Balaa lolaa cimaa Neppaalifi Tiibeet mudateen lakkoofsi namoota du'anii 1,301 gahe

Madda suuraa, Nepal Army Handout
Balaa lolaa balaafamaa Neeppaalifi Tiibeet mudateen hanga ammaatti lakkoofsi namoota du'anii 1,301 gaheera.
Kanneen achi buuteen isaanii dhabame ammoo 5,339 gahuu mootummaan biyyattii beeksise.
Balaan lolaa kun erga mudatee guyyoota kan guute yoo ta'u, addumatti balaan kun Neeppaalirraan miidhaa guddaa gaheera.
Neeppaalitti namoonni 1,280 yoo du'an, 4700 ol ammoo achi buuteensaanii dhabamee barbaachi itti fufeera.
Tiibeetitti ammoo lakkoofsi namoota 21 yoo ta'u, kan bakki jiran dhabame 541 qofaadha.
Lammiilee Neeppaaliin alatti lammiileen biyyoota garaa garaa dhibbaan lakkaa'aman kanneen achi buuten dhabaman keessayi jedhame.
Ragaaleen akka agarsiisanitti, yoo xiqqaate lammiileen biyyoota 34 kanneen balaa lolaa kanaan achi buuten dhabame keessatti argamu.



