Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hegseet guyyaa yaadannoo D Day irratti 'weerara' godaantotaatiin awurooppaa qeeqe
Ministirri Ittisaa US Piit Hegseet, haasaa yaadannoo guyyaa D-Day Faransaayitti taasisan irratti, biyyoota Awurooppaa godaansa seeraan alaa keessummeessuun qeeqan. "Weerara" handaara galaanaa jechuun kan ibsan kanaaf awurooppaa komatanii jiru.
Yaadannoon D Day, waggaa 82 dura humnoonni allied forces weerara Naazii kan awurooppaa lixaa ture loluuf bara 1944 yeroo jalqabaaf handaara galaanaa Faransaay Normandiitti walitti dhufuun haleellaa jalqabaa banan yaadachuuf kan ayyaaneffatamu dha.
Hegseet haasawa tolchaniin, "Waan nama gaddisiisu, har'a handaarri galaanaa Awurooppaa garagaraa ilaalchota adda addaa fi balaafamaa ta'aniin weeraramaa jiru," jedhan.
"Handaariwwan galaanaa Ispeen, Xaaliyaanii, Giriik fi Bulgaariyaa keessaa. Dooniiwwanii fi namoonni ni dhufu. Magaalonni guguddoon Awurooppaa yoom dhimma weerara sanaa irratti tarkaanfii fudhatu?" jedhan.
Awurooppaa keessatti godaansi dhimma siyaasaa guddaa ta'ee kan jiru yoo ta'u, paartileen imaammata godaansaa cimaa ta'e deeggaran filannoo keessatti sagalee guddaa argachaa jiru.
Yaadni Hegseet kun qorannoo fi qeeqaa jabaa dabalataa hoggantootni olaanoon bulchiinsa Tiraamp dhimma imaammata godaansaa Awurooppaa irratti taasisan mul'isa.
Jimaata , itti-aanaan Pirezidantii Ameerikaa JD Vaans, du'a barataa Biriteen ganna 18 Henrii Nowaak, kan bara darbe magaalaa Saawuzhaamptan keessatti nama Viikram Digwaa jedhamuun waraanamee lubbuun isaa darbee "balaa weerara godaantotaa olaanaa " jedhanii ibsan.
Balaa kanaaf garuu "deebiin takkittiin" kenname "dallansuu" qofa jedhan.
Waajirri Ministira Muummee Biriiteen "namoota dimokiraasii keenya keessa harka naqachuuf yaalan'' jechuun qeequun deebii kan kenne yoo ta'u, "maatiin Nowaak immoo "duuti isaa qoqqoodiinsa dabalataa uumuuf akka hin oolle akka barbaadan dubbataniiru" jechuun ibseera.
Tajaajilli Abbaa Alangaa Mootummaa immoo Digwaan [kan Nowaak ajjeese] Biriteen keessatti akka dhalate mirkaneesseera.
Hegseet Faransaay keessatti haasaa godhan kanaan, waggoota injifannoo D-Day boodaa darbanitti, magaalonni Awurooppaa bilisummaa qabsoo hadhaawaan argataniin akka malee itti toluu fi "tasgabbii argachuu" dubbatan.
Garuu immoo "bilisummaan tola waan argamu miti" kan jedhu dagatanii jiru jedhan.
Hegseet dabalataan, "Jagnoonni asitti loluun lubbuu isaanii kennan Awurooppaaf bilisummaa deebisanii fidan," jedhan.
"Bilisummaan sun dhaloota hoggantoota adda addaa fi loltoota ammaa kanaan eegamuu qaba, yoo hafe garuu wanni isaan dhiiga itti dhangalaasan hundi yeroof qofa ta'ee hafa," jedhan.
D-Day oppireeshinii waraanaa galaanarraa seenaa keessatti isa olaanaa turee fi loltoonni UK, US fi Kanaadaa kuma kurnaniin irratti hirmaatan ture.
Handaarawwan galaanaa kaaba Faransaay shan irratti oppireeshiniin kun godhame.
Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampis imaammata godaansaa biyyoota Awurooppaa qeequun, bara darbe Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) irratti akka dubbatanitti, biyyoonni Awurooppaa "godaansa to'annoon alaa" kanaan kan ka'e "gara azaabaatti deemaa jiru" jedhaniiru.
Ministirri Muummee Biriiteen Kiir Istaaarmar, yoo kanarratti deebii kennan, yaadni pirezidantichaa 'sirrii miti' erga jedhanii , dhimma godaansa seeraan alaa, keessattuu namoota dooniiwwan xixiqqoodhaan Ulaa Galaana Ingiliiz ce'an ittisuu irratti 'hojii jabaa' hojjechaa akka jiran ibsan.
Lakkoofsi namoota galaanarraan gara Awurooppaa seenanii bara 2015 keessa sadarkaa isa olaanaan jedhamuun olka'ee kan ture yoo ta'u, yeroo sanatti namoonni miiliyoona tokkoo ol Galaana Meditiraaniyaanii qaxxaamuruu isaanii Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii ibseera.
Ebla 2025 fi Bitootessa 2026 gidduu, waliigala namoonni 169,341 ta'an galaanaarraan gara Biriiteen (UK), Giriik, Xaaliyaanii, Ispeenii fi Saayipiras seenaniiru.
Kanneen keessaa kanneen gara UK qaxxaamuran ammoo 23% .
Jalqaba ji'a Amajjii irraa hanga Waxabajjii 3 bara 2026tti, waliigala namoonni 9,142 ta'an doonii xixiqqoodhaan nananoo Galaana Inggilizii ce'uun Faransaay irraa gara UK seenaniiru.
Kunis baay'ina yeroo walfakkaataa bara darbeerraa dhibbeentaa 38%'n gadi bu'eera.
"Mudde keessa, bulchiinsi Tiraamp Imaammata Nageenya Biyoolessaa isaa haaraa ifoomsee kan ture yoo ta'u, imaammatichi akka ragaasiseetti, yoo haalli amma jiru itti fufe, Awuroooppaan ''waggoota 20 ykn isaa gadi keessatti kan beakamtii dhabdi'', akkasumas rakkoon dinagdee ishii "yaaddoo qabatamaa fi baay'ee ifa ta'e" kan qaroomina ishee balleessu ta'a.
Tiraamp ofiisaa biyya keessatti imaammata farra -godaantotaa ajandaa ijoo godhateera. Amajjii 2025 kaasee humnoota immigireeshinii fi gumrukaa bobbaasuun godaantota kumaatama to'achaa jira.