Himatawwan haaraa sadeen Obbo Taayyeerratti banamanii turan adda citan

Madda suuraa, Miidiyaa Hawwaasaa
Abbaan Alangaa himatawwan haaraa sadeen Obbo Taayyeerratti hundeessee ture adda kutuusaa abukaatoo himatamaa kan ta'an Abarraa Nigus BBC'tti himan.
Deetaan Ministeera Nagaa duraaniifi miseensi Caffee Obbo Taayyee Danda'aa, himatawwan sadeen ilaalchisee har'atti Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti beellamni qabamee akka ture abukaatichi himaniiru.
Beellamni kunis Manni Murtii Olaanaa Federaalaa ittisawwan himataafi gaafii mirga wabii himatamaan dhiyeessan kufaa jalaa gochuu isaatiin Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti oliyyatanii hordofaa kan turan ta'uus dubbatan.
"Oliyyannee adeemsa falmiirra turre. Beellamni har'aas Manni Murtii Waliigalaa falmii bitaaf mirgaa qoratee murtee kennuuf ture.
Akka carraa garuu Abbaan Alangaa kaleessa ALI Ebla 13, 2018 'Abbaan Alangaa Waliigalaa himatichi akka ka'u waan murteessaniif himatichi adda nuuf yaa citu' jedhanii dhiyeessaniiru" jedhan.
Iyyata Abbaa Alangaa kana bu'uura gochuunis Manni Murtii Waliigalaa falmicharratti murtee kennuun osoo hinbarbaachisin himanni adda cituusaa baramuu himan.
Gama biraatiin Abbaan Alangaa himatawwan sadeen adda kutuusaaf sababawwan eere qabaachuusaa kan gaafanne Obbo Abarraan, "wanti akka sababaatti eerame hinjiru" jedhan.
Dabaluunis himanni adda cituun bilisa jedhamuu akka hintaane kan himan abukaatichi, "himanni adda citeera jechuun himatichi hinsocho'u jechuu miti" jedhaniiru.
Himatawwan sadeen adda citan maal ofkeessaa qabu?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Aangoorraa kaafamanii erga hidhamanii booda himatawwan sadi kan irratti baname Obbo Taayyeen, himata lamaan bilisa jedhamanii isa tokkoon immoo hidhaan cimaa waggaa 7fi ji'a lama akkasumas birriin 5,000 irratti murtaa'ee tue.
Booda oliyyannoo Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti dhiyeeffataniin adabbiin kun gara hidhaa waggaa 4'tti gadi hir'ateera.
Murtee fooyya'e kana mormuunis Dhaddacha Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti iyyatanii beellamarra akka jiran himaniiru.
Gama biraatiin Abbaan Alangaa ji'oota muraasa durammoo gaafif deebii Obbo Taayyeen, toora miidiyaa hawaasummaa 'Horn Conversation' jedhamu waliin taasisan ka'umsa gochuun himatawwan haaraa sadi irratti banuunsaa ni yaadatama.
Abbaan Alangaa jalqaba Obbo Taayyeen eeruun, himanni kunis Seera Yakkaa bara 1996 bahe keewwata 257/1 cabsaniiru kan jedhu himata tokkoffaa gochuun dhiyeesse ture.
Haa ta'u malee himata kana akka fooyyessu mana murtichaan ajajni kennamuusaatiin himaticha gara Seera Yakkaa bara 1996 bahe keewwata 238/1tti jijjiiruusaa Obbo Abarraan kanaan dura BBC'tti himanii ture.
"Seerri yakkaa keewwanni fooyya'e kuni 'Heera mootummaa fi sirna heera mootummaan hundaa'e humnaan diiguu kan jedhu fi qabiyyee hedduu kan ofjalatti hamate" jedhaniis ture.
Himanni inni lammaffaan immoo Raayyaa Ittisaa ilaalchisee odeeffannoo sobaafi dogongorsiisaa ta'e dubbataniiru kan jedhudha.
Himanni kun 'Haleellaa Izzii Kaabaa (Raayyaa Ittisaa) irratti raawwatamefi dhimmoota biroo ilaalchisee odeeffannoo dogongorsiisaafi soba ta'e kennaniiru. Kunis miidiyaa hawaasaa 'Horn Conversation' jedhamuun tamsa'e' kan jedhu akka ta'e Obbo Abarraan himanii ture.
"Himanni sadaffaan immoo gaafif deebii 'Horn Conversation' waliin taasisanfi kutaalee sadiin tamsa'erratti sirna seeraan hundaa'erratti duula gochuun yakka mootummaa biyyattii sarbuu kan jedhudha" jedhan.
Himanni Obbo Taayyeerratti saaqame inni lammaffaan Seera Yakkaa bara 1996 bahe keewwata 337 kan ilaallatu yemmuu ta'u, himanni sadaffaan immoo keewwata 244 kan ilaallatu akka ta'es abukaatichi dubbachuunsaanii ni yaadatama.















