Waaqa kadhadhaa yookiin kubba daawwadhaa jedhan pirezidaantiin FIFA

Jiyaanii Infaantiinoo fi Doonaald Tiraamp, Waancaa Addunyaa 2026 irratti

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Pirezidaantiin Fifa Jiyaanii Infaantiinoo ''haga jibba facaastan waaqa kadhadhaa, ykn kubbaa daawwadhaa'' jechuun namoota isaan qeeqaniif dhaaman.

Infaantiinoon Waancaa Addunyaa xumurame irratti akka malee qeeqamaniiru.

Hoggansa isaanii fi qaamni bulchiinsa Waancaa Addunyaa komii keessa galee ture.

Fuula Inistaagiraamii isaanii irratti maxxansuun sana booda fuula FIFA hordoftoota miliyoona saddet qabu irratti akka qoodametti, akkas jedhan.

''Warri jibba barreessaa, iskiriinii dura teessanii jibba dubbataa turtan sanyii jibbaa facaasaa turtan. Fifa ammoo biyya lafaa irratti milkaa'ina isa guddaadha jedhamu galmeesse'' jedhan.

Waancaan Addunyaa namummaa sadarkaa olaanaatti agarsiise. Waancaan Addunyaa 2026, %100" karaa nagaa fi gammachuu qabuun xumurame. Gammachuun burraaquu qofa ture'' jedhan.

Infaantiinoon biyyoota wal waraanaa turan Ameerikaa fi Iraan walitti fidne jedhan. Iraan Waancaa Addunyaa kan qopheessite Iraan waliin wal waraanaa turte.

''Fifa'n dadhabbii tokko malee biyyoota wal waraanaa turan walitti fide'' jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Iraan balaa ykn walitti bu'insa tokko malee biyyicha galte jedhan.

Haa tahu malee leenjisaan Iraan Amiir Gaalooneyi, gareen isaa Waancaa Addunyaa irratti akka malee ''cunqurfaman'' jedhan.

Iraan jalaa viizaan tureera. Miseensi garee biyyaalessaa Iraan murteessoo tahanii fi taphattoota wlaiin imalan akka biyyicha hin seenne dhorkamaniiru.

Deeggartoonni Iraan kootaa tikkeettii argachuu qaban irraa mulqameera.

Akkasumas bakki buufata garee Iraan Ariizoonaa Tuukson irraa gara Meksiikoo Tijuwaan akka deeman godhame.

Akkasumas yeroo taphaaf bakka shaakala isaaniitii gara Loos Anjeles deeman illee sochiin isaanii akka daanga'u godhamee ture.

Garuu uggurri viizaa Iraaniif qofa miti. Deeggartoota kubba miilaa Senegaal, Heeyitii, Aayivoorii Koostii fi kaan illee mudateera.

Murteessaa lammii Somaaliyaa Omaar Artaan akkasuma erga imalee akka biyya hin seenne dhorkamuun buufata xiyyaaraatti qabamee biyyaa baafame.

Kunis shororkeessitoota waliin hariiroo qaba jedhameeti. Bulchiinsa Tiraamp jalatti biyyoota hedduurra dhorkaan viizaa kaa'amee ture.

Infaantiinoon garuu '' isin namoota muraasa viizaa dhab maqaa dhooftan. Miliyononni garuu addunyaa guutuu irraa argachuun seenaniiru. Kubbi miilaa addunyaa tokkummeessa. Kana ammoo ganna kana agarsiifneerra'' jedhe.

''Dorgommicha irratti balaan tokko hin dhaqabne, jeequmsi tokko hin kaane, gammachuu, tokkummaa qofatu mul'ate'' jedhe.

Garuu wal dhabdee taphattoota Arjeentiinaa fi Ispeen, arrabsoo sanyummaa Ishowspeed irra dhaqabee fi deeggartoonni kanaan shakkaman to'atamanis qorachaa jira.

Head and shoulders of a smiling Gianni Infantino, wearing a dark suit and tie

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Gianni Infantino has been Fifa president since 2016

Jiyaanii Infaantiinoon gidduugaltummaan siyaasaa akka jiraatu taasiseera jedhamuun qeeqame.

Kaardii diimaa 191 Waancaa Addunyaa irratti agarsiifame keessaa taphataa tokko qofatu adabbii irratti darbe jalaa oole.

Taphataan Ameerikaa Folaarin Baogun kaardii diimaa argatee akka adabbiidhaan tapha murteessaa Beeljiyeem waliin qaban irraa akka hin hafneef Tiraamp Infaantiinoof bilbilee akka haqsiisu taasiseera.

Kana irratti qeeqa guddaatu Infaantinoo mudate. Federeeshiniin Kubba Miilaa Awurooppaa ''murtichi waan sarara diimaa darbe'' jechuun qeeqe. Federeeshiniin Kubba Miilaa Noorwey ammoo ammayyuu Koree Naamusaa FIFA irratti himata banuuf yaadaa jiru.

Infaantiinoon garuu murteen akkasii kun haaraa miti. Akka salphaattis hin fudhatamne, liigota gurguddoo keessatti tarkaanfiin akkasii inuma fudhatama jedhee ejjennoo isaaf falme.

''Addunyaan keenya jaalala malee jibba hin barbaaddu. Wal danda'uu malee wal qooduu hin barbaaddu, gammachuu malee gadda hin barbaaddu'' jedhe.

''Warri callistanii jibba facaastan adaraa waaqa kadhadhaa, kubbas daawwadhaa, ija warra gammadanii, miira isaaniis ilaalaa'' jechuun deebisan.