Arsenaal qormaata kamiyyu darbaa jira - Odegaard gahumsa addaarra jira

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Arsenaal bara darbe injifannoo waancaa dachaa milkeessuuf fiixeerra gahanii ture. Piriimer Liigii milkeessaniiru, Shaampiyoons Liigii ammoo waancaaf dhiyaatanii peenaaliitiirra gahanii PSGn mo'aman.

Bara darbe Amballiin Arsenaal, Maartiin Odegaard miidhamarra turuufi gahumsa barbaachisurra gahuu hanqachuun isaa kilabicha miidheera.

Tapha Shaampiyoons Liigii jalqabaan Arsenaal Naappoolii 1-0n mo'achuu qofa osoo hin taane taphaan baayyee caaleera. Goolii lakkoofsisuuf garuu hanga Odegaard taphni dhumuuf daqiiqaan 15 yeroo hafuutti goolii ittiin mo'an lakkoofsisuuti fagoo itti fudhate.

Gahumsa amma Odegaard agarsiisaa jiru kanaan Arsenaal qormaata kamiyyu mo'atee kan darbu fakkaata. Odegaard bara darbe miidhaa qolleefi jilba isaa mudateen rakkachaa waan tureef walumaagalatti taphoota 36 qofa taphate.

Piriimer Liigii Arsenaal mo'ate taphoota 24 qofarratti hiriire Odegaard.

Waancaa Addunyaa biyyi isaa Noorway nuusa walakkaarra gaherratti Odegaard akka gahumsatti deebiyaa jiru mallattoo agarsiiseera. Haata'u malee, taphoota jalqabaa bara kanaarratti gara sadarkaa addaatti ol guddatee mul'achaa jira.

Waggaa 22 booda waancaa Piriimer Liigii kan milkeesse Arsenaal, bara kana ammoo kaka'umsa injifannoo bara darbeetiin jalqabeera. Odegaard hanqina bara darbee guutuun gamanumaan ka'umsa bareedaa jira.

Taphataan lammii Noorway umuriiin isaa waggaa 27 ta'e kun haala amma itti jiruun gahumsa jireenya isaa keessatti ol aanaa ta'erra jiru jechuun ni danda'ama.

Odegaard Waaancaa Komuniitii Shiild Arsenaal Maanchester Siitii 3-0n mo'aterratti taphicha miidhagsuurra darbee goolii sadaffaayyu lakkoofsiseera.

Akkaataa inni goolii sana lakkoofsise ammoo karra eegaa Maanchester Siitii Doonaaruumaa goyyoomsa erga kuffiisee booda manii keessa buuse.

Kana malees, taphoota Piriimer Liigii Arsenaal Koventarii Siitii waliin, akkasumas Chelsii waliin taasisanirrattis goolii lakkoofsiseera Odegaard.

Taphni Odegaard Maanchester Siitii waliin Komuniitii Shiild irrattiifi Chelsii irratti lakkoofsise haala wal fakkaachuu qofa osoo hin taane baayyee mimmiidhagoodhallee.

Goolii inni Shaampiyoons Liigiirratti Naappooliirratti galches murteessituudha.

Taphoota Shaampiyoos Liigii Riyaal Maadiriid fi Baayer Muniik waliin isaan eeggatuuf Arsenaal Naappoolii mo'atee ofitti amanamummaa isaa cimsatee itti deemuu qaba.

Naappooliin sarara ittisaa isaa Arsenaaliif rakkisaa godhee ture. Haata'u malee, Arsenaal obsa guddaan sarara ittisaa danqaa guddaa itti ta'e kana cabsanii goolii lakkoofsisaniiru.

Obsi, cichoominniifi ofitti amanamummaa Arsenaal hanga dhumaatti agarsiisaa jiru garee qormaata kamiyyu mo'atee darbu isa taasisaa jira.

'Yeroo Odegaard gahumsa isaa sirriirra jiru, Arsenaal gahumsa isaa isrriirra gaha'

Akka manaajeriin Arsenaal, Mikeel Arteettaa akeeketti taanaan, Odegaard taphataa waan addaa tokko milkeessuu danda'u mirkaneessuuf taphatuutti socho'aa jira. Bara darbe Arsenaal mirgaan galullee gumaachi Odegaard taasise hanga yaade hin turre. Taphataan sarara ittisaa duraanii Piriimer Liigii Neduum Onuhaa, Odegaard, "bara kaa keessa garee kana keessatti dhiibbaa guddaa uumuu barbaada".

"Shaampiyoons Liigii keessatti hojii hin xumuramiin qabu," jedha Onuhaan. Waancaa kana [Shaampiyoons Liigii] kana mo'achuun Amballii Arsenaal jalqabaa ta'uu barbaada."

Baroota lamaan darban keessa dorgomaa cimaa ta'uun injifannootti dhiyaatanii turan, barana garuu gahumsi [Amballii] fi taphattoonni kaan garee kanaa Arsenaaliin gara sadarkaa biraatti ceesisuu akka danda'an eegama.

"Kun ammoo waanuma ta'uu qabudha. Ani yeroo inni [Odegaard] gahumsa isaa sirriirra jiru, Arsenaal gahumsa isaa isrriirra gaha jedheen yaada.

"Yeroo inni gahumsa isaa isa sirriirra hin turre turaniiru. Yeroo kana keessa ammoo gaari taphatanii ni mo'atu garuu akka ani yaadutti Arsenaal gahumsa sirrii kan argamu yeroo Odegaard keessa jirudha. Sababiin isaa ammoo, taphattoonni kaan jifatanii goolii galchuuf waan kaka'aniif sarara fuula duraa cimee mul'ata."

Taphhoota jalqabaa Shaampiyoons Liigii baranaatiin kilaboonni Ingilaand milkiin jalqabaniiru.

Arsenaal, Liiverpuul, Maanchester Siitii fi Aston Viilaan tapha jalqabaarratti mo'ataniiru.