KALLATTIIN, US fi Iraan waraana dhaabuuf waliigalteerra gahuu beeksisan

US fi Iraan "Libaanos keessatti dabalatee adda hundaan oppereeshinii waraanaa akka dhaaban" waliigalteerra gahuu Ministirri Muummee Paakistaan beeksise.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Wellisaa Sammaahanyi Baloo du'aan boqote

    -

    Madda suuraa, ETV

    Ibsa waa'ee suuraa, Wellisaa Sammaahanyi Baloo

    Wellisaan Sammaahanyi Baloo addunyaa kanarraa du'aan boqote.

    Wellisaan Sammaahanyi maqaa masoo Sammee Baalaagaruu jedhamuun beekamu dhukkubsatee wal'aanamaa turus, har'a Wax. 15, 2026 addunyaa kanarraa du'aan boqochuun miidiyaaleen biyya keessaa gabaasan.

    Weellisaan Sammaahanyi hojiiwwan muuziqaa aadaa fi qabiyyeewwan biroo adda addaa qaban Afaan Amaaraan dhaggeeffattootaa fi daawwattootaaf gumaacheera.

    Hojiiwwan muuziqaa aartistiin kun uummataaf gumaache keessaa Nayi Zamadiyyee, Indeet Nash, Daboot Insiraa, Zanaa Bayi, Baalaagarii fi kanneen biroo ni argamu.

    Wellisaa Sammahanyi Baloo nama bultii qabuu fi abbaa ijoollee afurii akka ture ibsameera.

  2. Sagantaa nukilaraa Iraan akkam ta'a?

    -

    Madda suuraa, AP

    Ibsa waa'ee suuraa, Iraanii fi US sagantaa nukilaraa Iraan irratti waliigaluu ibsan.

    Iraanii fi US sagantaa nukilaraa Iraan irratti waliigaluu ibsan.

    Sagantaan nukilaraa Iraan dhimma ijoo waldhibdee waraanatti isaan galche ture kanarratti waliigaltee amma mallattaaye kanatti aanee guyyoota 60 itti aananiif akka irratti mari'atamu ibsameera.

    Sagantaa nukilaraa ilaalchisee ejjennoon jiru kunooti:

    Gareen lamaanuu Iraan meeshaa waraanaa nukilarii akka hin oomishnee fi hin hidhanne waliigaluu ibsan. Kun waadaa Teehraan waggoota kurnanoota darbaniif seenaa turtedha.

    Aangawaa olaanaan Iraan tokko Rooytarsitti akka himetti waliigalteen dhumaa qophaawaa jiru, Iraan sochii nukilarii akka dhaabdu, gabbisa yuraaniyemii dabalataa akka hin goone, fi buufataalee nukilarii babal'isuurraa akka of qusattu eera.

    Akka aangawaan kun jedhutti, Ameerikaan kuusaa yuraaniyemii Iraan gabbatee jiru achuma Iraan keessatti ni dhabamsiifti jedha waliigalteen qophaawu kun.

    Tiraamp Sanbat duraa akka jedhetti yuraaniyemii gabbate dhabamsiisuun waan muddama barbaachisu miti. Ameerikaan "suutuma jettee" ni raawwatti jedhan.

    Mootummaan Iraan waan dhimma kanaan walqabsiisee dalagus ciminaan akka hordofamu waliigaltee kam keessattuu ni jiraata jedhe Tiraamp.

  3. Waliigalteen booda gatiin boba'aa hir'isuu isa waraanaan duratti hin deebine

    Baarmeelii boba'aa

    Madda suuraa, Getty Images

    Erga Ameerikaa fi Iraan waliigaltee labsanii gatiin boba'aa uumamaa UK keessatti %6 gad bu'ueera. Haa tahu malee isa waraanaan durarraa ammayyuu %50 ol jira. Gabaa kanarratti ammallee waanti mirkanaa hin jiru.

    Boba'aa dhangala'aa harka jireessa kan oomishu Qataari dha. Sababa cufamuu Ulaa Hormuuziin geejiba boba'aa kanarratti dorgommiin waan uumameef gatii boba'aa Awurooppaa ol kaaseera.

    UK'n boba'aan Qataar irraa argattu xiqqoo tahus dhiibbaan cufamuu ulaa kanaan dhiyeessii boba'aa addunyaan akkaan miidheera.

    Yoo geejibni Qataar iddootti deebi'e gatiin boba'aa dabalee jiru akka salphatu amanama. Qataar keessatti oomisha kana iddootti deebisuun adeemsa wal-xaxaa waan taheef yeroo hamma ji'a tokkoo fudhachuu mala.

    Boba'aa kana gara iddoo qaqqabuu malutti bobbaasuunis dhimma torbanoota fudhatu dha. Akka ogeeyyiin jedhanitti hamma torbee ja'aa fudhachuu mala. Kunis oomishni boba'aa kanaa jalqabuu hanga dhiyeessiif qaqqabutti dha jechuu dha.

    Awurooppaan ammayyuu yeroo qorraa dhufaa jiruufi kuufama guddaa ishee barbaachisu qopheessaa jirti.

  4. Waliigalteen kuni 'Israa'eliifi addunyaa bilisaa hundaaf waan gaarii miti' - Ministara Israa'el

    Beezaaleel Ismootriich

    Madda suuraa, Reuters

    Ministirri Faaayinaansii Israa'el ilaalcha ganamaatti cichu Beezaaleel Ismootriich waliigalteen Israa'eliifi Ameerikaa "Israa'eliifi addunyaa bilisaa hundaaf gaarii miti," jedhe.

    "Mootummaa kana (Iraan) fonqolchuuf nuti duula kana ofii itti fufuu qabna,"jechuun "meeshaa waraanaa nukilarii tasa akka hin qabaanne mirkaneessuu qabna,'' jedhee X irratti isa barreesse AFP'n afaan biyyattiirraa hiikee gabaaseera.

    "Duulli waloo Ameerikaafi Israa'el mootummaa Iraan dadhabsiisuun waan baayyee milkeesseera, sun waan bushaa'ee hafu miti," jedhe Beezaaleel.

    Kana dura Ministarri Nageenya Biyyaalessaa Israa'el Been Gaviirillee waliigaltee kana qeeqee, ''waliigaltee nageenya keenya hin mirkaneessinetti qooda hin fudhannu, ittiin hin bitamnu,'' jedhe.

    Akkuma Been Gaaviir Beezaaleel irratti UK'n fa'a qoqqobbii kan irratti kaa'an yoo tahu biyyooti kaanis hawaasa Falasxiin irratti haleellaa labsa jechuun isa qoqqobaniiru.

  5. Israa'elii fi Ameerikaan ejjennoo tokkorra hin jiran - Xiinxala

    -

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Beenjaamin Neetaniyaahuu fi Donaald Tiraamp

    Mata-dureen fuula jalqabaa Gaazexaa beekamaa Israa'el Yedioth Ahronoth maxxansa ganama har'aa waayee "atakaaroti.''

    Ameerikaa fi Iraan jidduu osoo hin taane, Pirezdaant Donaald Tiraamp fi Benjaamin Neetaniyaahuu jidduu.

    Ameerikaa fi michuun ishee jabduun Baha Jiddugaleessaa Israa'el waliigaltee kanarratti ejjennoo wal fakkaataa hin qaban.

    Israa'elitti hin himamne. Kaleessa galgala haasawa New York Times irratti tolcheen Tiraamp, Neetaniyaahuu "nama baay'ee rakkisaadha" jedheen.

    Biyya keessatti qorannoo yaada uummataatiin dhiibbaa keessa kan jiruu fi Mudde dhufu keessa filannoon konngiresii marsaa walakkaa kan dhiyaate, Traamp fudhatamummaan isaa akkaan gadi bu'eera. Waraana baasii guddaa gaafatu kana xumuruuf akka hawwus ifa dha.

    Haa ta'u malee, Israa'el keessatti Neetaaniyaahuun waraanichi akka itti fufuuf dhiibbaa guddaa keessa jira.

    Innis ji'oota muraasa keessatti filannoo isa dura kan jiru yoo ta'u, qorannoon yaada uummataa akka agarsiisutti barri aangoosaas ni xumurama. Himatni malaammaltummaa inni haalus itti banamee hidhaaf saaxilamuu danda'a.

    Akka hogganaa yeroo waraanaatti of dhiyeessuun, nageenya Israa'el eeguun, carraa inni siyaasa keessatti itti fufuuf qabu akka dabaluutti eegama.

  6. Iraan haleellaan Libaanos keessatti raawwatu guutummaatti dhaabbachuu qaba jette

    Ministira dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii

    Madda suuraa, EPA/ Shutterstock

    Ministirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii Wiixata har'aa gitoota isaanii kan Turkii, Iraaq fi Masirii waliin bilbilaan dubbataniiru.

    Araagchiin wayita ministiroota dhimma alaa biyyoota kunneenii dubbisan haleellaan Libaanos irratti raawwataa jiru ''guutummaatti dhaabbachuu akka qabu'' mari'achuu ibsan.

    Kana hojiirra oolchuun ammoo dirqama Ameerikaati jedhan.

    Ministira Ittisaa Israa'el kan ta'an Israa'el Kaatzi loltoota isaanii iddoowwan yaaddoo nageenyaa jechuun adda baasan buufatanii jiran kanneen akka kibba Libaanos, Gaazaa fi Sooriyaa keessaa akka hin baasne ibsan.

    Iraan haleellaan Libaanos keessatti yoo raawwate ''humna qabdu hunda fayyadamuun'' akka deebii kennitu akeekkachiisteetti.

    Kaatzi kibba Libaanos iddoo yaaddoo nageenyaa jechuun labsan jiraattota akkasumas ''bu'uuraalee misoomaa, manneen fi qabeenya Hizboollaan hidhata qaban'' hunda irraa ni qulqullaa'a jedhan.

  7. Mariin dhimma nukilaraa guyyoota 60 dhufan ni gaggeeffama- Iraan

    Kazem Garibabadi

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    US waliin waliigaltee walhubannoorra ga'uu kan ibsan Ministirri dhimma alaa Itti Aanaa Iraan Kazem Garibabadii, waliigalteen kun Jimaata dhufu Siwiizarlaanditti akka mallattaa'uu himaniiru.

    Qondaalli Iraan kun biyyisaanii yoomiyyuu Ameerikaarraa akka shakkii qabdu ibsan.

    Ameerikaan waan irraa eegamuu fi waadaa seente akka kutannoon raawwattu xiyyeeffannaan akka hordofanis himan.

    Akka qondaalli Iraan kun jedhanitti haleellaa kaleessa Israa'el kibba Beeruutitti raawwatte hordofee akeekkachiisi Iraan US fi Israa'eliif kennite ''akka waliigaltee kanarra ga'amuu fi rakkoolee jiran keessaa gariin akka furaman,'' dhiibbaa uumeera.

    Waliigalteen irra ga'amu erga mariidhaan qaacceffamee booda guyyoota 60 keessatti waliigalteen dhumaa irra ga'ama jedhan qondaalli kun.

    Dhimmi qoqqobbii Iraan irraa kaasuu fi nukilara Iraan dhimmoota guyyoota 60 kana keessatti irratti mari'atamuun murtee argatan ta'uus himan.

    Diinagdee waraanaan barbadaa'e dandamachiisuu ilaalchisee wantoonni ta'uu qabanis qaama marii kanaati jedhan.

    Odeeffannoo kanaan walqabatan biroo:

  8. ''Waliigaltee nu hin hammanne kanaan hariiroo hin qabnu''- Ministira Israa'el

    Itaamar Ben-Gvir Israa'el biyya of dandeessedha, harka Ameerikaa keessa hin jirtu jedhe

    Madda suuraa, EPA/Shutterstock

    Israa'el waliigaltee walhubannoo US fi Iraan irra ga'an kan Paakistaan ibsiterratti ibsa hin kennine.

    Leellistoota sirna duriitti cichan keessaa kan ta'e Ministirri Nageenya Biyyaalessaa Israa'el Itamar Ben-Gvir waliigaltee kana qeeqeera.

    ''Waliigaltee nageenya keenya hin mirkaneessine kanaan hariiroo hin qabnu. Kallattii kamiinuu nu hin hammatu,'' jedhe.

    Israa'el osoo Hizboollaa hin balleessin furmaati isheen argattu hin jiru jedhe.

    Kanaafuu haleellaan Libaanos keessatti Hizboollaa irratti gaggeeffamuu itti fufuu qaba jedhe qondaalli Israa'el kun.

    Itaamar Ben-Gvir Israa'el biyya of dandeessedha, harka Ameerikaa keessa hin jirtu jedhe

    Ben-Gvir mootummaa biyyasaallee qeequun beekama.

    Haleellaan uummata Filisxeem irratti akka raawwatu nama kakaasuun beekamuudha.

    Gocha isaa kanaafis UK fi biyyoonni kaan isa qoqqobaniiru.

  9. Qabxiilee US fi Iraan irratti waliigalan

    Alaabaa US fi Iraan

    Madda suuraa, Getty Images

    Miidiyaaleen Iraan waliigaltee waraana dhaabuuf biyyoonni lameen, US fi Iraan, irra ga'an keessatti qabxiilee hammataman ibsan.

    Qabxiileen miidiyaaleen Iraan dhiheessan kunneen ammaaf qaamoleen lamaaniin hin mirkanoofne.

    Miidiyaan Mehr jedhamu qabxiilee kunneen eere:

    • Libaanos dabalatee bakka hundatti dhukaasi ni dhaabbata
    • Ameerikaan dhimma Iraan keessa hin galtu
    • Ameerikaan guyyoota 30 keessatti uggura sochii galaanaa Iraan irraa ni kaasti
    • Waraanni Ameerikaa Iraan gadhiisee ni ba'a
    • Ulaan Hormuuz ''to'annoo Iraan jalatti'' guyyoota 30 keessatti ni banama
    • Ameerikaa fi michuuwwan ishee karoora mancaatii mudate dandamachiisuu doolaara biiliyoona 300tti tilmaamamu ni dhiheessu
    • Qoqqobbiin boba'aa fi oomishaalee anniisaa Iraan irra kaa'ame ni kaafama
    • Iraan meeshaalee waraanaa nukilaraa akka hin oomishnu irra deebiin mirkaneessiteetti
    • Ameerikaan lakkoofsa loltoota Baha Giddugaleessaa keessaa qabduu hin dabaltu, qoqqobbii haaraas hin keessu

    Miidiyaan kun dabaluun ''qabeenyi Iraan uggurame walakkaan hanga gadhiifamutti, qoqqobbiin boba'aa Iraan irra kaa'ame hanga ka'utti akkasumas uggurri sochii galaanaa Iraan hanga ka'utti waliigaltee dhumaarra hin ga'amu jechuun Iraan ibsuu gabaase.

    Waliigalteen inni dhumaa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin ragga'uu akka qabu Iraan gaafachuus gabaaseera.

  10. Uggurri sochii galaanaa guyyoota 30 keessatti ka'a

    Erga US fi Iraan waraanadhaabuuf waliigaluu ibsanii miidiyaaleen Iraan uggurri sochii galaanaa guyyoota 30 keessatti ka'a jedhan.

    Qabxiilee Waliigaltee Wal Hubbannoo US fi Iraankeessaa tokko uggura sochii galaanarraa Ameerikaan keesse guyyoota 30 keessatti kaasudha jedhan.

    Erga Iraan hulaa Hormuuz cuftee Ameerikaan ammoo dooniiwwan fe'umsaa buufata doonii Iraanii akka hin baanee fi boba'aa ishee fe'uuf akka hin seenne dhorkitee turte.

    Boba'aan addunyaa %20 tahu karaa Hulaa Hormuuz kana darba.

    Erga Ebla 13 as gidduugalli ajaja waraanaa Ameerikaa Baha Gidduugaleessaa jiru dooniiwan sagal dhabamsiisee 135 akka kallattii jijjiiratan taasisuu ibse.

  11. Waa'ee waliigaltee US fi Iraan qabxiiwwan ijoo

    US fi Iraan waliigaltee wal hubannoorra ga'aniiru. Waliigaltee kanaan walqabatee qabxiiwwoon ijoo:

    • Dilbata ganama Israa'el ''Hizboollaan daangaa ishee keessatti haleellaa qilleensaa raawwachuu,'' himachuun, kibba Beeruut haleelte
    • Tiraamp haleellaan Israa'el ''waan mudachuu hin malle,'' jechuun, wayita Iraan waliin waliigalteerra ga'uutti dhihaatanitti gareen lameenuu akka haleellaa dhaaban akeekkachiise
    • Haleellaan kun marii US fi Iraan gidduutti deemaa ture gufachiisa jedhamee sodaatamee ture
    • Garuu sa'atiiwwan muraasa booda waliigalteen dhukaasa dhaabuu biyya jaarsummaan gidduu jirtu Paakistaaniin ibsame
    • Booda Tiraamp waliigaltecha mirkaneesse
    • Aanga'oonni Iraanis waliigalteerra ga'uu mirkaneessuun, Jimaata dhufu Siwiizarlaanditti akka mallattaa'u ibsan
    • Biyyoonni akka UK, Faransaay, Jarmanii fi Xaaliyaanii waliigaltee labsame kana simataniiru
    • Waliigalteen kun maal akka qabatu bal'inaan hin ibsamne, miidiyaan Iraan garuu waligalteen kun US akka Iraan irraa qoqqobbii kaastu, Iraan meeshaalee waraanaa nukilaraa oomishuu akka dhaabdu fi bakka hundatti dhukaasi akka dhaabbatu hammata jedhan.
    • Ministeerri dhimma alaa Iraan waliigalteen dhumaa guyyoota 60 dhufan keessatti waliigaltee dhumaarra ga'u jedhe.
  12. US fi Iraan waraana dhaabuuf waliigalteerra gahuu beeksisan

    Pirezidantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    US fi Iraan "Libaanos keessatti dabalatee adda hundaan oppereeshinii waraanaa akka dhaaban" waliigalteerra gahuu Ministirri Muummee Paakistaan beeksise.

    Waliigalteen kun Jimaata Siwiizerlaanditti akka mallatteeffamu kan hime MM Paakistaan Sheehbaaz Shariif, waliigalteen kun maal akka qabatu ilaalchisee odeeffannoon bahuuf jira jedheera.

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp ammoo waliigalteen kun Jimaata mallatteefffamnaan “boba’aan ni yaa’a” jechuun dubbate. Waliigalteen US fi Iraan gidduutti taasifamuu hordofee gatiin boba’aa hir’ateera.

    Itti aanaan Ministeera Dhimma Alaa Iraan waliigalteerra ga’amuu TV mootummaaf kan mirkaneessan yoo ta’u, ajajoonni waraanaa Iraan waliigaltee kana injifannoo Teehraan ta’eetti ibsaa jiru.

    Waraanni kun Guraandhala 28 US fi Israa’el haleellaa Iraan irratti gaggeessuun jalqabee, booda Iraan biyyoota Galoo Galaanaa michoota US ta’anirratti tarkaanfii fudhachuun babal’atee hanga Ulaan Hormuuz toora boba’aan addunyaa keessa darbu cufamuutti geessise.

  13. ASHAMAA!

    Akkam jirtu?

    Toora odeeffannoo kallattiin isini biraan geenyu jalqabneerra.

    US fi Iraan waraana dhaabuuf waliigalteerra gahuu beeksisuu.

    Odeeffannoo wayitaawaa biyya keessaafi guutummaa addunyaarraa, ispoortii dabalatee: Marsariitii,YouTube, Whatsapp, akkasumas karaa Facebook kanaan seentanii filattanii dubbisuu dandeessu.

    Nu hordofaa!