Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Balaa lolaa Neeppaalitti mudatee torban lama booda namoonni lama bo'oo keessaa lubbuun baraaraman

Balaa lolaa Neeppaalitti mudateen turtii torban lamaan booda namoonni lama bo'uu humna ibsaa keessaa lubbuun bahuu hojjetoonni lubbuu baraaruu BBCtti himan.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Balaa lolaa cimaa Neppaalifi Tiibeet mudateen lakkoofsi namoota du'anii 1,301 gahe

    Balaa lolaa balaafamaa Neeppaalifi Tiibeet mudateen hanga ammaatti lakkoofsi namoota du'anii 1,301 gaheera.

    Kanneen achi buuteen isaanii dhabame ammoo 5,339 gahuu mootummaan biyyattii beeksise.

    Balaan lolaa kun erga mudatee guyyoota kan guute yoo ta'u, addumatti balaan kun Neeppaalirraan miidhaa guddaa gaheera.

    Neeppaalitti namoonni 1,280 yoo du'an, 4700 ol ammoo achi buuteensaanii dhabamee barbaachi itti fufeera.

    Tiibeetitti ammoo lakkoofsi namoota 21 yoo ta'u, kan bakki jiran dhabame 541 qofaadha.

    Lammiilee Neeppaaliin alatti lammiileen biyyoota garaa garaa dhibbaan lakkaa'aman kanneen achi buuten dhabaman keessayi jedhame.

    Ragaaleen akka agarsiisanitti, yoo xiqqaate lammiileen biyyoota 34 kanneen balaa lolaa kanaan achi buuten dhabame keessatti argamu.

  2. Neetaaniyaahuun mootummaa Iraan kuffiisuun ni danda'ama jedhe

    Ministirri muummee Israa'el Benjaamiin Netaaniyaahuu dubbii Kamisa dubbateen mootummaa Rippablika Islaamaa Iraan kuffiisuun "kan danda'amudha" jechuun, yeroo kamirrayyu caalaa mootummaa laafaa aangoorra turuuf dhama'aa jiru ta'uu dubbate.

    Qophii gaggeessitoota waraanaa hirmaachisarratti kana kan dubbate Netaaniyaahuun, doorsisa iraan irraa dhufu rakkoo Israa'el guddaa qabdu "guutummaatti dhabamsiisuun" ni danda'ama jedhe.

    Netaaniyaahuun akka jedhetti, erga dhiyoo as Iraan haleellaa raawwattuun Israa'el irratti xiyyeeffachuu dhiisuun ishee kan akkasumaan ta'e miti. Teehraan cimina, meeshaa fi murannoo Israa'el sirriitti beekti.

  3. Ameerikaan haleellaa misaa'elaa Iraanitti cidharratti raawwatte jedhame qorachaa jiraachuu himte

    Cidha kibba Iraan keessatti gaggeeffamaa turerratti haleellaa misaa'ela Ameerikaatiin gaggeeffame jedhameen daa'imman lama dabalatee yoo xiqqate namoonni afur ajjeefamaniiru. Kana hordofee waraanni Ameerikaa qorannoo gaggeessaa jiraachuu pirezidantiin itti aanaa biyyattii JD Vaans beeksiseera.

    Kibxata cidha magaalaa Siiriik keessatti mana jireenyaa argamu tokko caccabaa misaa'elaatiin rukkutamuu dhaabbati mirga namoomaa Iraan Waldaan Addeessa D|iimaa ibseera.

    Dubbi himaan ministeera dhimma alaa Ismaa'el Baagaay gochicha "yakka waraanaati" jechuun balaaleffateera.

    Guyyaa sana Iraan humnoota Ameerikaa irratti "yaalii haleellaa" gochuu isheetiin Waashingiteen misaa'ela dhukaasuu beeksiftee ture. Haata'u malee, dubbi-himaan iizii waraanaa Ameerikaa raayyaan isaa "yoomillee namoota nagaarratti hin xiyyeeffatu" jechuun dubbateera.

    Kamisa kaleessaa ibsa kan kenne pirezidantiin itti aanaa Ameerikaa SD Vaans gabaasaaleen waa'ee haleellaa kanaa ilaalchisee bahan irratti "shakkii guddaa" akka qabu ibseera. Kana waan ta'eef Ameerikaan waa'ee dhimma kanaa qorannoo akka gaggeessitu mirkaneesseera Vaans.

    "Hanga ammaatti miidiyaaleen mootummaa Iraan waa'ee taatee kanaa gaarii hin turre. Kanaaf, dhimma kanarratti shakkii guddaan qaba," jedheera.

  4. Namni jalqabaa boolla keessaa yeroo baafamutti

    Balaa lolaa Neeppaalitti mudateen guyyootaan booda namoonni lama lubbuun baraaraman.

    Namoota kanneen hojjetoonni lubbuu baraaran yeroo baasan viidiyoo agarsiisu.

    Daawwadhaa!

  5. Balaa lolaa Neeppaalitti mudatee torban lama booda namoonni lama bo'oo keessaa lubbuun baraaraman

    Balaa lolaa Neeppaalitti mudateen turtii torban lamaan booda namoonni lama bo'uu humna ibsaa keessaa lubbuun bahuu hojjetoonni lubbuu baraaruu BBCtti himan.

    Hojjettoonni ittisa balaa wayita Sanjaayaa Shaah fi Kabiir Mahaarjaan yeroo bo'oo keessaa baasan gammachuu ibsachaa mul'atan.

    Taateen diraamaa fakkaatu kun hedduun kan hin eegiin ture.

    Jimaata ganama kana sagalee namootaa ulaa lafa jalaa (bo'oo) humna ibsaa balaa lolaan jige kana keessaa sagaleen namaa dhaga'amuu hordofee yoo xiqqaate namoota 42 ta'anitu baraaramuuf deema jedhamee eegama ajira.

    Injiinaroonni ammoo akka lubbuun turan gargaaruuf jecha qilleensa lafa jalatti ergaafiifi jiru (buufaafiif jiru).

    Ulaa lafa jalaa (bo'oo) humna ibsaa laga bishanaii qabatee gola baayyee qabu kana bakka gara garaa keessa namoonni 150 ol ta'an qabamanii jiru jedhamee sodaatama ajira.

    Balaa lolaa Neeppaal kanaan yoo xiqqaate namoonni 1,200 du'aniiru.