Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
''Iraan yoo 'adaba hin godhattu' ta'e haleellaa itti deebifna''- Tiraamp
Pirezdaantiin Ameerikaa Doonald Tiraamp, Iraan 'yoo amala badaa agarsiisuu hin dhiiftu ta'e' Ameerikaan deebiftee haleellaa jalqabuu dandeessi jechuun akeekkachiisan.
Tiraamp waa'ee yaada haaraa waligalteef ta'u Iraan dhiheessite dhaga'uu isaanii ibsanii, murtee kennuun dura yaadicha bal'inaan ilaaluuf eegaa jirra jedhan.
Haa ta'u malee yaadni dhihaate fudhatama waan qabu natti hin fakkaatu jedhan.
Traamp kaleessa Filooredatti ibsa kennaniin, yoo Tehran amala badaa agarsiisuu malee didde ammallee biyyattii irratti haleellaa deebi'anii jalqabuun akka danda'amu himan.
Iraan gocha ishee kanaaf gatii guddaa akka hin kaffalle of eeggachuu akka qabdullee akeekkachiisan
Qondaalli olaanaa Iraan tokko sambata darbe akka jedhanitti, yaadni Iraan hanga ammaatti Tiraampiin fudhatama hin arganne.
Akka qondaalichi jedhanitti yaadni haaraan Iraan waliigaltee salphisuuf kan yaadame yoo ta'u, isaanis Iraan ulaa Hormuuz cufte deebiftee akka bantu, Ameerikaan ammoo dooniiwwan Iraan ugguruu akka dhaabdu kan ibsuudha.
Dabalataanis ,Waraanichi akka xumuramu, Ameerikaa fi Israa'el ammas Iraan irratti akka duula hin gaggeesine akka waadaa galan kan gaafatu yoo ta'u, dhimmi marii sagantaa niwukilaraa Iraan waligalteewwaan kana booda akka ta'u kan akeekudha.
Tiraamp balalii gara Weest Paam Biich irraa gara Maayaaamii Filooriidaatti taasisuuf wayita jedhanitti yaada Iraan dhiheessite irratti yaada akkamii akka qaban yeroo gaafataman, "yaada ijoo waliigaltee kanaa qofa natti himan. Bal'ina isaa isa guutuu fi sirrii ta'e naaf arguuf eegaan jira" jechuun deebisaniiru.
Itti dabaluunis, boodarra miidiyaa hawaasaa isaanii irratti akka barreessanitti yaadni kun fudhatama qaba jedhee hin yaadu. Iraan gocha ishee kanaaf adabbiin akka ishee eeggatu himan.
Yoo barbaachisaa ta'e deebifnee Iraan irratti haleellaa jalqabuu dandeenya jedhan Tiraamp.
Iraan dippilomaasiidhaaf qophiidhaa?
Traamp irra deddeebiin Iraan gonkumaa meeshaa niwukilaraa qabaachuu akka hin dandeenye kan dubbatan yoo ta'u, Jimaata darbe yaada Iraan dhiheessitetti akka hin quufne ykn hin gammanne dubbataniiru.
Ministirri dhimma alaa Iraan Abbaas Aregaachi Iraan marii dippiloomasitiif qophii ta'uu ibsaniiru. Kun ta'uu kan danda'ugaruu yoo Ameerikaan ijjannoo ishee yoo jijjiirte jedhan.
Gabaasni Rooyitars fi gareewwan oduu biroo akka mul'isutti Iraan dhimma niwukilaraa furuu dura ulaa Hormuz deebiftee banuuf karoorfattee jirti . Qondaalli Iraan karoora kana mirkaneessaniiru. Yaanni kun yaada guddaa karaa jiddu-galeessitootaa gara Ameerikaatti ergame keessaa tokko ta'uu ibsaniiru.
Tiraamp Jimaata darbes nagaa filachuu fi tarkaanfii waraanaa akka hin barbaanne dubbataniiru. Yeroo seeraan murtaa'e booda waraana kana itti fufuuf hayyama akka isa hin barbaachifne miseensota mana maree Ameerikaatti himaniiru.
Doonaald Tiraamp walii galtee gochuuf hin ariifanne jedhu. Haa ta'u malee Ameerikaa keessaa dhiibbaan isa mudachaa jira. Iraan ulaa Hormuz ugguruu fi dhiyeessii boba'aa fi gaazii addunyaa hir'achuun gatii boba'aa US keessatti dabaleera.
Paartiin Rippabilikaan Tiraamp sababa gatii olka'aa ta'een deeggarsa filattota irraa dhabuu mala. Biyyattiin filannoo Adoolessa gaggeeffamuuf yeroo qophooftu kun barbaachisaa dha.
Paartiin Rippabilikaan Tiraamp sababa gatii olka'aa ta'een deeggarsa filattota irraa dhabuu mala. Biyyattiin filannoo Sadaasa gaggeeffamuuf yeroo qophooftutti dhimmi daballii gatii Boba'aa akkaan murteessadha.
Miidiyaaleen Iraan akka jedhanitti Iraan yaada qabxii 14 qabu dhiheessiteetti. Yaadni dhihaates , Humnoonni Ameerikaa naannoo Iranitti dhihoo jiran gadhiisanii deemuu, uggura Ameerikaa xumuruu, gatii maallaaqaa Iraan kufe ol kaasuu fi beenyaa kanfaluu kan jedhu fa'i.