Itoophiyaatti dhibeen busaa qoricha dandamatu "haala yaaddessaa ta'een babal'ataa" dhufe -Qorannoo

Madda suuraa, Getty Images
Dhuma baatii Adoolessaa keessa joornaalii saayiinsii beekamaa "Nature" jedhurratti qorannoon maxxanfame gosti dhibee busaa Itoophiyaa keessatti dhalate baayyeen isaa kan qoricha dandamatu akka ta'e ibsuun akeekkachiiseera.
Qorannoon aanaalee 15 naannolee saddet keessatti taasifame dhaabbata qorannoo Haarmaawar Hansan jedhamuun gaggeeffame.
Dhaabbanni waajirri muummee isaa Finfinnee keessa ta'e kun itti gaafatamummaan "qorannoowwan gaggeessuu fi bu'aawwan qorannoo fayyaarratti hundaa'uun imaammata qopheessuurratti yaada furmaataa dhiyeessurratti itti kennameera.
Qorattoonni 40 ol qorannoo kana keessatti hirmaatan A L I bara 2012 hanga 2015 kessatti saamuda namoota wallaansarra jiranii 605 fudhachuun Itoophiyaa keessatti rakkoon qoricha dandamachuu dhibee busaa jiraachuurratti qorannoo taasisaniiru.
Gaggeessaa garee qorannoo kanaa kan ta'e Dr. Fitsum Girmaa bu'aan qorannoo kanaa "dhimma irratti xiyyeeffatamuu qabu akka ta'e akeekkachiistuudha" jechuun ibsa.
Itoophiyaa keessatti busaa wallaanuudhaaf waggoota 20f hojiirra oolaa kan ture qorichi 'Kuwaartam' jedhamu jijjiiramni qaccee sanyii dandamatu "haala yaaddessaa ta'een babal'ataa jiraachuu" qorannoon kun mul'iseera.
Saamudoota sadarkaa biyyaalessaatti qorannoon irratti taasifame keessaa harka dhibba keessaa 10 kan ta'an jijjiirama qaccee sanyii qoricha dandamachuu danda'u agarsiisaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Itoophiyaa keessatti qorichi busaa 'Kuwaartam'jedhamu kun A L I bara 1996 irraa kaasee kennamuu jalqabeen tarkaanfii dhibee kana ittisuuf fudhatamuun bu'aan gaariin akka argamu gargaareera.
Namoota dhukkuba busaan qabaman dhibbeentaa 40 hir'isuuf galma Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa kaa'ee ture "biyyoota muraasa milkeessan keessaa" tokko Itoophiyaa akka turte ibsa Dr. Fitsum.
Bu'aan Itoophiyaan carraaqqii wagoota baayyeetiin booda argatte kun A L I bara 2012 hanga bara 2016 gidduu waggoota jiran keessa gufuun duubatti deebisu isa mudateera.
A L I'tti bara 2012 irraa kaasee waggoota shanan jiran keessa sadarkaa biyyaalessaatti lakkoofsi namoota dhibee busaan qabamanii waggaatti miliyoona tokko ture gara miliyoona 10tti ol guddateera.
Tarkaanfii mootummaan A L I bara 2017 irraa kaasee fudhateen garuu lakkoofsi kun dhibbentaa 54 hir'achuu isaa qorataan kun ibseera.
Biyyoota akka Ertiraa, Ruwaandaa, Yugaandaa fi Taanzaaniyaa keessattis akkuma kana busaan qoricha dandamachuun mirkanaa'eera.

Madda suuraa, Getty Images
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Qorannoon kun rakkoon bal'aa dhibeen busaa qoricha dandamachuu akka jiru mul'iseera. Wallaansawwan baayyinaan yeroo ammaa kana hojiirra oolaa jiranirratti mirkaneeffachuun akka danda'ametti yaaddoon dabalaa dhufeera.
Qorataan kun akka jedhutti, kun akka irratti dammaqamee irratti hojjetamuuf akeekkachiisadha.
Qorannoo kanaan akka barametti mallattoo amma jiruun qorichi hojiirra jiru kun humni fayyisuu isaa hanqachaa dhufuu kan ibsu Dr. Fitsum, "jijjiirama gochu baannaan carraan guutummaan guutuutti dhibeen kun qoricha dandamachuu mudachuu danda'a," jechuun akeekkachiisa.
Sababa sochii namoonni bakka tokkoo gara bakka biraatti taasisaniinis gorsti busaa qorachaan wal baree dandamatuu gara bakkeewwan biroottillee tatamsa'uu akka danda'us kaaseera.
Yaada furmaataa qorataan kun dhiyeessu keessaa tokko qoricha dhibeen busaa kun dandamataa jiru "yeroof baasanii isa haaraa ta'een bakka busuu", akkasumas yeroon booda ammoo "deebisanii fiduu" akka ta'edha.
Qorichaan wal baruun Itoophiyaa keessatti mul'ate kun "caalaa babal'ataa" kan deemu yoo ta'e qorichi adda durummaan hojiirra oola ajiru 'Quwaartam" jedhamu kun "dandeettiin fayyisuu isaa hir'achaa deemuu akka danda'u" qorataan kun eereera. Kanaaf jecha, "imaammataa fi tarkaanfii to'annoo yeroo isaa eege" fudhachuun akka barbaachisu ibsa.
BBC'n argannoo qorannoo kanaa ilaalchisee Ministeera Fayyaa fi Inistitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa irraa yaada isaanii argachuudhaaf yaaliin irra deddebiin taasise hin milkoofne.
Haata'u malee, rakkoo dhibeen qoricha dandamachuu kun dhimma waajiraaleen ministera fayyaa hordoffii irratti taasisan akka ta'e ragaaleen ni agarsiisu.
Inistitiyuutiin Haarmaawar Hansan "damee qorannoo" ministeera fayyaa ta'uu kan kaasu Dr. Fitsum, argannoowwan kannene ilaalchisee "walitti dhufeenyi itti fufinsa qabu" jiraachuu ibseera.
Kanas ta'ee garuu qorataan kun bu'aawwan qorannoo gara murtee imaammataatti jijjiiruun yeroo fudhachuun isaa isa yaaddessa. "Adeemsi isaa yeroo kan fudhatudha. Yeroo tokko tokko osooma beeknuullee jijjiiramni nu dursa," jedheera.
"Sababiin isaa qoricha haaraa yeroo baasnu, qorichi haaraan ba'u sun qaalii ta'a. Dhiyeessiin isaayyu jiraachuu dhiisuu mala; gaha ata'uu dhiisuus mala," kan jedhu Dr. Fitsum, bal'ina Itoophiyaa fi baayyina ummata isheerraa kan ka'een sagantaa haaraa hojiirra oolchuun "baayyee wal xaxaa" akka ta'u ibsa.
Qorichi amma jiru kun Itoophiya akeessatti kennamuu jalqabuun dura inni ture "akka dandamatamu baramee osoo imaammanni hin ba'iin dura, haala nama gaddisiisuun namoota dhukkubsatan keessaa dhibbentaa 78 qorichicha kan fudhatan hin fayyan ture. Carraan dhibee busaan du'uu baayyee dabalee ture," jechuun ibsa.
Dr. Fitsum, bu'aa qorannichaarraa ka'uun adeemsi gara murtee kennuutti geessu saffisaan ta'uu akka qabu hubachiiseera.
"Jijjiirama yoo kan hin goone ta'e rakkoon isaa waan hin oolledha. Wanti kun kan dhufudha... Joogiraafiin isaa, ciminni isaa bal'achuu danda'a," jechuun akeekkachiiseera.
















![Humna Koomaandoo Gadaa [bitaa] fi ajajoota Faannoo](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/400/cpsprodpb/3178/live/e0789b90-9d49-11f1-b109-879e35c24276.jpg.webp)