Miseensonni al-shabaab 16 oppireeshinii waraanaan ajjeefaman-Mootummaa Somaaliyaa

Madda suuraa, Getty Images
Humnoonni nageenyaa Somaaliyaa loltoota al-Shabaab 16 bulchiinsa Hiraaniifi Shabalee jedhamutti ajjeesuu ejansiin tikaa biyyattii beeksise.
Ejansiin Tikaa fi Nageenyaa Biyyaalessaa Somaaliyaa Sambata darbe garee hidhataa Islaamaa bulchiinsa lama keessatti socho'u irratti qiyyaafachuu haleellaa raawwate.
Buufati raadiyoo al-Shabaab waliin hidhata qabu iddoon meeshaaleesaa keewwatu haleelameera jedhe ejansiin kuni.
Hogganaan raadiyoo Anaaduulus, Abdiisamaad Mohaammad akkasumas hojjetaan biraa Alii Saalaad oppireeshiniin kanaan yoo ajjeefaman miseensoti sadii biroo ammoo madaa'aniiru. Meeshaaleen buufatichaas barbadaaa'aniiru.
''Oppireeshiniin kuni tattaaffi al-shabaabiifi miyootasaa shororkeessummaa dalaguuf fayyadamu dhabamsiisuuf taasifamu keessaati,'' jedhe ejensiin tikaa kuni.
Humnoota mootummaa irraa namoonni miidhamuu isaaniiif dhaabbatichi waan jedhe hin qabu.
Mootummaan Somaaliyaa garee hidhataa al-shabaab waggoota kurna darbaniif haleellaa raawwataa bahe irratti oppireeshinii waraanaa jabeesseera.
Al-shabaab yeroo baayyee humnoota mootummaa, qondaalotaafi namoota nagaa irratti haleellaa raawwata.



