Waraanni Sudaan magaalaa guddoo Kaartum humna addaa RSF harkaa kan baafate bara 2023tti ture.
Magaalaa teessoo mootummaa tana harkatti erga deebisee fudhatee ganna tokko keessatti, namoota miliyoona 5 magaalaa sana keessaa buqqa'anii bahan keessaa namoonni miliyoona 2 ol gara qe'ee isaaniitti deebi'aniiru.
Ta'us, aangawoonni Sudaan erga injifannoo waraanaa argatanii booda jireenyi idilee dafee bakka isaatti akka deebi'u waadaa galanillee, tajaajilli ibsaa baay'ee gadi aanaadha, gamooleen ammallee akka manca'anitti jiru, akkasumas hojjettoonni mootummaa mindaa argachaa hin jiran.
Lammiileen tokko tokko immoo kan deebi'an dhumarratti filannoo dhabanii, sababa biyya ollaa Ijptii keessatti godaantotarratti tarkaanfiin fudhatamaa jiruuf sana dheessuuf qofa akka ta'e dubbatu.
Mootummaan Sudaan sababa waraanaan waajjiraalee bulchiinsaa gara magaalaa galaanaa Poot Sudaanitti geeffatee ture boodarra hojjettoonni mootummaa gara Kaartumitti deebi'anii akka hojii jalqaban ajajeera.
Barattoonni,kanaan dura barumsa toora interneetiin kennamaafiinii fi qorannoo isaanii wiirtuuwwan yerookeessatti ykn biyya alaatti akka fudhatan hayyamameefis, gara kutaalee dhaabbilee barnootaatti akka deebi'an beeksiseera.
Nisriin Al-Taayib maatii ishee waliin gara Ijipti baqattee turte, erga tarkaanfiin baqattoota irratti fudhatamu jalqaba bara kanaa kaasee hammaatee booda gara biyyaatti deebi'uuf murteessite.
"Nuti jalqaba Sudaanii kan baane sababa rakkoo tasgabbii fi nagaatiini, garuu achittis haaluma wal fakkaatutu nu qunname. Ijipti keessattis nageenyi hin turre," jette Al-Taayib.
Haalli Sudaan fooyya'aa akka jiru yeroo dhaga'an, ishee fi maatiin ishee deebi'uuf murteessan. Isheen gara hojii ishee barsiisummaatti deebi'uuf yaalaa jirti, garuu akka hojjettoota mootummaa baay'ee, mindaa ishee isa xiqqoo illee hin arganne.
Waliigalaan haalli Kaartum jirus kan buqqaatota hawwatu akka hin taane gabaasni Rooytarsi ni agarsiisa.