Morkataan Netaaniyaahu akka mootummaa ijaaran itti gaafatamni kennameef

Morkataan Ministira Muummee Israa'el Benjaamin Netaaniyaahu, Gaadii Ayizankoot, mootummaa akka ijaaran Pirezidantii Israa'eliin itti gaafatamni kennameef.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Meesii'n MLS'tti seenaa biraa hojjete

    Mesiin baranuma ture tapha idil-addunyaa akka hin taphanne kan beeksise
    Ibsa waa'ee suuraa, Mesiin baranuma ture tapha idil-addunyaa akka hin taphanne kan beeksise

    Jifataan kilaba Intar Miyaami Liyoonel Mesii seenaa liigii Ameerikaa MLS keessatti taphataa jalqabaa walitti aansee Kophee Warqii mo'ate ta'e.

    Badhaasa Ballon d'Or si'a saddeet mo'achuun dorgomaa kan hin qabne Mesiin si'a 31 hiriiree 26 galche.

    Meesiin taphattoota badhaasa kana si'a lama fudhatan jaha keessaa tokko ta'eera.

    Galchii galcheen ala taphataan ganna 39 kubbaa galchii ta'u 17 tumseera.

    Kana jechuun galchii 43 keessa qooda qaba jechuudha.

  2. Tiraamp pirees sekireetarii akka ta'u 'loltuu jabaa' gaafatan

    Pirezidant Tiraamp fi Daanaa Waayit yeroo dheeraaf hiriyyaadha
    Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidant Tiraamp fi Daanaa Waayit yeroo dheeraaf hiriyyaadha

    Pirezidantiin US Donaald Tiraamp hogganaa dhaabbata Ultimate Fighting Championship (UFC) akka pirees seekireetarii Waayit Haawus ta'u gaafatan.

    ''Daanaa Pirees Seekiretarii dorgomaa hin qabne ta'a,'' jechuun Tiraamp miidiyaa hawaasummaa isaanii Truth Social gubbaa barreessan.

    Wanti Tiraamp waa'ee Daanaa Waayit barreessan qoosaa ta'e, dhugaa ta'e ifa miti.

  3. Iraan nama waa'ee Iraan odeeffannoo kenneef birrii bil. 3 ol dhiheessite

    Biyya Iraan

    Ameerikaan waa'ee sagantaa niwukilaaraa Iraan odeeffannoo nama kenneef hanga doolaara miiliyoona 20 (birrii bil. sadii ol) akka badhaastu beeksifte.

    Ministeera Dhimma Alaa jalatti dameen Badhaasni Haqaaf nama odeeffannoo kana kennu iddoon jireenyaa akka geeddaramuuf ibseera.

  4. Saa'udiin haleellaa qilleensaan nama 33 ajjeeste jedhe Huutiin

    Hidhattoota Huutii
    Ibsa waa'ee suuraa, Sa'udiin loltoota mootummaa deeggarti

    Miidiyaan sochii Huutiin hidhata qabu akka himetti haleellaa qilleensaa Sa'uudii Arabiyaan raawwatteen dubartootaa fi daa'imman dabalatee yoo xiqqaate namoonni 33 ajjeefamaniiru.

    Saa'udiin mootummaa Yaman deeggartu haleellaa kanarratti hamma yoonaa waan jette hin jiru.

  5. Odaa Bildigiluutti namoonni 50 hidhattootaan ajjeefamuu poolisiin hime

    Hidhattoota
    Ibsa waa'ee suuraa, Aangawoonni Benishaangul Gumuuz haleellaa kana hidhattoota 'Shaneetu raawwate' jedhan

    Naannoo Benishaangul Gumuuz Aanaa Odaa Bildigiluu ganda Daalattii keessatti haleellaa hidhattoonni raawwataniin namoonni 52 ajjeefamuu Komishiniin Poolisii naannichaa BBC'tti dubbatan.

    Haleellaa kana ''hidhattoota Shaneetu'' raawwate kan jedhan Komishinarichi, haleellaa kanaan lammiileen nagaafi humnoonni nageenyaa naannicharra balaan gahuu dubbatan.

    Waa'ee haleellaa kanaa gama hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo aanga'oonni mootummaa 'Shanee' jedhan wanti ibsame hin jiru.

  6. Morkataan Netaaniyaahu akka mootummaa ijaaran itti gaafatamni kennameef

    Hogganaa mormituu Israa'el
    Ibsa waa'ee suuraa, Ayizankoot morkataa jabaa Netaaniyaahuu ta'uun dhihaatan

    Pirezidantiin Israa'el Isaak Herzoog morkataa Ministira Muummee Israa'el Benjaamin Netaaniyaahu kan ta'an hogganaa dhaaba mormituu Gaadi Ayizankoot mootummaa waloo akka ijaaran itti gaafatama kennaniif.

    Filannoo Israa'elitti dhihoo taasifameen paartiin olaantummaa fudhatu hin argamne.

    Parlaamaa Israa'el kan Knesset jedhamu keessatti paartiin Netaaniyaahus ta'e Ayizankoot olaantummaa hin arganne.

    Hogganaan paartii mormituu kuni bulchiinsa haaraa ijaaruuf guyyoota 28 qabu. Yoo gabaabbateen guyyaa dabalataa 14 dabalamaaf.

    ''Yeroon mootummaa biyyaalessaa atattamaa ijaaruu ammadha,'' jechuun kanas milkeessuuf akka hojjetan ajajaan duraanii waraana Israa'el kan amma paartii mormituu hoogganan dubbataniiru.

  7. Akkam ooltan?

    Saawwi yeroo eelmamtu

    Alaa manni, sa'aa namni nagaa?

    Tamsaasa kallattii BBC Afaan Oromoon waan haaraa jiru gurra isin buufna.

  8. Yuunayitiid Kiingidam lammileen isheetiin Mooyyaalee lagadhaa jette

    Lola Moyaalee

    Lola Moyyaalee gama Itoophiyaatiin qaamolee nageenyaa Oromiyaa fi naannoo Somaalee gidduutti torban lamatti dhyaatuuf gaggeeffamaa jiru namoonni 50,000 ol gara Keeniyaatti baqataniiru.

    Lola kana keessatti gama Keeniyaarraa namoonni sadi yoo du'an 20 kanneen ta'an madaa'anii ragaan hospitaalaarraa argame mul’iseera.

    Kanaarraa ka’uun Yuunayitiid Kiingidam lammileen ishee Mooyyaalitti akka hin imalle akkeechisuu gabaasni miidyaan Keeniyaa Siitiizan jedhamuu ni akeeka.

    Kana malee magaaloota daangaa Keeniyaa fi Somaaliyaatti argama kanneen akka; Mandeeraa, El Waak Garriisaa fi Laamuu akka hin imalle akeekkachiifaman.

    Qondaalonni Keeniyaafi Somaaliyaa walitti bu'iinsa Mooyyaleerratti yaaddoo qaban ibsuun nagaan akka bu'uu gaafataa turan.

  9. Pirezidantiin Paaraaguway aangoorraa buqqifamuun manatti hidhaman

    Pirezidantii Paaraaguway Santiyaagoo Peenaa
    Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidantii Paaraaguway Santiyaagoo Peenaa

    Pirezidantiin Paaraaguway Santiyaagoo Peenaa dantaa dantaa dhuunfaa isaanii waliin walqabatee erga baankii biyyattii kufee booda aangoo irraa kaafamanii manaatti hidhaman.

    Peenaa Jimaata darbe kan to’ataman baankiin ‘Ueno' jedhamu jalqaba torban darbee kanaa kufuu hordofee ’Peeñaan Jimaata kaleessaa hidhame.

    Senaatoroonni biyyattii aangoorraa isa buusanii, naamusa dhabuun isa himatan.

    Hanga bara darbeetti qooda baankicha keessaa kan qabu Peenaan, badii tokkollee akka hinqabu jedhee himannaa irratti dhiyaate waakkate.

    Baankichi Baankii Giddugaleessaa Paaraaguwayiin erga fudhatamee booda, ummanni Paaraaguway walakkaa ol qusannoo isaanii dhaban.

    Namoonni miliyoona sadiitti tilmaamamu qusannoo fi soorama isaanii argachuu hin dandeenye.

    Kunis guutuu biyyattii keessattuu magaalaa guddoo ‘Asuncion’ keessatti otoo hin hafiin mormii bal’aa kaase.

  10. Kibba Iraanitti haleellaan haaraan raawwatame

    Odoola Qashiim

    Miidiyaaleen Teheraan akka gabaasanitti, Odoola Qashiim dabalatee naannoolee kibba Iraan gara garaa keessatti haleellaan misaa’elaa raawwatame.

    Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp “misaa’ela ittisa haleellaa xiyyaara Iraan barbadeessineerra” jedhan.

    ''Iraan sirna misaa'ela farra xiyyaaraa xiqqaa ijaartee turte;nuti balleessine,'' jedhan.

    Akka miidiyaaleen Iraan Tasnim fi IRNA ibsanitti, ganama har’aa kutaa kibbaa biyyattii naannoolee adda addaatti haleellaan raawwatameera.

    Tiraamp gama isaaniitiin misaa’ela ittisa haleellaa xiyyaara Iraan barbadeessuu ibsanis, Teheraan waliin mariin taasifamaa akka jiruu fi ulaa Hormuz akka banamu akeekan.

    Gama biraatiin, Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa odeeffannoo waa’ee sagantaa gabbisa niwukilaraa Iraan nama odeeffannuu kennuuf hanga doolaara miiliyoona 20 akka kennu beeksise.

    Badhaasni kun namoota dhuunfaa waa’ee iddoowwan sagantaa niwukilaraa Iraan odeeffannoo kennan, namoota hojii niwukilaraa hojjetaniifi walumaa galatti teeknooloojii kennaniif akka kennamu himama.

    Tiraamp, "Iraan injifanneerra; Iraan waliin haalli jiru akka gaariitti adeemaa jira. Iraan waliin mariyataa jirra; kanaan duras haasofneerra" jedhan.

    Rooyitars miidiyaalee Iraan wabeeffachuun akka gabaasetti, dirooniin Ameerikaa MQ-9 humna waraana Iraaniin Odoola Qashiimitti rukutamee kufeera.

  11. Aanaa Gaambeellaatti uggurri sochii kaa'ame

    -
    Ibsa waa'ee suuraa, Aanaa Gaambeellaatti uggurri sochii kaa'ame

    Magaalaa guddoo Naannoo Gaambellaarraa fageenya dhihoo kan irratti argamu, aanaa Gaambellaa keessatti, galgala sa'aatii tokko (1:00) kaasee jiraattonni manaa akka hin baanef uggurri kaa'ame.

    Har'a Sadaasa 06, 2026 kaasee kan hojiirra oolu uggurri yeroo kaa'ame kun yaaddoo nageenyaa naannichaa fi naannichaan alaa dhufan dursanii ittisuuf akka ta'e, Hoogganaan Waajjira Nagaa fi Nageenyaa aanichaa Ujuluu Akwaay BBCtti himaniiru.

    Uggura yeroo kana kan kaa'ee bulchiinsa yeroo Godina Saba-lammii Anjuwaak baatii Fulbaana keessa gurmaa'e ta'uu ibsame.

    Bulchiinsi aanichaa fuula feesbuukii isaatiin akka beeksiseetti, "galgala sa'aatii 1:00 irraa kaasee hanga ganama sa'aatii 12:00tti hawaasni manaa gadi bahuun dhorkaa dha."

    "Qaamolee nageenyaa hayyama seeraa qaban malees " namni kamiyyuu meeshaa waraanaa qabatee socho'uun "gonkuma dhorkaa" ta'uu isaa fi "hordoffiin jabaan" kan taasifamu ta'uu ibseera.

    Akka ibsa aanichaatti, uggurri kun kan kaa'ame "hojii nageenya kabachiisuu caalaatti bu'a qabeessa gochuufi naannicha saffisaan gara nageenya idileetti deebisuufi" yaadameeti.

    Hoogganaan Waajjira Nagaa fi Nageenyaa Ujuluun ibsa BBCf kennaniin, jeequmsi naannichatti mul'atu sababa daangaan kun akka kaa'amu ta'e keessaa isa tokko ta'uu eeraniiru.

    Miidhaan hidhattoota Kibba Sudaanii ka'an jedhaman geessisaa jiranis sababa biraa ta'uu ibsaniiru.

    "Akka beekamutti Gaambellaa keessa lolli keessoo ni jira. Haaluma kanaan daangaan waan banaa ta'eef hidhattoonni dhokatanii seenan jiru. Gandoota keenya kan fageenyarratti argamanirratti miidhaa geessisu," jedhaniiru.

    Akka agarsiiftuutti, jalqaba baatii Onkololeessaa keessa ganda tokkorratti miidhaa qaqqaabeen lubbuun nama tokkoo darbee namoonni afur miidhamuu isaanii eeraniiru.

    Galgala kaleessaa (Kamisa) irraa kaasees sochiin haleella biraa hordofsiisuu danda'u akka mul'ate dubbataniiru.

    "Konkolaattota irratti miidhaa qaqqabsiisuuf amaleeffannaan waan jiruuf kanuma ittisuufi," jechuun daangaan sa'aatii kaa'ame kanaan kan walqabatu ta'uu ibsaniiru.

    Magaalaa guddoo naannichaa, kan aanaa kanarraa KM 18 fagaattee argamtu Magaalaa Gaambellaa keessattis, jalqaba baatii Onkololeessaa keessa haaluma walfakkaatuun sa'aatii 12:00 irraa kaasee hanga ganamaatti sochiin namootaa fi konkolaattotaa akka hin taasifamne dhowwamee ture.

    Magaalaa guddittii keessatti uggurri yeroo kan kaa'ame erga namootarratti ajjeechaan raawwatamee boodadha.

    Kanaan walqabatee lola magaalaa keessatti uumameen waajjiraaleen mootummaa naannichaa cufamanii turan.

  12. Adaamaatti Re'een mataa lama, ija 4 fi miila 6 qabu dhalatte - Gabaasa

    -
    Ibsa waa'ee suuraa, Adaamaatti Re'een mataa lama, ija 4 fi miila 6 qabu dhalatte

    Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa, Kutaa Magaalaa Abbaa Gadaa, Aanaa Badhaatuutti re'een takka mataa lama, ija afurii fi miila jaha qabdu dhalachuu OBN gabaase.

    Re'een tun kan isaanii kan taate, Aadde Asaamanach Galaan, yeroo jalqabaaf uumama addaa kana yeroo argan akka baay'ee rifatan miidiyaan kun gabaaseera.

    Re'een tun re'ee biraa waliin ilmoolee lama dhalte. Ilmoon ishee waliin dhalatte garuu qaama guutuu qabdi.‎‎

    Ilmoon mataa lama qabdu kun dhaltuu yoo taatu, afaan lama qabdi. ‎Soorata afaanota lamaan nyaatti.‎‎

    Re'een kun Roobii sa'aatii 8:00 irratti dhalatte jedhame.

  13. Tiraamp teessoon Pirezdanti (Oval house) siidaa biyyaalessaa ta'ee akka ture ajaja mallateesse

    -
    Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp teessoon Pirezdanti siidaa biyyaalessaa ta'ee akka ture ajaja mallateesse

    Pirezdaantin US Donaald Tiraamp teessoon Pirezdanti (Oval house) siidaa biyyaalessaa ta'ee kunuunfamu ajaja mallateesse.

    Akka ajaja Tiraamp mallatteesse kanaatti pirezdantiin Ameerikaa isa booda gara Waayit Haawus dhufu iddoo kanarratti jijjiirama tokkollee gochuu hin dandeenye dhorka.

    Ajajni pirezdaant Tiraamp amma mallatteesse kun teessoon pirezdantii dhiyoo Tiraamp mataan isaa haaromsiise siidaa biyyaalessaa ta'ee akka turu ibsa.

    "Siidaa biyyaalessaa gochaa jirra; namni kamiyyuu akka itti hin buune, akka hin balleessine, ykn saxata (dizaayinii) biraa ijaaruuf jecha namoota gad-deemtuu ta’aniin akka hin diigamne ni taasifama," jedhe Tiraamp Kamisa yoo gaazexessitootatti dubbatu.

    Ajajni Tiraamp kun garuu pirezidaantotni gara fuulduraa dhufan bifa kutaa beekamaa jijjiiruu homtuu hin dhorku.

    Sanadi Tiraamp mallatteesse akka jedhutti, "aangoo Pirezidaantichi siidaa kana deebisee miidhagsuu, meeshaalee filachuu, ykn jijjiirama hojiilee idilee fi tajaajila tikaa (security) caaseffama seenaa ykn boca ijaarsa siidichaa hin miine raawwachuu qabu hin daangessu.

    " Pirezidaantonni Ameerikaa yeroo ammaa kana jijjiirama muraasa Waayit Haawus irratti godhuuf aangoo kan qaban yoo ta'u, pirojektoota gurguddoof garuu hayyama Kongiresii gaafata.

    Murtoon kun kan dhufe Tiraamp ji'oota dura Damee Bahaa Waayit Haawus (East Wing) guutummaatti diigee fi kana hordofee qormaanni seeraa isa mudatee booda.

    Pirojektiin kun Kongiresii Ameerikaatiin hin mirkanoofne. Ijaarsi isaas ittifufuudhaan, bakka sana gara galma qophiilee diggisii (ballroom) haaraatti jijjiiruuf karoorfameera.

  14. Paastariin Keeniyaa dhumaatii namoota191tiif sababa ta'e hidhaan waggaa 200 itti murame

    -

    Paastarii Keeniyaa ijoollee dabalatee dhumaatii namoota 191tiif sababa ta'e hidhaan waggaa 200 itti murame.

    Paawol Makeenzii miseensota maatii barsiisa isaa (Cult) isaa hordofaniin akka "Yesuus waliin wal arganiif" ijoollee keessan akka du'anitti beelessaa jechuun ajajeera.

    Namoonni gochaa garee amantaa paastarii kanaan dhuman nama tokkorraa kan hafe hundi isaanii daa'immani.

    Abbaan seeraa Diyaanaa Mochaachee, Makeenziin duuka bu'oota isaa akka beelessuun ajjeechaa finxaalessummaa amantaatiin raawwatame, kan seenaa Keeniyaa keessatti mul'ate hordofsiisuun "yakkamaa sadarkaa duraa" ti jechuun eeran.

    "Murtoon irratti darbes sirrii fi kan haqaa, kan ergaa cimaa hammeenya sukkanneesaa gituufi murtoo dhumaa seerri heeyyamudha" jedhe daanyaan.

    Paastarii adeemsa amantii mataa ofiitiin beekame kun bara 2023 keessa kan to'atame yoo ta'u, awwaalli namoota 400 bosona handaara galaanaa Keeniyaa keessatti argamuu hordofee to'atame.

    Qorannoon gochaa yakka kanaa Keeniyaatti rifaatuu guddaa kan uume yoo ta'u, xiyyeeffannoo hawaasa addunyaas kan argate ture.

    Adabbiin irratti darbuun dura, sababa yakka sukkanneessaa isaatiin abbootiin alangaa Makeenzii irratti mana murtii Mombaasaa murtiin du'aa akka darbu gaafatanii ture.

    Keeniyaa keessatti bara 1987 booda adabbiin du'aa namarratti darbee hin beeku.

    Abbootiin alangaa Maakenzii yakka raawwateef gaabbii dhabuu isaa akka ragaatti kan kaasan yoo ta'u, namoota isaa wajjin himataman biroof ammoo adabbii hidhaa umrii guutuu gaafataniiru.

    Dhaddachi ganama Jimaataa jalqabamuu dura, Fireensis Wanjela, kan maatii isaa saddeet, akkasumas ijoollee ijoollee isaa lama dabalatee bosona Shaakaholaa keessatti dhabe, sagantaa BBC Newsday irratti akka dubbatetti, murtii gochaa Maakenzii bosona keessatti raawwateen wal-gitu akka abdatu ibseera.

  15. Ruubiyoo fi Hegseet aangoo gadhiisuuf hamii jedhu Waayit Haawus waakkate

    Ruubiyoo, Pirezdanti Tiraamp fi Heegseet tartibaan
    Ibsa waa'ee suuraa, Ruubiyoo, Pirezdanti Tiraamp fi Hegseet tartibaan

    Waayit Haawus Rippaabilikanoonni filannoo injifatamuu hordofee Ministirri Ittisaa Ameerikaa Piit Heegseet fi Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo aangoo gadhiisuuf hamii jedhu waakkate.

    Miidiyaaleen Ameerikaa akka gabaasanitti, Ministirri Ittisaa Ameerikaa Piit Hegseet akkaataa waraana Iraan itti qabaa jiranirraa kan kana ka’e Rippaabilikanoonni filannoo walakkeessaa Ameerikaa injifatamuun qeeqamu.

    Miseensi kongireesii paartii Rippabilikaan barri hojiisaa xumuramaa jiru tokkommoo torbee dhufu Ministira Ittisaa aangoo irraa buqqisuuf doorsisaniiru.

    Deebii kanaaf Heegseet ibsa viidiyoo baaseen ga'umsa isaa ibsuun fi duula isa irratti baname balaaleffate.

    "Akkuma argitan natti duulu; bu'a qabeessa taanee hojjechaa waanin jirruuf nutti duulu. Kun hin hojjetu," jedhan.

    Gama biraatiin ammoo Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoon akkuma filannoo pirezidantummaa bara 2028 dura aangoo gadhiisuuf yaadaa jira jedhu gabaasa jedhu haaleera.

    Ruubiyoon af-gaaffii gaazexaa Niiw Yoork Taayims waliin taasisaniin, ''Hanga xumura bara hojii Tiraampitti tajaajiluun karoora kooti’ jedhe.

    "Hojii ani hojjechaa jiru baay'een jaalladha. Yeroo hunda namoonni 'hojii isaa dhiisee deema' jedhanii yeroon dhaga'u nan kolfa."Nan deema, 'Hojii kam?’’’

  16. Manni-murtii olaanaa Somaaliyaa bara angoo pirezidantii biyyattii dheeressuu kuffiise

    Pirezidant Hasan Sheek Mohaammud

    Manni-murtii waliigalaa Somaaliyaa fooyya'iinsa seeraa Pirezidant Hasan Sheek Mohaammud karaa seeraan ala ta'een bara aangoo isaa dheereffachuuf taasise kuffiise.

    Pirezidaantichi aangoo isaa dheereffachuun isaa gaaga'ama siyaasaa biyyattii keessa jiruu fi pirezidaantichaa fi qaamoleen seeraa gidduu atakaaroo jiru hammeesseera.

    Manni-murtichaa murtee Kamisa dabarseen erga pirezidaantichi itti gaafatamaa haqaa kan ta'e Baash Yusuuf Ahimadiin hojiirraa ari'ee guyyaa tokkoon boodadha. Pirezidaantichi itti gaafatamaa haqaa ar'iuuf aangoo hin qabu jedheera.

    Dabalataan manni-murtichaa hoggantoonni siyaasaa guyyoota 30 keessatti karoora filannoo isaaniirratti waliigalteerra akka ga'anii fi guyyoota 90 keessatti filannoo akka gaggeessan ajaja dabarseera. Kun ammoo filannoo biyyaalessaa pirezidantichi bara dhufu gaggeessuuf karoorfate waliin kan walitti bu'udha.

    Akka seeraatti barri aangoo afran Pirezidant Hasan Sheek Mohaammud Caamsaa darbe keessa xumurama ture.

    Haata'u malee, bulchiisni isaa akkaataa fooyya'insa seeraa paarlaamaan Bitootessa raggaasiseen bara aangoo isaa waggaa tokkoon dheereffateera.

    Piirtileen siyaasaa mormitootaa pirezedaantichi aangoo isaa dheereffachuuf heera mootummaa foyyeessuu isaatiif himataniiru.

    Pirezidaantichi garuu fooyya'iinsi seeraa taasifame Somaaliyaa keessatti sirna gosa irratti hundaa'ee fi hoggantoonni gosaa bakka bu'aa isaanii filatan guutummaan guutuutti gara filannoo dimokiraatawaatti ceesisuuf barbaachisaadha jechuun falma.

    Odeeffannoo dablataa:

  17. Iraan dhimma nukilaraa ilaalchisuun yaada waligaltee US'f erguu aanga'aan olaanaa biyyattii himan

    Namoota alaabaa Iraan qabatanii jiran

    Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp waan hafe hunda "ni barbadeessina" jechuun Iraan irratti erga dhaatanii booda, Teehraan waliigaltee dhimma nukilaraa ilaallatu Waashigiteeniif erguu ibse. Rooyiters aanga'aa olaanaa Iraan tokko eeruun akka gabaasetti, yaadni waliigaltee kun karaa Qaataar Waashingiteniif kan ergame yoo ta'u, Ameerikaan haal-duree qabxii torba qabu sana yoo hojiirra oolchite qofa mariif akka dhiyaatamu ibsameera.

    Aanga'aan akka maqaan isaa hin eeramne gaafate kun, Waashigiten yaada kana gamagamaa akka jirtu Rooyitersitti kan hime ta'ulleen odeeffannoo dabalataa kennuuf hayyamamaa hin taane.

    Itti Gaafatamaan Nageenyaa Olaanaa Iraan Moohiseen Reezaahii jalqaba torban kanaa, "dippilomaasii ilaalchisee Ameerikaatiif haal-dureewwan torba beeksisneerra. Hanga haal-dureewwan torban kana hojiirra hin oolchinetti Ulaa Hormuuz hin bannu, akkasumas gara mariitti hin seennu," jedhee ture.

    Haal-dureewwan Iraan hanga ammaatti ifatti ibsamuu baatanis, akka gabaasa sabaa himaaaan Kaahileej Taayims jedhamu baasetti taanaan gaaffileen Teehiraan dhiyeessite Libaanos dabalatee walitti bu'iinsawwan naannicha keessa jiran guutummaan guututtii akka dhaabbatu, Ameerikaan dhorkaa dooniiwwan Iraan irra keessa akka kaastu, qaqqobbiiwwan Ameerikaan Iraan irra keesse akka ka'u, qabeenyaa fi maallaqni Iraan biyya alaatti ugguraman akka gadhiifaman, Ameerikaan waraana naannicha keessaa qabdu akka hir'istu, miidhaawwan waraana waliin wal qabatee qaqqabeef beenyaan akka kaffalamu, haleellaawwan Ameerikaan bulchiinsa Iraan keessatti gaggeessitu akka dhaabbatu kanneen jedhan ture.

    Gama kaaniin, Waashingiteen marii marsaa jalqabaa kamuu keessatti Iraan dhimma saganataa nukilaraa dabaluu akka qabdu ibsiteetti.

    Kun ammoo, qaamolee lamaan gidduutti waliigaltee kamirrayyu gahuudhaaf dhimmi nukilaraa iajandaa ijoo marii akka ta'u agarsiisa.

    Yaadni marii dhimma nukilaraa kan dhiyaate, waraanni Ameerikaa fi Iraan gidduu jiru filannoo walakkeessaa Ameerikaa booda deebiyee ka'uu danda'a yaaddoon jedhu wayita cimee fi jaarsoliin mariisisan walitti bu'iinsa kana dhaabsisuuf carraaqqii taasisan wayita itti fufanii jiranittidha.

    Pirezidant Doonaald Tiraamp filannichaan booda duulli waraana irra deebiin itti fufuu akka danda'u kan hin haalle yoo ta'u, Iraanis waraanni kun irra deebiin kaanaan deebii hamaa fi bal'aa ta'e kennuuf karoorfachuun ishee himameera.

    Maaerikaa fi Israa'el Guraandhala darbe gara dhumaa Iraan irratti haleellaa erga bananii booda, Iraan gamasheetiin biyyoota Galoo Galaanaa buufatawwan Israa'el fi Ameerikaa keessummeessan irratti haleellaa raawwatteetti.

    Walitti bu'iinsi kun gara Libaanostti babal'atee Iraaniin kan deeggaramu Hezboollaah fi Israa'el gidduuttis lolli gaggeeffameera. Yeroo dhiyoo keessa ammoo gara Yamanitti ce'ee hidhattoonni Huutii Iraan waliin walitti dhufeenya qaban dhaabileen madda annisaa, buufataaleen xiyyaaraa fi kanneen biroo Sa'ud Arabiyaa keessa jiran irratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwachuun isaanii ni yaadatama.

    Odeeffannoo biroo kana waliin deeman:

  18. YOOYYAA!

    Akkam jirtu hordoftoota BBC Afaan Oromoo?

    Odeeffannoo battaluma mudatetti guutummaa addunyaarraa toora ittiin isin biraan geenyu eegalleerra.

    Iraan dhimma nukilaraa ilaalchisuun yaada waligaltee US'f erguu aanga'aan olaanaa biyyattii himuu,

    'Miidiyaan si'a shanii ol maal akka balleesse osoo itti hin himamiin akeekkachiifni itti barreeffame hin jiru' jechuu Ambaasaaddar Rediwaan Huseen dabalatee odeessaalee biroo karaa Marsariitii (Website), Instagram, YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok keenyaas ni argattu.

    DHIYAADHAA!