KALLATTIIN, 'Ameerikaan Ulaa Hormuuz ni to'atti' - Tiraamp

Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp Ameerikaan Ulaa Hormuuz Iraan abbummaan naaf mala jechaa jirtu US ni to'atti jechuun dubbatan.

Guduunfaa

Iraan Ulaa Hormuuz deebistee cufuu beeksistus US ammayyuu banaadha jette

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. 'US galgala doonii waraanaa galaana jalaafi garaajii doonii Iraan haleelte' - Ajajaa

    -

    Madda suuraa, Centcom / X

    Ibsa waa'ee suuraa, -

    US eda halkan doonii waraanaa galaana jalaa fi garaajii doonii Iraan haleeluu Ajajni giddugaleessaa Waraana US (Centcom) beeksise.

    Centcom, odeessa waytaawaa baasen, humni waraanaa US halkan edaa Iraan keessatti doonii waraanaa galaana jalaa fi garaajii doonii haleeluu ibse.

    Haleellaan irra deddeebiin diroonotaan balleessanii badaniin raawwatame kun buufata humna galanaa kibba Iraan Baandar Abbaas jedhamurratti qiyyaafate. Centcom viidiyoo haleellaa kanaas qoode.

    "Haleellaan eda halkanii dandeettii dooniiwwan daldalaa haleeluu Iraan kan gadi buuse," jedhe Centcom ibsa X irratti maxxanseen.

    US haleellaawwan kanneen kan raawwatte haleellaa Iraan dooniiwwan daldalaa Ulaa Hormuuz keessa darban irratti gaggeessiteef haaloo bahuuf ta'uu himtee jirti.

  2. 'US bulchiinsa Ulaa Hormuz keessa akka seentu hin heyyamnu'- Waraana Iraan

    -
    Ibsa waa'ee suuraa, 'US bulchiinsa Ulaa Hormuz keessa akka seentu hin heyyamnu'

    Waajjirri muummee waraanaa ol'aanaa Iraan, Khaatam al-Anbiyaa, US bulchiinsa Ulaa Hormuz keessa akka "harka galfattu" kan hin hayyamne ta'uu beeksiseera.

    Ibsa Ejensiin Oduu Iraan Tasniim baasen, waraanni Iraan akka jedhetti, "gochaaleen wanbadummaa" yeroo baay'ee Ameerikaan Ulaa Hormuuz keessatti raawwattu "tasgabbii naannichaa balaa guddaa keessa galcheera".

    US ulaa murteessaa ta'e kana akka to'attu "hin heyyamnu, gara fuulduraatis hin heyyamnu" kan jedhe yoo ta'u, loltootni Iraan jeequmsa "waraana shiftaa" US irraa dhufu kamiyyuu deebii kennaa akka jiran ibseera.

    Ameerikaa waliin tumsuun kamiyyuu akka gocha "waraana" abbaa-biyyummaa Iraan irratti banameetti kan lakkaa'amu ta'uu ibsee, yoo lolli kun babal'ate "ibidda waraanaa biyyoota naannichaa hundaa kan gubu" ta'uu akeekkachiiseera.

    Guyyaa har'aa Doonaald Traamp Iraan "US Ulaa Hormuuz to'achaa jirti" jedhanii turan.

  3. 'Ulaa Hormuuz ni to'anna' - Tiraamp

    Pirezidant Tiraamp

    Madda suuraa, EPA/Shutterstock

    Donaald Tiraamp Yunaayitid Isteet Ulaa Hormuuz ''ni to'atti'' jechuun dubbatan.

    Tiraamp Iraan waliigaltee ''cabsite'' jechuun himataniiru.

    Miidiyaa FoX News'tti kan dubbatan Tiraamp, ''Ulaa Hormuuz ni to'anna. Isaan homaa hin qaban,'' jedhan.

    US Iraaniin ''eda galgala cimsitee'' haleeluu kan dubbatan Tiraamp, ''meeshaan isaanii gara caalu manca'eera. Farri xiyyaaraa isaaniis manca'eera,'' jedhan.

    Embasiin Iraan UK keessa jiru gaafa Wiixataa ibsa baaseen yeroof Ulaa Hormuuz irratti koriidara haaraa ''danqaa teknikaalaafi waraanarraa bilisa ta'e'' Iraan mijeessuu ibseera.

    Garuu, haleellaan US haaraa Ulaa Hormuuz ''zoonii balaa guddaa'' qabutti jijiireera jedhan.

  4. Mootummaan UK Eegdota Warraaqsaa Iraan (IRGC) Iraan beekkamtii dhowwachuufi

    -

    Madda suuraa, GETT

    Ibsa waa'ee suuraa, IGRC

    Mootummaan UK Labsii Ariifachiisaa sochii mootummoota biyya alaan deeggaraman to'achuuf baheen Eegdota Warraaqsaa (IRGC) Iraan beekkamtii dhowwachuuf akka jiru Waajjirri Dhimma Biyya Keessaa beeksise.

    Labsii kanaan Sosochiin Islaamaa Companions of the Right (IMCR) fi GRU Volunteer Corps (GRU) Raashiyaas akkasuma adda baafamanii jiru.

    Yoo torban kana keessa Paarlaamaan biyyattii raggaasise, namoonni gareewwan kana bakka bu'anii gochaawwan ashaaxira kanneen akka mana gubuu raawwatan adabbii hidhaa umrii guutuu gahuu adabamuu danda'u.

    Ministirri Muummee UK Kiir Istaarmar akkana jedhan: "Biriiteen biyya mootummootni sodaa, qoqqoodiinsaa fi jeequmsawwan daandiiwwan keenya irratti babal'isuu barbaadaniif dirree akka taatu gonkumaa hin hayyamnu."

    Waajjirri Dhimma Biyya Keessaa akka jedhutti, tarkaanfiin kun dandeettii mootummaan aggaammii mootummoota biyya alaa waliin hidhata qaban ittisuuf qabu ni dabala; akkasumas poolisiif gochaawwan gareewwan sadan kanaan raawwataman to’achuuf "humna cimaa" ni kenna.

    "Gareewwan kanneen deeggaruu fi gargaaruuf yakkoonni haaraan gooroo hidhaa waggaa 14 fiduu danda’u" jedha ibsi bahe.

    "Namoota isaan waliin hojjachaa qabaman gara seeraatti fiduu fi yeroo dheeraaf mana hidhaa keessa tursiisuun salphaa ta’a."

    Mootummaan dabalataan akka jedhutti, IRGC guutummaan dabalatee, dhuunfaafi dhaabbata Iraan waliin hidhata qaban 550 ol irratti tarkaanfii fi adabbii cimaa kanaan dura fudhateera.

    Ministirri Dhimma Keessaa Shabaanaa Mahmuud gareewwan kanneenif kanneen hojjatan "faana dhahanii akka hidhan" dubbatanii biyya keenya eeguuf "waan danda’amu hunda ni gooona" jechuun waadaa galaniiru.

    Ministirri Dhimma Alaa UK Yvette Cooper akka jedhanitti, Raashiyaa fi Iraan gareewwan harka lafa jalaatiin "gocha mootummaan deeggaramu raawwachuun" "kan balaaleffatamu" dha; lammiilee Biriiteen biyya keessas ta’ee biyya alaa jiran eeguuf UK'n tarkaanfii barbaachisu hunda ni fudhatti" jedhan.

  5. Waraanni Baahireen Iraan namoota fi dhaabbilee haleeluun banuun himate

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, -

    Waraanni Baahireen Iraan dirooniifi misaayelootaan dhaabbileefi namoota nagaa haleeluun himate.

    Humni ittisa qilleensaa ishee haleellaawwan ganama kana Iraan gaggeessite qolachuu fi fashalsuu beeksise.

    Waraanni ishee of ittisuuf "qophii" fi "dammaqina olaanaarraa" akka jiru beeksiste Baahireeni.

    Baahireen kana kan himatte, Ameerikaafi Iraan halkan edaa wal haleelaa buluu isaanii hordofeeti.

  6. 'Haleellaawwan bakkeewwan hedduutti raawwataman' - Miidiyaalee Iraan

    -
    Ibsa waa'ee suuraa, 'Iraanitti haleellaawwan bakkeewwan hedduutti raawwataman'

    Sa'aatiiwwan muraasa dura haleellaawwan bakkeewwan hedduutti raawwatamuu miidiyaalee Iraan gabaasan.

    Miidiyaan mootummaa Iraan IRNA Ittigaafatamaa itti aanaa dhimmoota nageenyaa bulchiinsa Isfahaan wabeeffachuun akka gabaasetti, haleellaan buufanni waraanaa magaalaa Neeyin haleelamuu, namni tokko ajjeefamuufi torba kan ta'an madaawuu gabaase.

    Kibba lixa biyyattiitti itti aanaan kutaa bulchiinsa Abadan keessati namoonni lama ajjeefamuufi sadi immoo madaawuus gabaafame.

    Amneerikaan haleellaa kana irratti yaada hin kennine. Waraanni biyyattii buufataaleen waraanaa Ameerikaa eda haleellaa hamaaf saaxilamuu ibseera.

  7. Baankoookitti balaan ibiddaa namoota 27 ajjeese

    Mana dhugaatii ibiddi itti qabate

    Madda suuraa, APTN

    Dilbata kaleessaa ibiddi mana dhugaatii Baankookitti qabate namoota 27 ajjeesee kanneen 22 tahan ammoo miidhaa guddaa keessa jiru.

    Naannoo Chaatchaak jedhamu keessatti ibiddi iddoo dhugaatiin kaa'amurraa jalqabee mana keessa tamsa'uun mana aaraan guutuufi humni ibsaa akka citu godheera jedhan warri ijaan arge.

    Viidiyoon miidiyaa hawaasaa irratti maxxanfame akka agarsiisutti namoonni iyyaa fi waca gaafa baqatan akkasumas uffati isaanii ibidda qabatee agarsiisa.

    Warri ibidda dhaamsan halkan qixxee qaqqabuun ibidda dhaamsuu danda'aniiru. Reeffi namoota baayyee mana fincaaniitti keessatti argame.

    Qorannoon hamma yoonaa taasifame sararri elektrikii cituun ibiddi kuni uumamuu akka hin oollee himamullee sababiin ifa tahe garuu hin kennamne

    Qondaaloti mootummaa qorannoon gad fagoo akka taasifamu hime.

    Taayilaand keessatti balaan akkasii muadchuun kan jalqabaati.

  8. FIFA'n lakkoofsa biyyoota Wancaa Addunyaa irratti hirmaatanii 64tti guddisuufi

    Pirezidaantii FIFA Jiyaanii Infaantiinoo

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidaantii FIFA Jiyaanii Infaantiinoo

    FIFA'n lakkoofsa biyyoota Waancaa Addunyaa irratti hirmaatanii gara 64tti guddisuuf karoora akka qabu ibse.

    Gaggeessaan FIFA Jiyaanii Infaantiinoo dorgommiin kun kan addunyaa hundaa akka tahuuf lakkoofsa hirmaattotaa dabaluun barbaachisa jedhan.

    Wixineen kun kan dhiyaate waggaa darbe ture. Garuu Infaantiinoon jalqaba milkaa'ina biyyoota 48 ilaalla jechuun tursiise.

    ''Yeroo Waancaa Addunyaa qopheessinu biyyoota hundaaf qopheessina. Awurooppaaf ykn Ameerikaa Kibbaaf qofa kan qophaa'u miti. Guutummaa addunyaaf akka tahuttidha. Biyyi kamiyyuu abjuu dorgommicha irratti hirmaachuu isaanii milkeessuu qabu'' jedhe.

    "Akkuma argitan gahumsi gareewwan hirmaatanii olaanaadha. Addunyaa guutuu irratti dorgommiin taasisan baay'ee guddataa dhufeera.

    Yoo biyyoonni xixiqqoon akka hirmaatan carraa hin kennamneef deeggarsa waan hin arganneef osoo hin guddatiin hafu jedhe Infaantiinoon.

    Biyyoota Afrikaa 10 keessaa sagal gara sadarkaa mo'atanii darbuutti darbuun milkaa'ina tahuu kan hime Infaantiinoon kana dura biyyoota shan qofatu hirmaata ture jedhe.

    Biyyoonni 48 dorgommii Ameerikaa, Kanaadaa fi Meksiikoon waliin tahuun qopheessan kana irratti hirmaataniiru.

    Kunis akka milkaa'aa ture Infaantiinoon himaniiru.

  9. Iraan Ulaa Hormuuz cufe jettus US ammayyuu banaa ta'u himti

    Doonii daldalaa

    Madda suuraa, Reuters

    Haleellaa US irratti gaggeessite hordofee Iraan Ulaa Hormuuz 'yeroo hin beekamneef' cufuushee ifa gootetti.

    Faallaa kanaa Ameerikaan garuu ulaan kun ammayyuu banaa ta'u ibsite.

    Torban darbee kaasee biyyoonni lachuu marsaa heddu haleellaa walirratti gaggeessaniiru.

    Iraan Ulaa Hormuuz keessatti doonii daldalaa irratti haleellaa raawwachuu hordofee US haleellaa Iraanirratti gaggeessite.

    Iraan ammoo buufataalee waraanaa US Baha Giddugalaa keessa jiran irratti haleellaa raawwachuun haaloo bahuu ibsite.

    Sambata darbe qofaa US bakkeewwan qiyyaafannoo waraanaa jette 140 irratti haleellaa gaggeessuu ibsite.

    Iraan ammoo buufataalee waraanaa biyyoota Baha Giddugalaa shan: Kaatar, Baahireen, UAE, Yordaanos fi Omaan keessa jiran irratti haleellaa akka gaggeessitee ibsitee turte.

    Haleellaan kun Dilbatas itti fufee gaggeeffameera. Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp waliigalteen dhukaasa dhaabuu Iraan wajjin taasifame "kana booda gatii hin qabu" jechuun ibsee ture.

  10. Ashamaa!

    Tamasaasi kallattii keenya har'aa eegalleera!

    Iraanifi US wal-haleeluu itti fufaniiru. Iraan buufataalee US Baha Giddugaleessaa keessa jiran haleeluun alatti Ulaa Hormuuzis cufuu beeksifte.

    US ulaan kun banaa ta'uu himti.

    Odeessawwan biyya keessaafi idiladdunyaa isin biraan geenya.

    Dhiyaadhaa!