KALLATTIIN, Haleellaa US raawwatteen namoonni shan cidharratti ajjeefamuu hordofee Iraan haaloo baate

Iraan buufata waraanaa US Iraaq fi Yordaanos keessa jirurratti haleellaa banuu miidiyaan mootummaa fi Humnoonni Yordaanos hidhatan mirkaneessan. Tarkaanfiin erga humnoonni Ameerikaa Kibxata Iraan irratti haleellaa gaggeessaniidha.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

Haleellaa Ameerikaa cidha irratti namoota shan ajjeese booda Iraan haaloo baate

Haleellaa Ameerikaa cidha irratti namoota shan ajjeese booda Iraan haaloo baate

Madda suuraa, AFP

Humnoonni Ameerikaa Kibxata darbe Iraan irratti haleellaa haaraa raawwachuu isaanii Ajajni Giddugaleessaa Ameerikaa (CENTCOM) beeksiseera.

Akka Waraanni Ameerikaa kun jedhetti, ''haleellaa dhiheenya kana'' Gareen Eegdota Warraaqsa Islaamaa dooniiwwan daldalaa ulaa Hormuz irratti raawwaachuuf yaalii taasisan hordofee raawwatame.

Dhaabbanni Addeessa Diimaa Iraan caccabaan misaa’ela Ameerikaa mana sirni cidhaa itti gaggeeffamaa ture Kibba Iraan Sirik keessatti erga kukkufee booda, daa’ima xiqqaa dabalatee namoonni shan du’uu fi 50 ol madaa’uu isaanii ibseera.

Iraan haleellaa kanaaf deebii kennuuf buufatawwan waraanaa Ameerikaa Iraaq fi Jordaan irratti haleellaa raawwachuu ishee miidiyaaleen mootummaa gabaasaniiru.

Haleellaan akkasii Kuweetii fi Baahireen keessattis gabaafameera.

IRGC Kibxataatti haleellaa Sirik irratti raawwatameef haaloo ba’uuf buufata waraana galaanaa Ameerikaa Aqabaa, Joordaan keessatti argamutti misaa’ela balistikii walduraa duubaan dhukaasuun ishee dhaabbati oduu Iraan Tasnim gabaaseera. Waraanni Joordaan misaa'ela balistikii 13 akka qolate ibseera.

Haleellaa Iraan kanaan lubbuun darbee fi miidhaa gahe irratti hanga yoonaa gabaasni mul'isu hin baane.