Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Viidiyoo bootteewwan Wallagga Lixaatti gubatan mul'isu BBC'n mirkaneesse
Konkolaattonni boba'aa baataniifi boottee jedhamanii waamaman Lixa Oromiyaatti gubachuu BBC'n viidiyoowwan qoodamanirraa mirkaneesse.
Tibbana viidiyoowwan konkolaattonni boba'aa baatan yeroo labooba ibiddaan liqimfaman mul'isu qoodamaa ture.
BBC'n bakki taateen kuni mudate Lixa Itoophiyaa, Godina Wallagga Lixaa dhiheenya magaalaa Gimbii akka ta'e viidiyoowwan xiinxalee bira gaheera.
Taateen kuni ALI gaafa Qaam'ee bultii 01, 2018 jechuunis Dilbata akka mudate maddeen BBC'tti himaniiru.
Waa'ee taatee kanaa jiraattonni magaalaa Gimbii BBC'n dubbise lama waa'ee haleellaa kanaa dhagahuu himaniiru.
Haa ta'u malee, aangawoonni mootummaa as bahanii dhimma kana hin dubbanne.
Bulchaan godinaa, ajajaan poolisii godinaa, bulchitooti aanaa Laaloo Assaabiifi Boojji Dirmajii, akkasumas qondaalonni godinaa garagaraa gaaffii BBC'n gaafateef deebii hin kennine.
Mootummaan Naannoo Oromiyaas ta'e mootummaan federaalaa dhimma kanarratti waan dubbatan hin qaban.
Boodarra akka dhageenyettimmoo konkolaattonni boba'aa baatan gubachuu qofa osoo hin taane konkolaachiftoonnis butamaniiru.
Badii kanaaf hidhattootatu himatame.
Viidiyoorra maaltu mul'ata?
BBC'n viidiyoowwan sadii xiinxale. Viidiyoowwan kanarratti konkolaattonni boba'aa baatan tarree galanii gubatan mul'atu. Lakkoofsaanis kudhan ta'u.
Viidiyoowwan kana keessaa lamaan isaanii gaafa Kibxataa maxxamfaman. Konkolaattota irratti aara gubatee dhumafeetu mul'ata.
Kaan gabbiinaan isaanii kan gubate yoo ta'u kaanimmoo duubi isaanii nagaadha. Konkolaataan biraammoo karaarraa maqee mul'ata.
Viidiyoon kuni nama konkolaataa keessa adeemaa jiruun waan waraabame fakkaata.
Viidiyoowwan biraammoo imalaa konkolaataa faallaa dhufe jechuunis gara Biilaa imalaa jiru keessaa kan waraabamedha.
BBC'n viidiyoon kuni Wallagga Lixaa dhiheenya magaalaa Gimbii yoo ta'u laga Uwwaa ce'anii karaa Biilaa gara Dongoroo geessurra akka ta'e mirkanesseera.
Kanas, daandii, teessuma lafaa, biqiloota viidiyoo keessa mul'atan, akkasumas mana daandii qarqara jirun wal bira qabee mirkaneesse.
Gama kaaniin, dhaabbanni Dhaabbanni Qorannoo Hawaa Ameerikaa (Nasa) kan Fire Information for Resource Management System (NASA FIRMS) jedhamu gaafa Wiixataa lixa magaalaa Dongorootti fageenya 3km irratti ho'i mudachuu bira gahaniiru.
Kuni yeroo ibiddi boba'u gaafa jiraate kan mudatudha.
Eenyutu raawwate?
Viidiyoo waa'ee balaa kana mul'isu kanneen qoodan keessaa tokko fuula Facebook 'Yeshoferoch Andebet' jedhamudha.
Gartuun kuni odeeffannoowwan dhimma shofeerotaa, gargaartotaa (raddaatii) fi imaltoota ilaallatan qoodun beekama.
Viidiyoowwan kaanimmoo TikTokiifi kaan irratti qoodamaniiru. Haa ta'u malee, viidiyoowwan kuni baay'ee miti.
Gareen 'Yeshoferoch Andebet' jedhamu Gimbiifi Biilaa bakka kedhamutti ''konkolaattonni baay'ee wanbadoota hidhatanii saamaniin gubataniiru, konkolaachiftoonni baay'ee butamanii fudhatamaniiru ergaan jedhu nubira gaheera'' jedheera.
Konkolaattonni gubachuu darbees konkolaachiftonni butamuun ''gocha gara jabinaafi wallaalummaan guutamedha'' jechuun balaaleeffate.
Waa'ee qaamolee badii kanaan himatan garuu hidhattoota jechuurra kan darbe maqaan hin dhoofne.
Obbo Solomoon Zawuduu Hojii Gaggeessaa Waldaa Konkolaachiftoota Fe'isaa Itoophiyaati.
Akka Obbo Solomoon BBC'tti himanitti balaan kuni gaafa Dilbataa ALI Qaam'ee bultii 01, bara 2018 Godina Wallagga Lixaatti mudate.
Konkolaattonni gubatan kunneen Dambdi Dolloodhaa boba'aa fe'un gara Asoosaa imalaa turanidha jedhan.
''Bakka bosona qabu wayii magaalota Dangar [Dongoroo] fi Biilaa gidduu hidhattoonni konkolaattota kana dhaabsisanii kan fudhatan.
''Dhukaasa itti bananii achii isaan fudhatan. Konkolaattonni afurii ol gubataniiru. Tokko tokko guutummaatti gubatani kaan gabbiinaa qofatu gubate,'' jechuun himan.
Yeroo ammaa humnoonni nageenyaa bakkicha to'atanii akka jiranis dubbatan.
''Konkolaachisaa tokko qofatu miliqe yeroosuma nuuf bilbilee ture. Eegasii inni yaaddoorraa kan ka'e bilbila isaa nuuf hin kaafne'' jechuun himan.
Akkuma taateen kuni dhagahameen ''qaamolee nageenyaa dhimmichi isaan ilaallatu beeksiseera. Humnoonni nageenyaa dhimmicha hordofaa jiru.
''Hanga yoonaa kan du'eefi kan rukutame [miidhame] yoo jiraate hin barre,'' jechuun dhimmicha poolisiin hordofaa akka jiru himani.
Obbo Solomoonis hidhattoota kana maqaan hin dhoofne. Bakkeewwan hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo itti sosso'an keessaa tokko Wallagga Lixaadha.
Hidhattooti kuni kana dura konkolaattota gubuu akkasumas namoota butuun himatamu.
Haleellaa tibbanaa keessa harka yoo qabaatan ammatti BBC'n adda hin baafanne. Odeeffannoo kana barbaacha isaan quunnamnes ammatti deebii hin arganne.
Maaltu duuba jira?
Karaan Asoosaatti geessu gara Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa, akkasumas warshaa albuudaafi kaan Lixa Itoophiyaa jiranitti geessa.
Sababni haleellaan kuni raawwateefis ta'e sababa dura jiru BBC'n hanga yoonaa adda hin baafanne.
Haa ta'u malee, waggoota muraasa darban rakkoo nageenyaa bakkeewwan Itoophiyaa garagaraa jiruun konkolaachistoonnis miidhamaa turuu gabaafamaa ture.
Obbo Solomoon ''sababnisaa isaan hidhattootadha. Wanti kuni barameera mitii'' jechuun konkolaachiftoota butanii maallaqa gaafachuu sababa ta'uu akka malu eeru.
''Kuni sababa biraa maal qaba?'' jechuun gaafatu.
Viidiyoorratti konkolaattonni meeqa akka gubatan mirkaneessuun nama dhiba.
Obbo Solomoon ragaa qabaniin ''walumaagala bootteewwan sagalii olidha. Garuu konkolaattonni kaan meeshaalee konistiraakshinii fe'anis akka jiran dhagaheera.
''Kan butamanis ragaa nu dhaqqabeen konkolaachiftoota saddeetidha. Odeeffannoowwan amma bahan garuu 13 akka gahanidha. Isa hin mirkaneessine.''
Gareen 'Yeshoferoch Andebet' jedhamuus haleellaan akka dhaqqabe odeeffannoon akka isa bira gahe ibsuun lakkoofsi namoota butamanii 14 akka ta'e ibse.
Konkolaattonni boba'aa fe'an kuni kan dhaabbata kami akka ta'an hin beekamne.
Konkolaattonni kuni ''gara Asoosaa sochiin albuuda baasuu waan jiruuf garasitti kan gareen deemaa turanidha. Garuu, qaami nageenyaa isaan dabaale hin jiru,'' jedhu Obbo Solomoon.
Konkolaachistoonni yeroo ammaa sababa rakkoo nageenyaan halkan deemuu akka dhaabaniifi guyyaa akka imalanis himu.
''Guyyaa imalani, kan butamanis guyyaa keessadha.''
Erga konkolaachitoonni butaman booda ''dhimmicha poolisiin qabatuusaa'' kan himatan Obbo Solomoon ''hanga yoonaa odeeffannoon Nubira gahe hin jiru'' jedhan.
Waldaan konkolaachiftoota Fe'isaa Itoophiyaa waa'ee hiree konkolaachiftoota isaa mirkanaan dubbachuu hin dandeenye.
Hidhattoonni maallaqa gaafatanii gadhiisan akkuma jiran, kan maallaqa argatanii ajjeesaniis jiru jedhu.
Bakkeewwan rakkoowwan nageenyaa jiran konkolaattonni humnoota nageenyaan dabaalamanii sosso'aa akka turan himu.
Ta'us, waggoota lamaan darban fooyyeen mul'atee akka ture dubbatu.
Gareen 'Yeshoferoch Andebet' jedhamu kuni, ALI bara 2017 konkolaachiftoota, gargaartotaafi imaltoonni 116 ajjeefamuufi 600 ol immoo butamuu himu.
BBC'n lakkoofsa kana addatti mirkaneessuudhaas baatu bakkeewwan Itoophiyaa addaa addaatti gabaasonni namoonni ajjeefamuufi butamuu irra deddeebiin dhagahamaa ture.