun manca'aniiru.
Riqicha, buufata baaburaa fi buufata xiyyaaraa dabalatee bu'uuraalee misoomaa siivilii irratti raawwatameera.
BBC'nis Bulchiinsa Hormozgaan keessatti, magaalaa Bandar Abbas irraa gara dhihaatti riqichi tokko haleellaa kanaan rukutamuu isaa mirkaneesseera.
Ibsa dabalataa argachuuf waajjira waayit Haawus akkasumas Ajaja Waraana Giddugaleessaa Ameerikaa (CENTCOM) gaafateera.
Haleellaa kana keessatti, miisaa'eloonni Ameerikaa Odoola Qaashim, naannoo Hormuuzitti argamtu, akkasumas naannoo Bushehir kan buufata humna niwukilarii qabdu irratti xiyyeeffatanii rukutuu isaanii gabaafameera.
Magaalaan buufaatat doonii Bandar Abbasis qiyyaafnnoo misaa'eloota Ameerikaa taaterti.
CENTCOM akka ibsetti, haleellaan kun humna waraanaa Iran dadhabsiisuuf kan kaayyeffate ture.
Akkasumas doonii tokko uggura Ameerikaan ulaa Hormuuz irratti kaa'e cabsuuf yaalaa ture to'achuu isaa beeksiseera.
Haa ta'u malee, ibsa isaa keessatti riqichoonni akka kaayyoo waraanaatti rukutaman jechuun hin eerre.
Torbee kana jalqaba irratti Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp, Iran gara mariitti yoo hin deebine riqichootaa fi buufataalee humna ibsaa biyyattii irratti haleellaa raawwachuu akka danda'an akeekkachiisanii turan.
Kana duraas Traamp bu'uuraalee misoomaa siivilii, akka riqichootaa fi buufataalee humna ibsaa dabalatee, haleellaa keessa galchuu akka danda'an ibsan
Yeroo sanatti Komishinarri Olaanaan Mirga Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Volker Türk, lammiilee nagaa fi bu'uuraalee misoomaa siivilii irratti haleellaa raawwachuun yakka waraanaa ta'uu isaa hubachiisanii turan.
Akka Waliigaltee Geneva bara 1949tti, yeroo waraanaatti lammiilee nagaa fi bu'uuraalee jireenya isaanii tiksuuf barbaachisan irratti haleellaa raawwachuun seeraan dhorkaadha.