Tamsaasa har'aa asirratti xumurra
Halkan gaarii qabaadhaa. Odeessa bal'aa asuma keessaan argattu.
Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Piriimer Liigii: Dorgommiin Piriimer Liigii torban 35ffaa har'a gaggeefama. Arsenaal Fuulhaamiin morkata.
Halkan gaarii qabaadhaa. Odeessa bal'aa asuma keessaan argattu.
Mikeel Arteettaan : Taphicha akkuma barbaannuun jalqabne. Gahumsa akka gareetti agarsiifne baay'ee gaariidha.
Akkasumas gahumsa taphattoota dhuunfaa addatti argineerra jedhe.
Jifachuu irratti saffisa fi gahumsa guddaa agarsiifne. Deeggartoota keenya waliin humnaa fi haamilee ajaa'ibaa arganne.
Yeroo deeggarsa akkanaa asitti argannu nu mo'uun ni ulfaata.
Taphattoota gahumsa guddaa qaban baay'ee qabna ture. Madaallii barbaanne hunda nuuf kenneera.
Olaantummaa. kutannoo fi tokkummaa cimaa agarsiifneerra jedhe.
Lewis Iskeelii shaakala irratti cimina guddaa agarsiise. Amalli isaas hariiroo taphattoota kaan wlaiin qabus adda ture jechuun gahumsa isaaf galateeffateera.
Lewis Iskeeliin amntaa leenjisaa fi taphattoonni narra kaa'aniif nan galateeffadha. Carraa guddaa naaf kenne jedhe.
Viiktar Yookores ''sadarkaa kanatti taphoota nu hafan mo'achuu qabna.
Har'a tapha bareedaa taphanne. Qabxii sadii argachuu keenyattis gammadeera.
''Akkan yaadutti yeroo hundumaayyuu taphaaf qophoofnu tapha bareedaa agarsiisuu fi carraa bal'aa uumuu barbaanna. Har'a kana lamaanuu agarsiifneerra.
Takkaayyuu akka injifannu amanuu dhiisnee hin beeknu. Takkaayyuu abdii hin kutannu. Amma taphoota hafan irratti xiyyeeffachuu qabna.
Amma sadarkaa gaarii irra waan jirruuf kan nu hafe mo'achuu qofatu nu hafa. Dhugaa dubbachuuf waancaa mo'achuuf carraa guddaa qabna jedhe.
Viktar Yookores Arsenaaliif walumaagala galchii 21 lakkoofsiseera.
Arsenaal galchii Viiktar Yookores lamaa fi Bukaayoo Saakaan 3-0 Fuulham dursaa jira.
Taphattoota Arsenaal irraa gammachuu fi miira ofitti amanamummaa guddaatu mul'ata.
Bukaayoo Saakaa ji'oota booda jalqabarra' galuun gahumsa bareedaa agarsiisee haga boqonnaa taphate.
Arteettaan boqonnaa dura akka injifatan waan mirkaneesseef taphattoota jijjiiruun akka boqotanis godheera.
Kun ammoo tapha Shaampiyoonsi Liigii Atileetiikoo Maadrid waliin qabaniifidha.
Arsenaal har'a gahumsa adda tahe agarsiisan. Jifachuuf sodaa hin qaban.
Saakaa fi Eezzeen bakka isaanii sirrii yeroo taphatan har'a adduma. Viiktar Yookores sochii bareedaa agarsiise.
Galchii lamas lakkoofsise. Sodaa Arsenaal irraa hin argitu.
Wayinii Ruuniin tapha kana boqonnaa dura ajjeesan jedhe. Boqonnaa booda kana galchii dabalataa argachuu malu jedhe.
Waancaa kan murteessu yoo tarii baay'ina goolii taheef isaaf isaan gargaara jedhe.
Maanchister Yuunaayitidiif galchii hedduu lakkoofsisuun rikardii kan qabu Ruuniin barana Arsenaal akka waancaa mo'atu jalqabuma akka amanu himeera.
''Bara dorgommii kana guutuu Viktar Yookores natti tola ture. Garee kanaaf waan gaarii hojjeteera.
Baay'inni goolii galches baay'ee gaariidha. Akaataatti taphattota sarara ittisaa dhiibbaa keessa galchus jaaladheera.
Yeroo akkasiis isa barbaadda. Taphataa lakkoofsa 9 yeroo fiddu waan kanadha kan isarraa eegdu. Haal gaariin hojii isaa bahateera jedhe.
GOOOOL- BUKAAYOO SAAKAA Arsenaal harka tokkoon waancaa Piriimer Liigii qabachuuf jedha.
Bukayoo Saakaa galchii lammaffaa lakkoofsise.
Arsenaal 2-0 Fuulham
Rikkaardoo Kalafiyoorii galchii lammaffaa lakkoofsisee taphaan ala jedhamuun jalaa haqame.
Tahus Fuulham waan Arsenaaliif harka kenne fakkaata. Baay'ee caalameera.
Arsenaal waancaatti dhiyaachaa jira.
Arsenaal taphni jalqabee daqiiqaa 10 keessatti Fuulhaamiin dursuu jalqabe.
Kubba bareedaa Bukaayoo saakaa dabarse Yookores galchuun dursuu jalqaban.
Fuulham haala amma jiruun saffisa Arsenaal dura dhaabbachuu hin dandeenye.
Arsenaal erga dirree isaa irratti Fuulhaamiin mo'amee waggaa 122 darbaniiru.
Har'a rikardii kanaa gadii eegduuree!
Har'a garuu qabxii jahaan dursuu jalqabuuf tapha isa yeroo kaanii caalaa guddaatu isaan eeggata.
Kana mo'anii waancaa biraaf darbuuf AtileetiikooMaadrid torban dhufu keessummeessu. Iisn maal jettu?
Arteettaan tapha Darbii Landan tahe Fuulhaam waliin qabaniif sarara duraa irra Bukaayoo saakaa, Yookoresii fi Tiroosaad hiriirsise.
Sarara gidduu irra Eezzee Lewis Iskeelii fi Deklaan raayis taphatu.
Ittisa irra Been Waayit, Saalibaa, Magaleshii fi Kalafiyoorii taphatu.
Zuubimandiin taa'umsa jijjiirraa irra jira. Arteettaan Kiristiyaan Noorgaard irra Lewis Iskeelii sarara gidduu taphachiisuu filate.
Tapha Atileetiikoo Maadirid waliin qabaniif taphattoota akka Zuubimandii, Maduweekee fi Maartineelii boqachiisuu barbaade.
Tootenhaamii fi West Haam akkasumas Nootiingihaam Foorest warra karaa dhumaa Liigicha keessatti hafuuf dhama'aa jiranidha.
West Haam har'a Bireentifoordiin durfamaa jira. Tootenhaam kan Astoon Viilaa mo'atu yoo tahe carraa guddaadha.
Roobertoo De Zerbiin Tootenhaamiin Piriimer Liigii keessatti oolchuuf waca dhiisnee tapha hafan hunda mo'achuuf qophaa'uudha jedhe.
West Haam taphoota ulfaatoo qaba. Kun Tootenhaamiif carraa guddaadha.
Arsenaal bara kana miidhamaan taphattoota ciccimoo hedduu dhabee ture.
Tokko yoo miidhamee taphataan kaan ni miidhama. Akkasis tahee garee cimaa qabaachuu isaan keessa darbeera.
Juuriyaan Tiimber, Odeegaard, haavert, Kalafiyoorii dabalatee kanneen irra deddeebiin miidhamanidha.
Taphattoonni Arsenaal walumaagala taphoota 262 miidhamaan dhabaniiru. Kun tokkoon tokkoo taphataa kileba isaa fi biyya isaaf taphachuu kanq abu keessaa kan osoo hin taphatiin hafanidha.
Kan Manchister Siitii ammoo taphoota 212 dhaban.
Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaan tapha Fuulham dursuun haala taphattoota isaa dubbateera.
Niwkasil qabxii 42 qaba. Biraayitan qabxii 50 qaba. Biraayitan hirmaannaa Awurooppaa Liigii mirkaneeffachuuf falmii jabaa taasisa.
Niwkasil bara kana gahumsa gaarii irra hin jiru. Liigicha keessatti hafuufiyyuu %100 mirkaneeffateera jechuun hin danda'amu.
Biraayitan kileboota gurguddaa injifachuun qabxii gaarii argataa dhufe. Cheelsii guutummaan caalee injifachuun isaayyuu akka leenjisaa isaa gaggeessuuf sababa tokko ture.
Gareen wanbadootaa seeran ala tapha Piriimer Liigii tamsaasuun bu'aa argataa turan akka pawwondii miliyoona 3.75 kaffalan itti murtaa'e.
Caamsa bara 2023 keessa Maark Goold namni jedhamu gochaa kana duuba nama jiru jechuun akka hidhaan adabamau itti murteesse.
Tamsaasa 'Flawless TV jedhu irratti namoonni afur eeyyama malee Piriimer Liigii tamsaasaa tura.
Arfan isaaniitti hidhaan waggaa 30 murtaa'e. Kun gochaa eeyyama malee tamsaasuun adabbii guddaan itti kennames jedhameera.
Maamiloota 50,000 ol qabu. Akkasumas namoota isaan irraa bituun deebisanii gurguratan qabu. Hojjettoota 30 ol qacaraniiru. Tamsaasa kana irraas paawondii miliyoona 7 ol bara 2016-2021 gidduutti argatamiiru.
Goold namni jedhamu hidhaa waggaa 11 adabame. Manni Murtii UK adabbii kana dhiisee bu'aa argate paawondii miliyoona 2.35 kaffaluumoo itti fufee hidhamuu sii wayya jedhees carraa kenneeraaf.
Namoonni sadan kaanis paawondii miliyoona 1.4 kaffaluu ykn hidhaa isaanii xumurachuu wayya kan jedhu dhiyaateeraaf.
Arsenaal tapha Shaampiyoons Liigii Awurooppaa xumura walakkaa tapha lamaffaa Atileetikoo Maadiriid waliin osoo hin taasisiin dura fuula isaa gara Liigiitti naanneeffata.
Arsenaal goolii lakkoofsisuu dhabuun isaa yaaddessaadha.
Fuulhaam waltajjii awurooppaaf morkataa kan jiru ta'ulleen ciminni sarara ittisaa Arsenaal akka salphaatti hin ilaalamu.
Tilmaama፡ 2 - 0
Arsenaal har'a Fuulham waliin morkata. Tapha kana Arsenaal mo'achuun dirqama itti taha.
Maanchister Siitiin osoo hin taphatiin Arsenaal tapha lama dabalataan taphata.
Odeessa waktawaa isinii dhiyeesina. Nu waliin turaa.