FIFAn biyyoota karoora falmisiisaa haaraa deeggaraniif doolaara mil 40 dhiheesse, karoorri kun maali?

Madda suuraa, Getty Images
- Barreessaa, Simon Stone
- Gahee, Chief football news reporter
- Maxxanfame
- Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3
Pirezidantiin FIFA Jiyaanii Infaantiinoo xalayaa miseensota dhaabbatichaa 211 ta'an hundatti barreesseen biyyoonni karoora haaraa deeggaran doolaara miiliyoona 40 akka argatan ibseera.
Karoorri falmisiisaan FIFAn haaraa baase kun qaamoleen alaa dorgommiiwwan kubbaa miillaa ijoo ta'an fudhachuun akka qopheessan eeyyama.
Infaantiinoon miseensonni FIFA maallaqa jalqabaa doolaara miiliyoona 20 argachuuf guyyaan dhumaa Fulbaana 19 ta'uu ibseera.
Jaarmiyaan kubbaa miillaa addunyaa bulchu kun maallaqa sagantaawwan gurguddoo, dorgommii Waancaa Addunyaa dabalatee, qopheessuuf isa tumsu argachuuf karoora baafate ta'uu ibseera.
Akka karoora kanaatti investeroonni alaa qooda bitachuun hirmaachuu danda'u.
Karoora FIFA kana ammumarraa mormiin mudateera. Jaarmiyaan kubbaa miillaa Awurooppaa bulchu UEFA jedhamu FIFAn kubbaa miillaa akka madda maallaqaatti fayyadamuun ''aanga'oota isaa fi hiriyoota isaa duroomsuu irratti hojjetaa jira,'' jechuun himate.
Maallaqi akka biyyootaaf kennamu kan ibsame Infaantiinoon ibsa addunyaa kubbaa miillaa keessatti raafamaa fi rifaatuu guddaa uume erga baasee sa'atii 24 keessatti.
Infaantiinoo ''haga jibba facaastan waaqa kadhadhaa ykn kubbaa daawwadhaa'' jechuun namoota isa qeeqaniif dhaamsa dabarse.
Qondaalli FIFA kun Waancaa Addunyaa xumurame irratti akka malee qeeqameera.
Ibsi Infaantiinoo kun Awurooppaa, Eeshiyaa fi Kaaba Ameerikaa irraa dheekkamsa guddaa kaaseera.
Inumaa Infaantiinoon itti aantota isaa gariitti waa'ee karoora haaraa, doolaara biiliyoona 10 argamsiisa jedhamee abdatamu, kanaa itti hin himne.
BBCn xalayaa fuula shan qabu kan kan faayidaa wixinee karoora haaraa bal'inaan ibsuu fi Infaantiinoon irratti mallatteesse argeera.
Xalayaan kun miseensonni FIFA karoora kana deeggaran Amajjii 1, 2027 irraa eegalanii hatattamaan doolaar miiliyoona 20 argatu jedha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Jaarmiyaan kubbaa miillaa Awurooppaa UEFA jedhamu ''FIFAn waldaaleen kubbaa miillaa miseensa isaa ta'an karoora haaraa inni baase akka tumsaniif, yoo hin tumsine ammoo maallaqa yeroo tokkoon kaffalamuuf akka dhabaniif daangaa yeroo kaa'uu hubanneerra.
Kun waa'ee karoora kanaa waan hunda bal'inaan qorachuu akka barbaachisu namatti hima jedhe.
''Garuu UEFAn erga qaamolee dorgommii tapha kubbaa miillaa sana keessa turan hedduu waliin mari'atee booda karooraa fi sagantaa FIFA kanarratti mormii cimaan jiraachuu hubateera.''
Kanaafuu akka FIFAn ''ispoortii akka madda maallaqaatti fayyadamuun ofis, michuuwwan isaas duroomsu hin eeyyamnu. Kubbaan miillaa karaa sirriin akka guddatu qofa feena,'' jedha ibsi UEFA.
''Yeroon waaldaalee kubbaa miillaa, kilaboota, liigota, taphattootaa fi deeggartoota ykn daawwattootaaf dursa kennuu qabnu amma.''
Infatiinoon karoorri kun dirqamaan kan namarratti fe'amaa jiru osoo hin taane akka filannoo gaariitti dhihaataa kan jiru ta'uu ibse.
''Dirqamaan akka fudhatan dhiibbaa uumaa jirra osoo hin taane yaadicha dhiheessaa jirra. Kun qaama adeemsa dimokiraasiiti, qaama marii ilaa fi ilaameeti. Hundaa ol ammoo wanti kun dirqama miti, garuu carraadha,'' jedhe.
''Addunyaarratti kubbaan miillaa akka dagaaguuf carraa dhihaateedha.''
Haata'u malee aanga'ootuma FIFA keessaa kan karoora kana hin dhageenyee fi komii irraa qaban jiru.
Dubbi himaan Waldaa Kubbaa miillaa Ingilaand- FA ''wa'ee karoora kanaa gonkumaa quba hin qabnu, bal'inasaas hin beeknu. Adeemsa marii fi bulchiinsaa ittiin as geenye irratti yaaddoo fi gaaffii qabna. Wantoota karoorri kun qabatee fi qajeeltoo hordofamu irratti shakkii qabna,'' jechuun karoora haaraa kana irratti Infaantiinoo himate.
''Gaafa wixineen karoora kanaa bal'inaan qoodamuu fi FIFAn akkaataa waadaa galeen iftoominaan dhiheessu bal'inaan dubbanna.''
Hoogganaa FA fi Manchistar Siitii kan ture Deeviid Bernisteeyin wiixineewwan karoora FIFA kunneen hojiitti hiikamneen Ingilaand Waancaa Addunyaa ''keessaa ba'uu'' qabdi jedhe.
''Wanti hundinuu baayyee nama jibbisiisa. Waan fudhatama qabu miti. Firaan aangoo fi maallaqa kennuudha,'' jedhe.
Infaantiinoon garuu karoorasaatti akka cichuu fi karoorri haaraan kunis akka kubbaa miillaa gara fuulduraatti deemsisu dubbate.
''Hangan pirezidantii FIFA ta'etti karoora kubbaa miillaa geeddaruu danda'u dhiheessuun dirqama kiyya,'' jedhe.
















