Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Iraan waraana dhaabuuf qabxiilee isheen dhiyeessitetti hin gammanne -Tiraamp

Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp Iraan waraana dhaabuuf qabxiilee isheen dhiyeessitetti gammachuu akka hin qabne qondaalonn US ibsan.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Biyyoonni Galoo Galaanaa Iraaniif deebii kennuuf Saa'uditti mari’achuufi

    Hoggantoonni Mana Maree Tumsa Galoo Galaanaa (GCC) erga waraanni Iraan fi Ameerikaa jalqabee yeroo jalqabaaf Sa’udii Arabiyaatti walga’uuf akka jiran Rooyitars gabaaseera.

    Walgahiin hoggantootaa kun haleellaa misaa’elaa fi diroonii Iraan kumaatamaan lakkaa’aman waraana baatii lamaaf gaggeefame keessatti akkataa deebii itti kennan qopheessuu irratti kan xiyyeeffatu ta’uu dhaabbati oduu kun maddeen wabeeffachuun gabaaseera.

    Ameerikaa fi Israa’el waliin waraana keessa kan turte Iraan biyyoota miseensa Mana Maree Tumsa Galoo Galaanaa ta'an keessumaa kanneen buufataleen waraanaa Ameerikaa keessatti argaman akkasumas bu’uuraalee oomisha bob'aa isaanii irratti haleellaa raawwatteetti.

    Akka gabaasni kun jedhutti Iraan dhaabbilee Ameerikaa waliin hidhata qaban qofaa utuu hin taane bu’uuraalee misoomaa siiviilii biroo, akkasumas dhaabbilee waraanaa irrattis haleellaa raawwatterti.

    Hoggantoonni Qaxar, Kuweet fi Baahireen, akkasumas ministirri dhimma alaa UAE walgahii kana irratti hirmaachuuf Jiddah seenuu isaanii gabaasni miidiyaa mootummaa Sa’uud Arabiyaa Rooyitars wabeeffate ni mul’isa.

    Miseensa mana marichaa kan taate Omaan ni hirmaatti moo hin hirmaattu kan jedhu hanga ammaatti hin baramne.

  2. Yukireen Israa'el irratti himannaa cimaa dhiheessite

    Yukireen midhaan hannaa gara Israa'elitti fe'amaa akka jiru bira geenyerra jette.

    Oomisha midhaanii lafa Yukireen Raashiyaan weerarte irraa walitti qabametu dhoksaan Israa'eliif dhiyaate jette.

    Himannaa dhiyaate kana hordofuun waldhabdeen dippilomaasii biyyoota lamaan gidduutti mudateera.

    Pirezidaantiin Yukireen Volodimiir Zelenskii akka jedhanitti,ammallee ''doonii biraa'' midhaan ''Raashiyaan hatame'' fe'attee deemtu buufata doonii Israa'el seentee fe'umsa ishee buusuuf qophaa'aa jirti jedhan.

    Zelenskiin akka jedhanitti, aanga'oonni Israa'el fe'umsi akkamii buufata doonii isaanii akka gahe'' hin beekan jechuun hin danda'amu, midhaan hannaa ta'uu utuu beekanuu dhorkuu dhabuun'' hariiroo biyyoota lamaan gidduu jiru kan miidhu ta'uu dubbataniiru.

    Kanaan dura Ministirri Dhimma Alaa Israa’el Gideyon Saar Yukireen himannaa akkanaa ifatti dhiheessuu isheef qeeqaniiru. Himannaan kun ''ragaan kan hin deeggaramnedha'' ta'uus dhimmichi akka qoratamu dubbataniiru.

    Dubbi himaan Kiremlin Dimitiri Peeskov gaazexeessitootatti akka himanitti ''dhimma kana irratti tasumaa deebii kennuu filannaa '' jedhan.

    Raashiyaan midhaan Yukireen hataa jirti jechuun himannaa dhiyaate haalaa turte.

    Gaazexaan Israa’el tokko dooniiwwan afur midhaan lafa Yukireen Raashiyaan qabame irraa fe’aman bara kana qofa Israa’eliin qaqqabuu erga gabaasee booda waldhabdeen Yukireen fi Israa’el gidduutti uumame akka malee cimaa jira

  3. UAE'n garee biyyoota boba'aa oomishaniifi gurguranii OPEC keessaa bahuufi

    Yunaayitid Arab Emireetsi (UAE) waggaa 60 booda garee biyyoota boba'aa oomishanii fi gurguranii [OPEC fi OPEC+] keessaa bahuufi.

    UAE akka jettetti murtoon kun "tarsiimoo yeroo dheeraa fi mul'ata diinagdee fi jijjiirama haala inarjii" hordofee murteessite dha.

    Murtoon kun damee inarjii keessatti isa ulfaataa ta'uu xiinxalaan tokko "jalqabbii xumura OPEC" jechuun ibseera.

    Ministirri Inarjii biyya Galoo galaanaa tanaa, garee kana keessaa bahuu akka bilisummaa guutuutti ibsan. Marii fi waliigalteewwan gareetiin utuu hin hidhamin, tarkaanfii mataa ishee addatti fudhachuu akka dandeessu ibsuu isaaniti.

    UAE'n bara 1967 miseensa OPEC taate. Isheen keessaa bahuun biyyoota miseensa garichaa 11tti gadi buusa. Biyyoonni biroo kan miseensa hin taane [non-opec members] 10 ta'u. Isaan waliin gareen kun opec+ jedhama.

    Qorataan inarjii MST Financial Saa'ol Kaavonich, tarkaanfii kana ''jalqabbii dhuma OPEC'' jedheen.

    "UAE'n garee kana keessaa bahuu isheetiin, dandeettii OPEC 15%'n hir'isa,miseensa ijoo garee kanaa turte.''

    Ragaaleen yeroo dhiyoo akka mul'isanitti, UAE'n waggaatti barmeelii miliyoona 2.9 oomisha. Saa'udi Arabiyaan akka OPEC dursituutti (de facto leader of Opec) hubatama. Saa'udiin waggaatti boba'aa barmeelii miliyoona 9 oomishti.

    Saa'udin kana booda gaafatamummaa garee kana waliin tursiisuu fi dirqama gabaa boba'aa bulchuu qabdi'' jedha Kaavonik. Miseensonni kuun faana ishee hordofu.

    ''Dhimmi kun haala ji'oopolitikaa Baha Jiddu-galeessaa fi gabaa boba'aarratti dhiibbaa qaba,'' jedha.

    Opec bara 1960 biyyoota shaniin hundaaye: Iraan, Iraaq, Kuweet, Sa'udi Arabiyaa fi Venzu'eelaa dha. Kaayyoon garee kanaa gabaa boba'aa qindeessuu fi galii amansiisaa miseensotaa mirkaneessuu dha.

    Baay'inni miseensota OPEC yeroo yeroon jijijjiiramaa dhufe. hundeessitoota malees, biyyoonni kaan Aljeeriyaa, Ikuwwatooriyaal Giinii, Gaabon, Liibiyaa, Naayijeeriyaa fi DRC'n miseensota ta'aniiru.

  4. Tiraamp Iraan ulaan Hormuz dafee akka banamu nu gaafattee jedhu

    Doonaald Tiraamp akka jedhanitti Iraan biyyattiin “kufaatii hamaa” keessa jirti jechuun Ameerikaatti himteetti jedhan.

    Kanaaf hanga danda'ametti Ameerikaan ulaa Hormuz daftee akka bantu gaafachuu ishee dubbatu.

    Tiraamp toora miidiyaa hawaasaa isaanii 'Truth' irratti akka qoodaniitti Iraan hanga danda'ametti Ameerikaan ulaa Hormuz daftee akka bantu gaafachuu ibsan.

    Dubbiin kun dhugaa ta'uu fi dhiisuu garuu Iraan hin mirkaneessine.

    Gabaasni The New York Times irraa ba’e akka jedhutti, Tiraamp karoora Iraan waraana kana xumuruuf dhiyeessitetti hin gammanne.

    Karoorri kunnen, US buufata doonii Iraan ugguruu dhaabuu akka qabdu,dhukaasa dhaabuun yeroo dheeraaf akka itti fufu fi mariin niwukilaraa erga uggurri galaanaa kaafame booda eegaluu akka qabu fa'i.

  5. Meeksikootti dursaan garee qoricha sammuu hadoochu daddabarsanii bo'oo lolaa keessaa qabame

    Humni nageenyaa Meeksikoo hogganaa olaanaa fi ijoo garee qoricha sammuu hadoochuu Jalisco New Generation Cartel (CJNG) jedhamuu to'achuu beeksise.

    Namni kun maqaa Audias Flores Silva, akkasumas "El Jardinero" yookin "The Gardener", jedhamuun beekama.

    Hogganaan garee wanbadee kanaa Wixata kutaa bulchiinsa Naayariit keessatti miseensonni humna nageenyaa itti marsanii bo'oo lolaa keessa dhokatee argame.

    Namni ganna 45, Filoores, harka mirgaa nama baay'ee barbaadamaa turee, Nemesio "El Mencho" Oseguera, ture jedhu aangawoonni.

    El-Manchoon ji'a lama dura dhukaasa loltootni isa adamsuuf bobbaafaman dhukaasaniin madaa'ee du'e.

    Filoores, garee CJNG keessatti nama beekamaa fi Eel-Manchoon akka daldala qoricha sammuu namaa hadoochuu kanaan dursaa ta'u kan haala mijeessefi.

    Hogganaan nageenyaa Meeksikoo Omar Gaarshiyaa Harfuuch qabamuu Filooreez miidiyaa hawaasaa ofiirratti ibsanii, humna galaanaa Meeksikoo gootummaa, naamusaa fi kutannoo oppireeshinii kana keessatti mul'iseef jajan.

    Viidiyoon humni galaanarraa Meeksikoo baase Helikoptaroonni bo'oo lolaa simintoo inni keessa dhokate yoo marsan mul'isa, Filoorez dhokatee miilli isaa alaa mul'ata ture.

    Akka waahila isaa El-Manchoo, humnoota nageenyaa waliin dhukaasa banee osoo hin lolle to'atame.

    Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa, nama bakka Filooreez jiru eereef dolaara miliyoona shan badhaasuuf waadaa galee ture.

    Meeksikootti ambaasaaddarri US qabamuu hogganaa maafiyaa kanaa ''tarkaanfii murteessaa'' jechuun ibsan.

  6. Dhukaasa dhaabuu booda haala Tehran itti jirtu

    Erga dhukaasa dhaabuun Iraan fi Ameerikaa gidduu jiru itti fufee halli jiruuf jireenya jirattootaa guyyaa guyyatti fooyya'aa jira.

    Haa ta'uu malee ammallee jireenya idilee kan guyyoota waraana dura ture irraa fagoodha.

    Manneen daldalaa hedduun ammallee cufamanii jiru. Sababa maamiltootni akka duratti hin jirreefis gabaa fi daldallii akka dura turetti hin deebine.

    Lammiileen Iraan qaala'iinsa jireenyaa dabalaa jiraacjhuu dubbatu.

    Suuraalee armaan gadiin haala Tehran amma keessa jirtu ilaalaa.

  7. UN ulaan Hormuz akka banamu irra deebiin gaafate

    Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii rakkoo ulaa Hormuz keessatti mudate furuuf maal gochuu akka danda'an irratti walii galuu hin dandeenye .

    Manni Marichaa walgahii hatattamaa gaggeessuus, biyyoonni karoora haala kana sirreessuuf qophaa’e irratti walii galuu hin dandeenye. Sababa kanaanis tarkaanfiin fudhatame hin jiru jedhame.

    Barreessaa olaanaan dhaabbatichaa Antooniyoo Guterees biyyoonni waldhabdee kana keessatti hirmaatan hundi dooniiwwan ammayyuu ulaa Hormuz keessatti danqamanii jiran akka gadi dhiisanii fi ulaa kanas banan waamicha taasisan.

    Gutaareez diinagdeen addunyaa akka dandamatu daldalli akka deebi'ee jalqabuuf ulaa kana irratti kaffaltii fi loogiin jiraachuu hin qabu jedhan.

    Yeroo ammaa dooniiwwan fe’umsaa kumaatamaan lakkaa’amaniifi namoonni doonii galaanarra hojjatan hedduun galaana keessatti ugguramanii jiru. Rakkoon kun addunyaa guutuutti gatiin boba’aa akka ol ka’u kan taasisu yoo ta’u, biyyoota hiyyeeyyii waan heddu alaa galchaniif ammoo yaaddoo jiraachuu guddaa uumaara.

    Gutaarez biyyoonni seera addunyaa kabajuu fi humna galaanaa irratti fayyadamuu irraa of qusachuu qabu jedhan.

    Galaanni bakka tasgabbii, marii fi tumsaa malee bakka waldhabdee ta’uu hin qabu jechuunis dhaamaniiru.

  8. Daandiin Qilleensaa Jaappaan buufata xiyyaaraa keessaa roobootii hojjachiisufi

    Daandiin Qilleensaa Jaappaan baatii Caamsaa dhufu irraa kaasee roobootiiwwan nama fakkaatan (Humanoid robots) hojii lafarraa buufata xiyyaaraa Tookiyoo Haanedaa keessatti hojjechiisuufi.

    Daandiin qilleensaa kun kana kan yaadeef 'dhiibbaa hojii hojjettoota irraa salphisuuf' ta'uu hime.

    Jalqabbiidhaaf Roobootiiwwan Chaayinaan oomishte fe'iisa xiyyaararratti fe'uu fi buusuuf kan bobbaafaman ta'uu beeksise. Daandiin Qilleensaa Jaappaan JAL fi kaampaaniin GMO AI & Robotics waliin akka dalagan agarsiisa Wiixata miidiyaaf qopheessanirratti himan..

    Indaastiriin aviyeeshinii Jaappaan sababoota yaa'insi tuuristootaa gara biyyattii dabalee fi umrin namootaa dabalaa deemeef qormaanni humna namaa isa qunnamaa jira. Buufata xiyyaaraa kanatti namootni hojii lafarraa hojjetan 4,000tu qacaramee jira.

    Hojii buufata xiyyaaraa qulqulleessuu fi tumsa hojiiwwan lafarraa kaan hojjechuuf roobootiiwwan dhimma bahuuf akka jiru beeksise JAL.

    Kana durallee buufataalee xiyyaaraa Jaappaan kan biroo keessatti roobootiiwwan nageenya to'achuuf fi gurgurtaaf hojiirraa oolaa turan.

    Ji'oota lamaan jalqabaa bara kanaatti qofa tuuristoota miliyoona torbatu Jaappaanitti imale jedha ragaan JTB Group.

    Roobootiiwwan dhimma bahuun ''hojiiwwan humnaa keessatti hojjettoota gargaaruuf faayidaa akka qabu'' Pirezdantiin tajaajila lafarraa Daandii Qilleensaa Jaappaan Yoshiteru Skuzu madda oduu Kyodo news agency'tti himan.

  9. Kooriyaan Kaabaa waggaa 13 keessatti namoota 358 irratti adabbii du'aa raawwatte

    Kooriyaa Kaabaatti adabbii du'aa raawwachuun yeroo weerara Covid-19 akkaan dabalee akka ture dhaabbata miti-mootummaa magaalaa guddoo Kooriyaa Kibbaa, Sewul jiru ibse.

    2020 hanga 2024 yoo xiqqaate namoonni 153 ajjeefamaniiru ykn duuti itti murtaa'eera jedha gabaasi jaarmiyaa Transitional Justice Working Group (TJWG) jedhamuu.

    Kun waggoota shan weerara dura turaniin yoo walbira qabamu 44n caaluu agarsiisa.

    Kanneen adabbii kanaaf saaxilaman hedduun sababa amantii, dhugeeffannaa saayinsiin hin mirkanoofnee fi qabiyyeewwan alaa fayyadamuun walqabatu.

    Diraamaawwan Kooriyaa Kibbaa (K-dramas) fi walleewwan Kooriyaa Kibbaa (K-pop) kanneen adabbii du'aaf sababa ta'an keessaati.

    Jaarmiyaan kun akka gabaasetti adabbiin du'aa fi ajjeechaan bara aangoo Kim gara jalqabaarraa ka'ee hammaachuu eegale.

    Bara 2013 namoota 80 caalantu ajjeefaman.

    Bara 2020 namoota 54, bara itti aanu namoota 45 ta'antu ajjeefaman.

    Waliigalatti bara 2011 hanga 2024 gidduutti namoota 358 irratti adabbiin du'aa raawwachuu gabaase TJWG.

    Ajjeechaawwan kunneen keessaa dhibbeentaa 70 kan caalu hawaasa fuulduratti raawwatame.

    Hedduun rasaasaan rukutamuun ajjeefaman. Bara bulchiinsa Kim kana keessa iddoowwan ajjeechaawwan haala kanaan itti raawwataman 46tu jiru.

  10. ''Akkatti Ameerikaa injifatan biyyoota kaaniif muuxannoo qooduu barbaanna''- Iraan

    Ministira ittisaa itti aanaa Iraan kan ta'an Reezaa Taalaaye-Nik biyyisaanii akkaataa Ameerikaa injifachuun danda'amurratti biyyoota walaba ta'aniif muuxannoo qooduuf fedhii akka qabdu dubbatan.

    Miidiyaan mootummaa Iraan yaada qondaala kanaa wabeeffachuun akka gabaasetti ''Iraan biyyoota miseensa jaarmiyaa Shanghai Cooperation Organisation (SCO) jedhamuu ta'aniif muuxannoo qooduuf fedhii fi qophii guutuu qabdi.''

    Iraan waraana xumura ji'a Guraandhalaa irraa hanga jalqaba ji'a Eblaatti gaggeessiteen dirooniiwwan fi misaa'eloota ishee hedduu gara biyyoota ollaa fi Israa'elitti dhukaasteetti.

    Diroonii ishee fayyadamuun xiyyaarota waraanaa daangaashee seenan rukuttee buusteetti.

    Kun ofitti amanamummaa humna waraanaa Iraaniif dabaleera.

    ''Akkaataa itti Ameerikaa injifachuun danda'amu biyyoota walabaaf ibsuu barbaanna. Kanaaf qophii guutuu qabna,'' jedhan Aab Taalaaye-Nik kora ministiroota ittisaa SCO magaalaa Kirigistaan keessatti qophaa'erratti.

    Tibba kana aanga'oonni Iraan ministiroota ittisaa Raashiyaa fi Beelaaruus waliin dubbataniiru.

    Raashiyaa fi Beelaaruus gamasaaniin hariiroo Iraan waliin akka cimsan ibsaniiru.

    Waraanni US-Israa'el fi Iraan guyyoota 40f erga gaggeeffamee booda jalqaba ji'a kanaa dhukaasi dhaabbateera, garuu mariin dippiloomaasii adda citeera.

    Oduu biroo kana waliin walqabatan:

  11. Sudaan Kibbaatti xiyyaarri kufee caccabuun namoonni keessa turan hundi dhuman

    Abbaan taayitaa siivil aviyeeshinii Sudaan Kibbaa akka ibsetti paayileetii dabalatee namoonni 15 xiyyaara xiqqoo kana keessa turan hundatu dhuman.

    Namoonni balaa xiyyaara kanaan dhuman kunneen 13 lammiilee Sudaan Kibbaa yoo ta'an lama lammiilee Keeniyaati.

    Xiyyaarri kun kibba lixa magaalaa guddoo biyyattii, Jubaa, irratti kuftee caccabde.

    Magaalattii seenuuf daqiiqaan 30 wayita hafu to'annoo tiraafika daandii qilleensaan ala taate.

    Qondaalonni biyyattii garee sababa balaa kanaa qoratu iddoo balaan kun itti mudatetti bobbaaseera.

    Qorannoon jalqabaa garuu sababa haala qilleensaa hamaa ta'een balaan mudachuu mul'ise.

    Xiyyaarri Cessna 208 Caravan jedhamtu kun qabeenya kubbaaniyyaa CityLink Aviation Ltd jedhamuuti.

    Biyyi addunyaarratti umrii xiqqoo qabdu Sudaan Kibbaa bu'uuraalee misoomaa geejjibaaf tolu hin qabdu.

    Daandiin qilleensaa ishee mijataa akkasumas naga qabeessa kan jedhamu miti.

    Sudaan Kibbaa erga bara 2011 walabummaashee labsachuun biyya of dandeesse taatee hundooftee as balaawwan xiyyaaraa 55 caalu biyyattii keessatti mudateera.

    Balaa lubbuu namoota hedduu gaaga'aa jiruuf sababi ijoon ammoo daandiin qilleensaa biyyattii xiyyaara dulloomaa fayyadamuu fi to'annoonsaa laafaa ta'uudha.

    Humnaa ol fe'uu, haala qilleensaa mijataa hin taanee fi dogoggora paayileetotaa waliinis wal qabata.

    Amajjii 2025 xiyyaarri gara Jubaa deemaa ture tokko kufee caccabuun hojjettoonni boba'aa 20 ta'an dhumaniiru.

    Biyyattii keessatti balaan xiyyaaraa hamaan kan mudate bara 2015 ture.

    Handaara buufata xiyyaaraa Jubaatti xiyyaarri Antonov kufee caccabuun namoonni 41 dhuman.

  12. Shakkamaan irbaata gabaastota Waayit Hawusirratti dhukaasa bane Tiraamp ajjeesuuf yaaluun himatame

    Jiraataan Kaalifoorniyaa Sambata halkan qophii irbaataa gabaastota Waayit Hawusirratti dhukaasa banuun shakkame yakka pirezdantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp irratti yaalii ajjeechaa gaggeessuun himatame.

    Namni umuriin isaa waggaa 31 ta'e Kool Tomaas Aleen jedhamu kun Wixata Waashingiteenitti mana murtiitti wayita dhiyaatetti yakka meeshaa waraanaa lamaan himannaan irratti banameera.

    Sambata irbaata waldaan gaazexeessitoota Waayit Hawus Waashingiten qopheesanirratti yeroo bakka sakatta'insaa darbutti shugguxxii hanga tokko awutomaatikii ta'e, qawwee giddu-galeessa ta'ee fi billaa sadii qabatee turuu abbaan alangaa himata banerratti ibseera.

    Misensa qaama nageenyaa namni ta'e tokko rasaasaan rukkutamulleen miidhaan cimaan akka irra hin ga'iin ibsameera.

    Namni himanni irratti baname kun yakkamaa taanaan hidhaa umurii guutuuti isa eeggata.

    Shakkamaan Wixata mana murtiitti dhiyaate kun gaaffii daanyaan dhiyeessuuf sagalee lallaafaa ta'een "Eyyeen" kabajamoo, ykn "Lakki" kabajamoo jechuun qpfa yeroo deebisu dhaga'ameera.

    Shakkamaan umuriisaa mana murtiif ibse kun, barnootaan digirii lamaffaa (MSC) akka qabu dubbateera.

    Abbaan alangaa wayita himatasaa mana murtiif dhiyeessutti loltoonni Ameerikaa lama duuba shakkamaa kanaan tokko ammoo cinaa isaatiin dhaabatanii mul'atu.

  13. Wayita mariin dhaabbatee jirutti Iraan Ameerikaa salphisaa jirti jedhan Chaansilarri Jarman

    Chaansilarri Jarman Fireedirik Merzi aanga'oonni Iraan qondaalota US qaaneessaa jiraachuu dubbatan.

    Bulchaan Jarmanii kun bulchiinsi Iraan qondaalonni US akka Paakistaan, Islaamaabaad deeman erga sababa ta'ee booda osoo wayirra hin ga'in ba'uun tuffii mul'isa jedhan.

    Merzi US waraana Iraan keessaa ba'uuf tarsimoo fi tooftaan fayyadamaa jirtu akka itti hin mul'anne dubbataniiru.

    Yaadi qondaala Jarmanii kanaa waldhibdeen duraan US fi biyyoota Awurooppaa miseensota NATO ta'an gidduutti dhalate ammallee jiraachuu agarsiise.

    ''Warri Iraan mari'achuu irratti ogummaa cimaa qabu. Akkasumas dhimmoota mariif dhihaachuu hin qabnerratti mari'achuu dhiisuu ilaalchisees baayyee ogeeyyiidha. Warri Ameerikaa hanga Islaamaabaaditti imalanii bu'aa tokko malee akka deebi'an godhan,'' jedhan qondaalli Jarmanii kun.

    ''Hooggansi Iraan biyya guutuu (US) qaanesse. Keessattuu Eegdota Biyyaalessaa kan jedhaman. Kun hatattamaan akka dhaabbatu nan abdadha.''

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp miseensonni NATO tumsa naaf gochaa hin jiran jechuun komataa ba'e.

    Keessattuu Ulaa Hormuuz bansiisuuf wayita gaafataman humna gumaachuurraa duubatti jedhan jechuun komataa ture.

    Bulchaan Jarmanii kun garuu Tiraamp osoo isaan hin dubbisin komataa akka ture himan.

    Ameerikaan Israa'el waliin ta'uun Iraan irratti waraana eegaluu dura akka isaan hin mariisisne dubbatan.

  14. Osooma US Ulaa Hormuuz cuftee jirtuu bidiruun qaalii Raashiyaa keessa dabarte, akkamiin?

    Bidiruun qaaliin Raashiyaa Pirezidaant Puutiin waliin hidhata qabdi jedhamtu osoodhuma US uggura keessee jirtuu Ulaa Hormuuz qaxxaamurte.

    Bidiruun kun superyacht Nord jedhamuun kan beekamtu yoo ta'u, dheerina meetira 142 kan qabduufi akkaan qaalidha.

    US dooniiwwan kamuu Ulaa Hormuuz qaxxaamuruun gara buufataalee doonii Iraan akka hin seennefi achii akka hin baaneef humna galaanaa bobbaasuun uggura erga keesssee torbee lamaa ol ta'eera.

    Haa ta'u garuu bidiruun bashanannaa baay'ee qaalii taatefi Pirezidaant Puutiin waliin hidhata qabdi jedhamte kun uggura US cabsuun Ulaa Hormuuz keessa qaxxaamurtee jirti.

    Bidiruun kun kan abbaa qabeenyaa Raashiyaa Aleeksii Mordaashoov yoo taatu, Dubaayi irraa ka'uun gara Omaan erga deemtee booda, achirraan Ulaa Hormuuz qaxxaamurte.

    Aleeksii Mordaashoov biliyeenara Raashiyaa qoqqobbii US jala jiruufi pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin waliin hidhata qabuudha.

    Bidiruun qaaliin uggura US cabistee Ulaa Hormuuz qaxxaamurte kun dolaara miliyeena 500 akka baastutu himama.

  15. Waraana dhaabuuf qabxiilee Iraan dhiyeessitetti Tiraamp gammachuu hin qabu- qondaala US

    Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp waraana dhaabuuf qabxiilee ijoo Iraan dhiyeessiterraa gammachuu akka hin qabne qondaalli US tokko madda oduu Rooyitarsitti himan.

    Iraan yaadaa amma dhiyeessite keessatti hanga waraanni dhaabbatuufi dhimmi Ulaa Hormuuz furamutti waa'ee nikularaa mariyachuun akka hin barbaachifne kaaste.

    Yaadi Iraan amma dhiyeessite kun ammoo Tiraampiif hin liqimfane jedhan qondaalli US. Sababni isaa US jalqabumarraayuu dhimmi nikularaa qabxii ijoo irratti walii galamu ta'uu akka qabu fedha qabdi.

    Biyyoota lamaan gidduutti abdiin mariin ni eegala jedhu Sambata darbe Tiraamp jilli marii gara Islaamaabaad akka hin deemne haquu hordofee dhaamee jira. Iraan US waliin qaaman wal-argee hin mariyadhu jechuu hordofee jilli marii US gara Paakistaan deemuuf ture hafuun dhagahame.

    Tiraamp yoo marii barbaadaan "nuuf haa bilbilan" jechuun jilli marichaa akka hin imalle dhorke.

    Gama biraan ammoo Iraan torban kana ministiira dhimma alaashee Abbaas Araagchii gara biyyoota sadiitti ergiteetti: Paakistaan, Omaanifi Raashiyaa.

    Abbaas Araagchii Raashiyaatti imaluun Pirezidaant Puutiin waliin erga mariyatanii booda, Raashiyaa waliin wal-ta'iinsa tarsiimawaa tolfachuu ibsan.

  16. Ashamaa!

    Tamsaasa kallattii keenya kan har'aa eegalleera.

    Tiraamp waraana dhaabuuf yaada Iraan dhiyeessitetti akka gammachuu hin qabne ibse.

    Gam biraan ammoo Iraan Raashiyaa waliin hariiroo tarsiimawaa tolfadhe jette.

    Odeessawwan biyya keessafi idiladdunyaa jala jalaan isin biraan geenya.

    Dhihyaadhaa!