Iraan Ameerikaa waliin marii'achaa akka hin jirre himte
Dubbii himaan ministara dhimma alaa Iraan Ameerikaa waliin ergaa walitti dhaamuu eeranii yeroo ammaa kana mariin idilee taasifamaa akka hin jirre ibsaniiru.
Isamaa'el Baagaay, Teehraan yeroo ammaa dursa kan kennitu walabummaashee tiksuu, tokkummaa daangaa eegsisuufi mirga uummatasheef tahuu ibsuun mariitti jarjaranii akka hin galle himan.
Dubbii himaan kuni Waashingitan tarkaanfii waraanatiin dippiloomaasii kuffifti jechuun haala mariitti deebi'uuf jiru balleessiteetti jedhan.
Baagaayi miidiyaa Awustiraaliyaa waliin haasaa taasisaniin ''ergaa walitti dhaamaa jirra garuu amma dursa kan kenninu walabummaa, tokkummaa daangaafi mirga uummataa kabachiisuu dha,'' jedhaniiru.
Paakistaaniifi Kataar kanaan dura ergaa biyyoota lameen gidduu adeemu si'eessuun shoora guddaa gumaachan.
Dubbiihimaan ministara hajaa alaa Iraan Ameerikaan haleellaa torban lamaaf raawwataa turte dhaabuu ibsuun booda dhagahame.
Haleellaan dhaabbachuun biyyooti lameen ammas gara marii dippiloomaasitti deebi'u abdii jedhu fideera.
Lolli Ameerikaa fi Iraanitti ka'e dhiyeessii boba'aa Baha Gidduugalaatti danqeera. Ameerikaan haleellaa dhaabuu hordofee gatiin boba'aa hir'iseera.