Godaantonni gara UK imalaa turan 300 ukkaamfamuun kaleen isaanii akka baafamu doorsifaman

Madda suuraa, Kurdish Regional Government
Godaantonni 300 caalan ganna darbe gara UK imalaa turan ukkaamfamuun, gidirfamanii, qaamni isaanii akka keessaa fuudhamu doorsifamuu BBC'n odeeffate.
Dargaggoonni kunneen hundinuu Kurdistaan Iraaq irraa kan dhufan yoo ta'u, Liibiyaa keessatti garee milishaatiin ukkaamfamanii tokko tokkoonsaanii gad lakkisuuf maatii isaanii irraa dolaara 5,000 gaafataman.
Yoo kaffaltiin sun dafee hin raawwatamne kalee hidhamtootaa baasanii gurguruuf doorsisani.
Godaantonni hidhaman erga gadi lakkifamanii booda dubbisne tokko tokko, suuraalee ragaa oppireeshinii dirqii isaanirratti gaggeeffamaa turuu agarsiisan arganneerra.
Hidhamtoonni duraanii ragaalee dararaa irratti raawwatamee nutti agarsiisaniiru, akkasumas kutaa tokko keessa namoota hanga 180 ta'anii iddoo dhiphoo ta'etti hidhamanii akka turan dubbatu.
Yoo xiqqaate hidhamaan tokko akka du'e kan barame yoo ta'u, hamma ammaatti meeqan isaanii akka hidhaa keessa jiran hin beekamu.
Milishoonni sun godaantota kana Liibiyaa keessaan handaara Galaanaa Meditiraaniyaaniitti qajeelchuuf waliigalanii turan.
Haa ta'u malee, dallaalaa godaantotaa dhalataa Kurdistaan Iraaq kan godaansa kana mijeesse, Noah Aaron, waliin wal-dhabdeen kaffaltii uumame.
Aaron yeroo ammaa yakka daldala seeraan alaa namaa fi qarshii seeraan ala daddabarsuun biyya Faransaayitti hidhaan ganna 10 itti muramee mana hidhaa jira.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Odeeffannoon waa'ee butamuu namootaa gad-fageenyaan kan mul'ate, qorannoo dhiheenya kana BBC'n dallaalaa godaantotaa seeran alaa, Kardo Jaf, irratti gaggeesseen dhimmi isaa erga qoratamuun ji'a darbe keessa erga qabamee boodadha.
Dallaalonni lamaan kunneen kanaan dura waliin hojjachaa akka turan amanama.
Lamaanuu magaalaa Ranya kan Kurdistaan Iraaq keessatti argamtu irraa kan dhufan yoo ta'u, naannoon kun akka gabaasa dhaabbata xiinxala UK, Chatham House'tti "naannoo networkii dallaaltota seeraan alaatiin beekamtudha."
"Baatii Guraandhalaa keessa, gareen qorannoo BBC waa'ee Jaf magaalaa Ranya keessaa odeeffannoo sassaabaa osoo jiruu, namni naannoo sanaa tokko gara isaanii dhufuun ilmi isaa namoota hidhamanii turan keessaa tokko akka ture itti hime.
Namni kun BBC'tti akka himetti, gareen wanbadeen. dallaalota seeraan alaa Noah Aaron gara UK'tti godaansa qopheessuudhaaf maatii isaa dolaara kumaatamaan gaafate.
Toorri kunis Afrikaa Kaabaa keessaan darbuun Galaana Meditiraaniyaanii qaxxaamuree gara Awurooppaatti seenuu kan dabalatudha.
Akka gorsa dhimma daldala seera alaa namootaa UN, Anthony Dunkerley, jedhamu qorate jedhutti, imalli kun Liibiyaa, biyya "qaawwa mootummaa guddaa" qabdu keessaan darba.
Irra caalaan biyya Liibiyaa gareewwan milishaa wal-falmaniin kan bulu yoo ta'u, networkiin daldala seeraan alaa walta'iinsa gareewwan kanneeniin walqabata.
Waqtii gannaa 2025 keessa, gareewwan godaantotaa wal-faana Kurdistaan Iraaq irraa xiyyaaran gara Liibiyaa seenan, gara mooraa eegumsa jabaa qabu tokkootti geeffamanii akka hidhaman barreerra.
Milishoonni sunis Aaron waliigaltee kanaan duraa irratti kaffaltii waan hanqiseef jecha, tokkoo tokkoon hidhamtootaa irraa dolaara 5,000 gaafatan.
Yoo qarshiin sun saffisaan hin dhiyaatin, "kaleen" isaanii akka keessaa fudhatamu akeekkachifni maatiif kennameera.
Namoonni Liibiyaa kunneen suuraalee fi viidiyoolee hidhamtoota kanneenii kan baay'ee nama dhiphisanii fi hammeenyaan guutaman maatiidhaaf hidhamtootaa ergaa turan.
Viidiyoo tokko keessatti, dargaggeessi tokko waraabamaatii, kalee isaa baasuudhaaf gara doktoraatti geeffamaa akka jiru itti himamaa ture.
Namni naannoo Ranya keessaa gara keenya dhufe sun akka jedhetti qarshii hidhamaa isaa hiiksisuuf gaafatame sana kaffaleera.
Ilmi isaas booji'amtoota 110 xiyyaara mootummaan Iraaq qopheesseen baatii Amajjii keessa gara biyyaa deebifaman keessaa tokko ture.
Haa ta'uu malee, inni suuraa ilmi isaa osoo hidhaa keessa jiruu ergeef nu agarsiise; suuraan kun godaannisa madaa haaraa oppireeshinii humnaan kalee baasuu irraa dhufe ta'uu danda'a jedhanii yaadda'an itti agarsiisuu hima.
Namicha kana waliin erga dubbannee yeroo gabaabaa keessatti, namoonni dabalataa hedduun gara keenya dhufuun suuraalee bilbilarraa qaban kan dhimma wal-fakkaatu agarsiisan nutti argisiisan.
Boodarra suuraalee kanneen keessaa tokko gorsaa biyya UK tokkotti agarsiifneerra.
Ogeessi kunis madaan sun madaa yeroo opireeshinii kalee uumamu waliin kan walfakkaatu ta'uu isaa dubbateera.
Haa ta'u malee, kaleen sun dhugumaan baafamuu isaa ragaa qorannoodhaan mirkaneessuun hin danda'amne.
Liibiyaa keessatti godaantotaa maallaqaaf ukkaamsuun baay'ee kan barame.
Akka Dunkerley jedhutti, gareewwan yakkaa kun naannoo tokko tokko keessatti to'annoo mootummaa laafetti fayyadamu.
Kunis qorannoo gaggeessuu fi yakkamtoota seeraatti dhiheessuuf baay'ee rakkisaa taasisa.
Yeroo ammatti hidhamtoota keessaa baay'een isaanii gadi lakkifamaniiru.
Maatiiwwan tokko tokko kaffaltii firoota isaanii ukkaamfaman gadlakkisiisuu sana ariitiin kan raawwatan yoo ta'u, aangawoonni Kurdistaan garuu hidhamtoonni kaan kaffaltii sana qaama keessoo akka kalee isaaniitiin kaffalanii ta'uu mala jedhanii tilmaamu.
BBC'n namoota kanneen hidhaarraa bahanii magaalaa Ranyatti deebi'an tokko tokko dubbiseera.
Dargaggeessi tokko miilli isaa gubachuu fi akka dararaan irratti raawwatame dubbate.
Innis madaa isaa argisiisuuf kofoo isaa isaa ol qabee nutti agarsiise.
Mucaan ganna 16 tokko namoota 178 kutaa dhiphoo tokko keessa hidhamanii turan keessaa tokko akka ture dubbata: "Ji'oota ja'aaf aduu hin argine" jedhe.
Kutaan sun baay'ee dhiphoo waan tureef, namni hundi osoo taa'uu akka rafu dirqama ture jedhe.
Hidhamtoonni hundi mana fincaanii tokko qofa kan fayyadaman yoo ta'u, namni yeroo dheeraa fudhate ni reebama.
Maatiwwan hidhamtootaa BBC'tti akka himanitti, nyaanni isaanii guyyaatti daabboo tokko qofa ture; kunis kan ta'u yoo maatiin kaffaltii dabalataa hidhamtoota qabamaniif ergan qofadha.

Madda suuraa, Instagram
Akka aangawaan olaanaan Ministeera Dhimma Biyya Keessaa Mootummaa Kutaa Kurdistaani, Heemn Meeraany jedhutti, yaaddoo fi balaan akkasii jiraatus yaa'insi godaantota seeraan alaa Kurdistaan Iraaq irraa gara Awurooppaatti godhamu hundi hin dhaabbanne.
Akka inni jedhutti, booji'amtoota gara biyyaatti deebi'an kanneen hiriyootaa fi maatiiwwan saaniitti waa'ee gochoota suukanneessoo isaan mudatee akka himan waamicha godheefiira; kunis namoonni kaan daandii godaansaa wal-fakkaataa kanaan akka hin akeekkachiisuufi.
Meeraany seenaa abbaa ilma isaa kaleen isaa humnaan baafamee Liibiyaa keessatti du'e tokkoos dubbate.
Magaalaa Ranya keessatti sirna awwaalcha mucaa sanaa irratti, abbaan sun dhiyeenya kana durbii ilma isaa lama gara Awurooppaatti godaanuuf manaa bahuu hime.
"Wanti baay'ee nama gaddisiisu godaansa kana keessatti, nuyi dhimma kana irraa barumsa dhabuu keenyadha" jedhe Meeraany.














