KALLATTIIN, Raashiyaan haleellaa bal'aa magaalota Yuukireen irratti gaggeessuun namoonni du'an

Raashiyaan haleellaa bal'aa magaalota Yuukireen irratti gaggeessuun yoo xiqqaate namoonni sagal du'an.

Guduunfaa

Raashiyaan haleellaa bal'aa magaalota Yuukireen irratti gaggeessuun namoonni du'an

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tiraamp walii galteen Ameerikaa fi Iraan torbee dhufu xumuramaa jedhu

    Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp

    Pirezidaantiin Ameerikaa, Donald Trump, gaaffii fi deebii miidiyaa ABC waliin taasisaniin, waliigalteen Iraan waliin taasifamu kan dhukaasa dhaabuu dheeressuu fi ulaan Hormuz akka banamu taasisu ''torban muraasa dhufan keessatti'' ni mallattaa'a jedhanii akka abdatan ibsan.

    "Haalli yeroo ammaa baay’ee gaarii dha. Wanti hundi karaa sirrii irratti argama," jechuun gaaffii bilbilaan gaazexeessaa ABC waliin taasisaniin dubbatan.

    Tiraamp itti dabaluudhaan, "har’a rakkoon xiqqoon tokko uumamee ture. Garuu akkuma beektan saffisaan furreerra," jedhan.

    Akka Pirezidaantiin Ameerikaa jedhanitti rakkoon kun kan ka’e aarii Iraan haleellaa Israa’el Libaanos irratti raawwatte irraa kan madde ture.

    Tiraamp '' Hizbullah waliin dubbadhera. Rasaasa akka hin dhukaasne itti himeen jira. Akkasumas Netanyahu waliin dubbadheera, isaanis akka hin dhukaasne itti himera. Gareewwan lamaanis haleellaa isaanii dhaabaniiru."jedhan.

    Itti dabaluudhaanis, "kun hojii salphaa miti," jechuun ibsan. "Biyyi guddaan tokko waliigalteerra ga’uuf hojii irra jirti. Garuu jibbaa fi walitti bu’iinsi yeroo dheeraaf jiru waan ta’eef salphaa miti. Nuufis hojii salphaa miti, garuu wanta barbaannu argachaa jirra."

    Waa'ee xumuramuu fi mallatteessuu waliigaltee banamuu ulaa Hormuz ilaalchisee yeroo dubbatan: "Torban dhufu ni xumurama jedheen yaada." jedhan.

    Tiraamp ammallee wantoota biroo muraasni irratti walii galuu qaban akka jiru ibsan

  2. Raashiyaa magaalota Yukireen irratti haleellaa cimaa banteen namoonni du'an

    Haleellaa Raashiyaa booda aarri gara samiitti ol qajeelee mul'ata

    Madda suuraa, Getty Images

    Raashiyaan haleellaa guddaa halkan edaa magaalota Yukireen irratti raawwattee yoo xiqqaate namoonni sagal yoo du'an heddu madaa'an.

    Kantiibaan magaalaa Kiiv Vitaalii Kilitschiko akka jedhanitti, gamoon manneen jireenyaa gurguddaan magaalattii keessatti argamu lama haleelamuufi namoonni gamoon irratti jijjigee jalatti hafan jiru.

    Haleellaa diroonii Yukireen mana baruumsaa magaala to'annaa Raashiyaa jala jirurratti gaggeessite jedhameen barattoonni 21 du'uu hordofee Raashiyaan haleellaa haaloo bahuu cimaa akka fudhattu torban tokko dura itti dhaadattee turte.

    Haleellaa misaa'eloota Raashiyaa irraa kan ka'e aarri guddaan magaala Kiiv keessaa samiitti ol ka'ee mul'ata.

    Raashiyaatti ammoo haleellaa diroonii Yukireen buufata boba'aa calalu irratti gaggeessiteen abiddi qabachuun qondaalonni himan.

    Pirezidaantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskii Wiixata ibsa kennaniin, Raashiyaan haleellaa guddaaf qophaa'aa waan jirtuuf lammiileen of eeggannoo akka taasisan ergaa dhaamanii ture.