Rogeessi guyyaa 20f lagannaa nyaataarra jiru dirqamaan hospitaala geeffame

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Rogeessaafi barsiisaan lammii Hindii Sonaam Waangichaak jedhamu magaalaa Deelihii keessatti guyyoota 20 darbaniif lagannaa nyaataarra jiru dirqamaan hospitaala geeffameera.

Namni ganna 59 kuni warraaqsa onlaayinii Cockroach Janta Party (CJP) haaromsi sirna barnootaa akka taasifamu gaafatu deeggaruuni kan inni mormiirra jiru.

Mormitoonni kaan gaafa Wiixataa Paarlaamaa Hindii fuulduratti hiriira bahuuf karoorfataniiru.

Hundeessaan CJP Abiijeet Diipkee ganama mana hiriiyyaasaa kana deemee poolisiin achitti isa qabuun akka hin baane isa dhorkuu dubbata.

Sonaam ammoo bona gubaa keessatti ashaboofi bishaaniin alatti nyaata hunda lagachuutti jira. Kiloogiraama 9 hir'isee, ammoo dhukkubbii jabaa keessa jira.

Sambata barii iddoo namni kuni mormiitti jiru poolisiin marsee, namoonni paarlaamaas waltajjii rogeessichi irra ciise qaqqabuuf asiifi achi yoo jedhan viidiyoon agarsiisu baheera.

Walatajjii ciisee jiru irraa isa kaasuun dura ansoolaa itti golganii ambulaansii keessa isa kaa'uun gara hospitaalaattii isa jarjarsan.

Dipkee mormii Soonaam cinaa dhaabbachaa ture. Eessa akka isa dhaqatan akka itti hin himamne dubbateera.

Qondaalli poolisii olaanaa gaazexeessitoottatti akka himetti Sonaam ajaja mana murtii fudhateeti achii socho'e, kunis dhimma fayyaa gatii taheefi jedhe.

''Sonaam gargaarsi fayyaa waan isa barbaachisuuf hospitaala mootummaa seeneera, yeroo ammaa kanas yaalamaa jira,'' jedhe Koomishinarri Poolisii Saachiin Shaarmaa.

Sonaam namoonni lagannaasaa addaan akka kutu isa gaafatanillee didee itti fufe. Tahus haalli fayyaasaa hammaachaa deeme, inni garuu mormii Wiixataa irratti ''nan hirmaadha'' jechaa jira.

''Alaa dadhabaa adeemus keessi garuu jabaa dha,'' jechuun Sonaam jamaa walitti qabametti hime. Yeroonni kana dubbatu namoonni harka walitti rukutaa turan.

''Walumaan taanee mormii keenya paarlaamaa duratti dhiyeessina.'' Isa dura yoo inni du'e ekeraansaa mormii kanatti akka makamu dubbachuun qoose.

Warraaqsi CJP yaada paarlaamaa duratti mormii taasisuu akka raawwatu ifaa miti garuu rogeessi akka hin hirmaanne ifaa dha.

Warraaqsi CJP Caamsaa darbe akka sochii baacootti qormaata biyyoolessaa Hindii irratti qormaati hatamee bahuufi hojimaata badaa biraa mormuun miidiyaa hawaasaa irratti jalqabe.

Mormitoonni miidiyaa hawaasaa kunneen 'bararii' jechuun kan of waaman yoo tahu baatii tokkoof mormiitti jiru. Miseensoti dhaabota barattootaa akka Sonaam lagannaa nayaataa jalqabaniiru.

Mormittoonni ministarri barnootaa Paardaan akka aangoo gadhiisu gaafachaa jiru. Kunis qormaati seensaa hakiimotaa Caamsaa darbe hatamee bahe jedhamuun haqamuu booda dha.

Mormitoonni ministarichi ittigaafatamummaa fudhachuun aangoorraa bu'uu qaba jedhu.

Ministarichi garuu ''gareen B(bararii jechuufi) qaamota jeequmsaati,'' Ministarri Mummee Hindii Naareendiraa Moodii hamma yoonaa mormii kanarratti yaada hin kennine.