KALLATTIIN, Saawudiin US waliin milishaa Iraaniin deeggaramu haleeluu jalqabde

Saawudii Arabiyaan US waliin tahuun milishaa Iraaniin deeggaramuun Iraaq keessatti socho'u haleelutti galte. Kunis, lola Baha Gidduugalaa hammeessa jedhameera.

Guduunfaa

Iraanifi US guyyoota muraasaaf wal-haleeluu erga dhaabanii walitti dhukaasuu eegalan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Itoophiyaan komii Masriin Hidha Haaromsaa irratti dhiheessite kuffifte

    MM Itoophiyaa Abiy Ahimed

    Madda suuraa, PMO

    Ibsa waa'ee suuraa, MM Itoophiyaa Abiy Ahimed

    Itoophiyaan komii Masriif deebii kenniteen ''himannaa fudhatama hin qabne'' osoo hin taane gara daandii mariitti akka deebitu Masriif waamicha dhiyeessite.

    Ministirri Bishaaniifi Iinarjii Itoophiyaa, Injiinar Habtaamuu Ittafaa, komii biyyattiin dhiyeessite komii “bu’uura hin qabne” jechuun kuffisuu FMC’n gabaaseera.

    Kaayiroon falmii siyaasaa dhugaa irraa fagaate oofuu caalaa, gara marii bu’uuratti deebi’uun caalaatti akka ishee fayyadu ibsan.

    Ministirichi akka jedhanitti, ''hidhi kun biyyoota yaa’a gadiitiif sodaa miti, eebbaadha. Kan isaan fayyadu malee kan miidhu akka hin taanetti ilaalamuu qabaa'' jedhan.

    Ministeerichi itti dabaluun Itoophiyaan fedhii humna ibsaa ishee guuttachuuf pirojeekticha qabeenya keessaoo isheetiin ijaarrachuushee dabalataan Sudaan, Jibuutii fi Keeniyaa dabalatee biyyoota ollaatiif ibsaa erguudhaan tumsa naannoo jabeessaa jiraachuu eeran.

    Kana malees, lolaa yeroo adda addaatti Sudaan fi Masri irratti miidhaa geesisuu to’achuuf akka gargaaru hubachiisaniiru.

    Injiinar Habtaamuu Ittafaa dhimma kana irratti kan dubbatan aangawoonni Masri hidhichi “nageenya bishaan Masri irratti sodaa uumaa jira” jechuun komii haaraa dhiheessuu isaanii hordofeeti.

    Torban darbe keessa, Masriin, Itoophiyaan hidhicha karaa gam tokkoo fi kaayyoo siyaasaatiin geggeessuudhaan Masriifi Sudaan irratti dhiibbaa geessisaa jirti jettee himatte.

    Ministirri Dhimma Alaa Masri Badir Abdellatii, nageenyi bishaanichaa Masriif ‘dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu, akkasumas dhimma biyyaalessaa “daran murteessaa” ta'uu dubbatanii ture.

  2. Iraan yaada Omaan ulaa Hormuz waliin bulchuuf dhiheessite kuffifte

    -

    Madda suuraa, Reuters

    Iraan yaada Omaan Ulaa Hormuz waliin to'achuuf dhiyeessite kuffisuun yaadaa kan mataa ishee dhiyeessite.

    Akka gabaasa Rooyitersii fi Miidiyaalee Iraanitti daandiiwwaan doonii gara Galaana Faarsiitti seenan guutummaatti mootummaa Iraan jalatti akka bulu qaban yaada dhiyeessite.

    Omaan, deeggarsa biyyoota Galaana Arabaa waliin, ulaa Hormuz waliin akka bulchan fi doonileen karaa sana keessa imalan irraas kaffaltiiqixatti akka kanfalchoiisan yaada dhiyeessitee turte.

    Haa ta'u malee, Iiraan yaada kana hin fudhanne. Itti-aanaan Ministira Dhimma Alaa Iraan Kaazem Gharibabadi akka jedhanitti, Tehraan karaa dooniwwan gara Iraan seenan irratti to'annoo guutuu, karaa bahan irratti immoo aangoo guddaa akka qabaattu barbaaddi.

    Mariin jaarsummaa Omaaniin Ameerikaa fi Iraan dhaabuuf taasifamaa jirti. Haa ta'u malee, garaagarummaan mootummaa lamaanii ulaa Hormuz eenyutu akkamitti akka to'atamu irratti qaban furmaata barbaada.

    Kun yeroo walitti bu'iinsi Baha Giddu Galeessaa deebi'ee hammaachaa jirutti ta'e. Haleellaawwan halkan keessa raawwataman hordofuun gatiin boba'aa addunyaa dabalee jira.

    Humni Eegumsaa Warraaqsa Islaamaa Iiraan (IRGC) gamasaatiin, dooniiwwan boba'aa sadii ulaa Hormuz keessa imalan rukutuun akka dhaabbatan taasiseera jechuun beeksise.

  3. Tiraamp Iraan buufata waraanaa US haleeluu isheetiin akka malee ishee rukutuuf dhaadate

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Donaald TiraamP

    Iraan Wixata buufata waraana US Jordaan keessaa misaayilaan haleeluu isheetiin tarkaanfiin hamaan akka irratti fudhatamu Pirezidant Doonaald Traamp akeekkachiise.

    Pirezidantichi Fox News irratti ibsa kenneen, "Cimsinee isaan haleella... Adabbiin isaan eeggata... Bakkatti isaan galchina," jechuun waraanni US weerara Iraanirraa guyyoota darban dhaabee ture akka itti fufu akeeke.

    Ajajni Giddugaleessaa Waraana US (CENTCOM) akka jedhutti, Eegdonni Warraaqsaa Iraan Wiixata kaleessaa humnoota US Giddugaleessa Bahaa jiran irratti haleellaa misaayilaa hedduu raawwachuun "tarkaanfii tasaa fudhachuuf" yaaluus fashalsuu ibse.

    Pirezidanti Tiraamp tarkaanfiin cimaan Iraan irratti akka fudhatamu kan akeekkachiise waraanni isaanii guyyoota 13 walitti aananiif erga weerara raawwataa turee booda, Jimaata darbe dhukaasa dhaabee boodadha.

    Iraan tarkaanfii Ameerikaan irratti fudhatteef deebii kennuuf, Yordaanos dabalatee buufatawwan waraanaa US biyyoota Giddugaleessa Bahaa keessatti argaman irratti tarkaanfii fudhachuutiin loltoota US ajjeesuu ishee gabaafamee ture.

    Weerarri US dhaabbachuu isaa hordofee Iraanis tarkaanfii dhaabdee kan turte yoo ta'u, guyyoota darban keessa biyyoota lamaan walitti fiduufi dhukaasni akka dhaabbatuuf carraaqqiin taasifamaa ture.

    Pirezidanti Tiraamp akka jedhanitti, Iraan irratti tarkaanfiin yoo fudhatame Iraanis deebii deebisuun ishee kan hin oolle ta'uu haalli torbanoota darban keessa ture ni agarsiisa.

  4. Dubartiin daa'ima deesse ajjeefte hidhaa waggaa 15niin adabamte

    -

    Madda suuraa, Kominikeeshinii aanaa Cooraa

    Ibsa waa'ee suuraa, Himatamtuun daa'ima deesse ajjeefte hidhaa waggaa 15niin adabamte

    Dubartiin kun yakka ajjeechaa raawwachuun ishee mirkanaa'ee hidhaan adabamuu ishee poolisiin aanaa Cooraa beeksisera.

    Himatamtuun maqaan ishee Musliimaa Sulxaan jedhamtu Godina Bunnoo Beddellee, Aanaa Cooraa, Gandaa Dilbii yoo taatu, Caamsaa 05, 2018 ALI tilmaamaan halkan sa'aatii 3:00 irratti Buufata Fayyaa Gandaa Abdaalaatti daa'ima dhiiraa nagaan deesse.

    Guyyaa itti aanu jechuun 06, 2018 daa'ima kana fudhattee gara mana maatii isheetti deebite.

    Guyyuma sana sa'aatii 10:00 irratti daa'imni sun gaa'ila alaan waan dhalateef sodaa maatii fi abbaan koo naan lolaa jedhuun ajjeefte jedha gabaasi kominikeeshinii aanichaa.

    "Ergasii mana maatii ishee duuba boolla qottee awwaalte" jedha gabaasni kun.

    Dhimmi kun Waajjira Poolisii Aanaa Cooraa, Kutaa Qorannaa Yakkaatti gabaafamuu kan himu gabaasichi, booda poolisii fi abbaan alangaa waliin yakkicha qorachuun ragaa qindeessee galmee qulqulleessuun Mana Murtii Olaanaa Godina Bunnoo Beddelleetti dabarsuu ibsa.

    Manni murtii ragaa bitaaf mirgaa ergaa dhagahee booda, himatamtuun yakka ajjeechaa raawwachuun ishee ergaa mirkanaa'era jedhe. Kanaafis, dhaddacha Adoolessa 20, 2018 ooleen, himatamtuu hidhaa waggaa 15 itti muree jira.

  5. Ibsi Ministira Dhimma Alaa Iraan Veenzuweelaa dhekkamsiise

    Abbaas Araagchii

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Abbaas Araagchii

    Mootummaan Veenzuweelaa Iraan "Veenzuweelaa salphisuu fi xiqqeessuu" dhaabii qabdu jette.

    Komii qabdu kana irrattis mormii dhiyeessuuf ambaasaaddara Iraan biyya ishee jiru gara Ministeera Dhimma Alaa waamte jirti. Garuu hanga yoonaa biyyaa hari'uun ishee hin gabaafamne.

    Ministeerri Dhimma Alaa Veenzuweelaa ibsa baase keessatti maaltu akka dheekkamsiise ifatti hin eerre.

    Haa ta'uu malee Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Aragchi dhiheenya kana gaaffii fi deebii taasisan keessatti “Iraan Veenzuweelaa miti” jechuun dubbataniin kan wal qabtuudha.

    Jechi kun mootummaa Veenzuweelaatiin akka tuffii fi kabaja dhabuutti ilaalameera jedhame.

    Bara darbe baatii Guraandhalaa keessa humnoonni Ameerikaa Veenzuweelaa keessatti duula taasisaaniin halkan tokkotti Pirezdaantii biyyattii kan turan Niikoolaas Maaduroo butanii mana hidhaa buusan.

    Veenzuweelaa fi Iraan waggoota dheeraaf michoota siyaasaa fi dinagdee cimaa turan

    Bara 1999 irraa eegalee biyyoonni lamaan dameewwan anniisaa, daldalaa, fayyaa fi barnootaa irratti tumsacimaa waliif tasisaa turan.

    Yeroo Veenzuweelaan bara 2020 rakkoo dinagdee cimaa keessa seente, Iraan boba'aa gara biyyattii erguun deeggarsa taasisaa turte.

    Haa ta'u malee, mootummaa ce'umsaa haaraan Veenzuweelaa Ameerikaan deeggaramu erga aangoo qabateen booda, hariiroon Veenzuweelaa fi Iraan jijjiiramuu akka danda'u xiinxaltootni kan himan.

  6. Afrikaan Kibbaa erga godaantota biyyaa ariitee booda hanqinni hojjettootaa mudate

    Godaantootni Afrikaa hedduun Afrikaa Kibbaa keessaa baqataniiru

    Madda suuraa, AFP

    Ibsa waa'ee suuraa, Godaantootni Afrikaa hedduun Afrikaa Kibbaa keessaa baqataniiru

    Afrikaan Kibbaatti sababa mormii farra-godaantotaa keessumaa lammiilee Afrikaa irratti taasifteen lammiilee Itoophiyaa dabalatee lammiileen kuma 160 ol ta'an biyyattii keessaa baqachuu hordofee hanqina humna hojjataa cimaan mudachuun gabaafame.

    Namoonni baay'een biyyattii kan gadhiisan haleellaa mormitootan irratti raawwatamaa ture, mormii godaantota irratti xiyyeeffatee fi tarkaanfii cimaa humnoonni nageenyaa namoota hayyama jireenyaa hin qabne irratti fudhatan irraa kan ka'edha.

    Hanqinni humna hojii kun amma dameewwan qonnaa, ijaarsaa, hojii mana keessaa fi indaastirii oomishaa irratti dhiibbaa geessisaa jira. Dhaabbileen adda addaa hojjettoota biyyattii gadhiisan bakka bu'an argachuun rakkisaa ta'uu ibsaniiru.

    Qonnaan bultoonni fi abbootiin warshaalee akka jedhanitti, hojjettoonni alaa ogummaa qaban baay'inaan biyyattii keessaa ba'uun oomisha isaanii irratti dhiibbaa guddaa geessiseera.

    Gama biraatiin, waldaaleen hojjettootaa dhaabbileen hojii tokko tokko lammiilee Afrikaa Kibbaa caalaa hojjettoota alaa filachuu isaanii qeeqaniiru.

    Akka isaan jedhanitti, sababni isaan hojjettoonni biyyoota alaa mindaa gadi aanaadhaan hojjechuuf fedhii waan qabaniifi jedhu.

    Mootummaan Afrikaa Kibbaa dameewwan dinagdee hojjettoota alaa irratti hirkatan humna hojii biyya keessaa waliin akka walsimuuf furmaata barbaadaa akka jiru himeera.

  7. US loltoota isheerraa bilbila harkaa guuruufi

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Admiiral Biraad Kuuppar

    Ajajaa gameessi US kan Baha Jiddugaleessaa viidiyoowwan loltoonni US bilbilaan karaa oonlaayinii walii qoodan buufataaleen Ameerikaa akka haleellaa Iraaniif saaxilaman waan gargaaruuf gariin loltoota US bilbilli harkaa akka guuramu dubbachuu isaanii Rooytarsi gabaase.

    Tarkaanfiin moobaayila harkaa loltootarraa funaanuu kun waraaanichatti bifa biraa horuu danda'a, loltoonni US kumaatamaan lakkaawaman maatii isaanii qunnamuuf bilbila harkaasaanii dhimma bahu.

    Admiiral Biraad Kuuppar, xalayaa baasaniin Iraan milkii fi kufaatii haleellaa US ilaalchisee oduu fi odeessa waytaawaa karaa oonlaayiniin waan gaazexeessitootni maxxansan "yaadota, suurotaa fi viidiyoowwan bilbiloota loltoota keenyaa irraa argattuun ni fayyadamti" jedhan.

    "Balaan kallattii, hafuu hin dandeenye gama kanaan dhufu gatii lubbuu loltoota fi lammiilee US biyyoota Galoogalaanaa jiraataniitti kan shallagamu dha," jedhan Ajajaan Ajaja Giddugaleessaa US Kuuppar xalayaa Adoolessa 28 baasaniin.

    Loltoonni "xiyyeeffannoo dachaa nageenya oppireeshinii isaaniif akka kennan" waamicha godhan qondaalli waraanaa kun ergaa yaadannoo keessoo dabarsan kanaan.

    Akeekkachiisni kun muddama dabalaa jiru mul'isa; kunis gabaasa waytaawaa waraanichaa kan yeroo suuraa saatalaayitii fi odeeffannoo ijaan arganiin deeggaramuu fi fedhii waraanni US odeeffannoo kamiyyuu loltoota US Iraan gargaaruu danda'a jettu daangessuu danda'a.

    Jordaan keessatti loltoonni US qiyyaafannoo Iraaniif saaxilaman gariin guyyoota dhufan bilbilli akka harkaa fuudhamu itti himameera.

  8. 'Galiin Daandii Qilleensaa Itoophiyaa 20%'n guddate' - Gabaasa

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Daandii Qilleensaa Itoophiyaa
    • Qabeenya mootummaa kan ta'e Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa galiin isaan bara faranjootaa 2025/26 kan bara darbee yeroo wal fakkaataa irraa parsantii 20'n dabaluun dolaara biliyoona 9.1 argachuu Tajaajilli Oduu Itoophiyaa gabaase.
    • Daandii Qilleensaa guddicha Afrikaa kan ta'e Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa bara bajataa kanatti (hanga Adoolessaatti) baay'inni imaltoota isaa parsantii 10'niin guddachuun miliyoona 20.7 gahuu miidiyaaleen mootummaa gabaasan.
    • Hangi fe'iinsa Kaargoo isaa immoo 16%'n guddachuun meetrik toonii 897,000 gaheera.
    • Xiyyaarota 150 caalan kan qabu Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa Ebla keessa ibsa baaseen xiyyaarota Booyingii 787-9 ​Diriimlaayinarii jaha bituuf akka jiru beeksisee ture.
    • Daandii qilleensaa kun balallii biyya keessaa babal'isuuf xiyyaarota dabalataa xixiqqoo 25 ajajuuf ji'oota sadi keessatti murtoorra akka gahu immoo Waxabajjii keessa beeksisee ture.
    • Daandiin qilleensaa kun waggaa tokkotti xiyyaarota sagal dabalachuu miidiyaan mootummaa gabaase.
    • Buufata Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Booleetiif hojiin babal'isuu raawwatameera.
    • Hangi daandiin qilleensaa kun buufate lakkoofsaan hin ibsamne, garuu Waraana Baha Jiddugaleessaatti dhalate hordofee balalliiwwan haqamuun dhiibbaa galiisaarratti uumuu beeksise. Akkanumas weerarri Iboolaa DRC keessatti mul'ate hojiisaarratti dhiibbaa uumeera.
  9. ChatGPT fincilaan ofiisaatin dhaabbata tokkoo ol 'haak' gochuu yaaleera- OpenAI

    ChatGPT

    Madda suuraa, Getty Images

    Dhaabbanni hubannoo nam-tolchee OpenAI akka jedhetti ChatGPT'n fincilaa dhaabbata tokkoo ol irratti haleellaa saayibarii raawwachuu hime.

    Guyyoota muraasaan dura dhaabbata Hugging Face jedhamu qofti haleellaa kanaaf akka saaxilame beekama ture.

    Amma OpenAI sagantaan kompitaraa akka namaatti haasaa danda'u ChatGPT'n ''tajaajiloota uummataaf ifa jiran baayyee,'' haleellaa saayibarii irraan gaheera jedhe.

    Hubannoon nam-tolchee to'annoo ol tahe kuni tajaajiloota onlaayinii afur haak godhee seenuu danda'eera.

    Tajaajilli haak godhame Hugging Face hubannoon nam tolchee seenaa addunyaa keessatti yeroo jalqabaaf ofiisaatiin haleellaa saayibarii raawwateera jedhe.

    Dhaabbatichi, AI kuni dandeettii namaan ol hojjechaa akka tureefi dogoggoraafi murtoo namni haak godhu kanaan dura godhee hin beekne fa'a gochaa ture jedhe.

    Hugging Face appii tajaajilooti AI keessatti kuufamanidha. AI'n fincilaan kuni yeroo haakii raawwatu mala kumaatamaan lakkaa'amu fayyadamaa ture jedhe.

    Dhaabbanni kuni namni AI humna addaa qabu fayyadamuun haak godhamaa akka turetti yaaduun poolisiif gabaasee ture.

    Torbee tokko booda OpenAI hubannoo namtolchee isaa ajaja namaan alatti miliqee tajaajila Hugging Face jedhamu irratti haleellaa saayibarii ofiin raawwate jedhe.

  10. Miseensoti nageenyaa Keeniyaa shan daangaa Somaaliyaatti Al-shabaabiin ajjefaman

    Humnoota nageenyaa Keeniyaa

    Madda suuraa, Washinton Post via Getty Images

    Daangaa Somaaliyaa naannoo Mandheeraa jedhamutti lola hidhattoota al-shabaab waliin taasifameen humnooti nageenyaa Keeniyaa ajjeefamuu poolisiin ibseera.

    Gareen hidhataa kuni mootummaa federaalaa Somaaliyaa kuffisuufi sirna Shari'aatiin hogganamu hundeessuuf falmaa tureera.

    Kibxata kaleessaa waaree booda ''gareen naannichatti sakatta'insa irra ture naannoo hidha Waanteey jedhamutti al-shabaab waliin walarguun booda haleellaan kuni raawwachuu poolisiin beeksiseera.''

    Humni poolisii dabalata argachuun booda hidhattoota hordofuu jalqabuufi fanjiin awwaalame konkolaataarraa miidhaa qaqqabsiisuu beeksiseera.

    Fanjiin dhuka'uun booda miidhaan qaqqabe akka hin jirres ibseera.

    Al-shabaab humnoota nageenyaafi namoota nagaa irratti irra deddeebiin haleellaa kan qaqqabsiisu yoo tahu ji'a jahaan dura naannoo Gaarrisaatti bulchaa naannichaafi barsiisaa tokko ajjeeseera.

  11. Saawudi Arabiyaan US waliin milishaa Iraaniin deeggaramu haleeluu jalqabde

    Doonii bishaanirraa deemu

    Madda suuraa, Handout photo by US. Navy via Getty Images

    Saawudii Arabiyaan US waliin tahuun milishaa Iraaniin deeggaramuun Iraaq keessatti socho'u haleelutti galte.

    Kunis, lola Baha Gidduugalaa hammeessa jedhameera.

    Ajaji Waraanaa Gidduugalaa Ameerikaa (Centcom) ''garee shororkeessaa Iraan deeggartu'' kan bu'uuraalee misoomaa aannisaa US fi Saawudii irratti qiyyaafatu haleeluu beeksiseera.

    Ibsi dhaabbatichi baase maqaa garee milishaa kanaa adda hin baasne. Tahus, gareen Popular Mobilisation Forces miseensonni isaa 10 ajjeefamuu himeera.

    Iraan humnoota Ameerikaa Baha Gidduugalaa keessa jiran irratti haleellaa misaayela baalaastikii raawwachuun booda haleellaan US fi Saawudii kuni dhagahame.

    Haleellaan kuni biyyooti lameen dhukaasa dhaabuu yeroo gabaabaa booda dhagahame.

    Haleellaan gaafa Kibxataa buufata waraanaa Ameerikaa Joordaanitti raawwate ''milkaa'inaan qollifamuu'' Ameerikaan himte.

    Mootummaan Rippaabliika Islaamaa Iraan Ulaa Hormuuz irratti taankaroota boba'aa sadii haleeluu Ejansiin Oduu Taasniim gabaaseera.

    Ajaji Waraanaa Gidduugalaa Ameerikaa jeettiiwwan loltuu Saawudii waliin ''Iraaq keessatti bu'uuraalee shororkeessaafi iddoowwan meeshaaleen waraanaa kuufaman baha Iraaqitti sa'atii 72 keessatti haleelamaniiru.''

  12. Balaa kirkira lafaa Jappaan mudateen hanga ammaatti namoonni 13 du'uun mirkanaa'e

    Balaa kirkira lafaa magaalaa Ofunato

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Ministirri Muummee Jappaan Sanayi Takaayichii balaa kirkira lafaa kibba lixa biyyattiitti mudateen hanga ammaatti namoonni 13 du'uu himan.

    Lubbu-baraartonni hedduun bakka balaan mudatetti bobbaafamuun hojii saffisaan hojjetaa jiraachuus ibsan.

    Giddugala gabaa guddicha Kimamoto jedhamu keessatti namoonni hedduun gamoo jijjige jalatti ugguramanii kan jiran yoo ta'u, lubbu baraartonni namoota kunneen baraaruuf yeroo wajjin fiigaa jiru.

    Duraan qondaalli Jappaan tokko iddoowwan balaan mudatetti namoota du'anii fi miidhaman lakkoofsa sirrii himuun rakkisaa ta'uu BBCtti himanii turan.

    Namoonni hedduun achi buuteensaanii dhabamuus himan.

    Balaan kirkira lafaa odoola Kiyuusuu jedhamu keessatti mudate kun magniitiyuudii 6.8 ta'uu jaarmiyaan US Geological Survey jedhamu ibseera.

    Balaan akkanaa waggaa 75 keessatti yeroo jalqabaaf arguu jiraattonni himan.

    Lubbu baraartonni gamoo jijjige jalaa namoota barbaadaa jiru

    Madda suuraa, Fire and Disaster Management Agency

  13. USfi Iraan wal-haleelutti deebi'an

    Doonii waraanaa US

    Madda suuraa, Handout photo by US. Navy via Getty Images

    Iraan "misaa'ela baalistikii" heddu buufataalee US Baha Giddugalaa jiranitti dhukaasuu Ajaji Giddu Galaa Ameerikaa ibse.

    Iraan haleellaa tasaa raawwachuuf misaa'ela heddu dhukaasuu kan ibse waraani Ameerikaa, misaa'elota Iraan hunda qolachuu beeksise.

    Gama biraan ammoo waraanni US fi kan Saawudii Arabiyaa hidhattoota Iraaq keessa socha'aniifi Iraaniin deeggaramuun haleellaa diroonii buufataalee anniisaa Saawudii irratti gaggeessan haleeluu Ajaji Giddugalaa Ameerikaa ibse.

    "USfi Saawudiin bakkeewwan qiyyaafannoofi meeshaalee waraanaa shororkeessitootaa" baha Iraaq keessatti argaman haleeluu ibse ajaji US kun.

    Iraanifi US deebisanii walitti dhukaasuunsaanii sagalee dhukaasaa guyyootaaf dhaabateefi abdii marii bifa haaraan deebi'ee eegalee dhaamsuu danda'a jedhamee sodaatamaa jira.

    Iraanifi hidhattoonni isheen deeggartu Iraaq keessa socho'an haleellaa gaggeessan hin dhaaban taanaan, tarkaanfiin waraanaa US fudhattu "laalessaa ta'a" jechuun Ajaji Giddugalaa Ameerikaa akeekkachiise.

  14. Ashamaa!

    Tamsaasa kalattii keenya har'aa eeggallee jirra.

    Iraanifi US guyyoota muraasa booda wal-haleelutti deebi'aniiru.

    Gama biroon ammoo Saawudiifi US wal-ta'uun hidhattoota Iraaniin deeggaraman Iraaq keessa socho'an haleelan.

    Odeessawwan biyya keessaafi idiladdunyaa isin biraan geenya!

    Dhiyaadhaa!