Ergamaan addaa US Istiiv Witkoofi fi Yaared Kushinar marii Paakistaan irratti hirmaachufi
Madda suuraa, Reuters
Ibsa waa'ee suuraa, Istiiv Witkoofi fi Yaared Kushinar miseensota jila marii US
Rooytarsii fi CNN akka gabaasanitti Ergamaan addaa US Istiiv Wiitkoof fi soddaan Tiraamp Yaared Kushinar marii haaraadhaaf gara Islaamaabaad akka deeman qondaalonni Ameerikaa himanii jiru.
Ameerikaan marii Paakistaan irratti hirmaachuunshee shakkii uume
Madda suuraa, EPA
Ibsa waa'ee suuraa, -
Pirezdantii Itti aanaa US JD Vaans marii nagaa itti aanuuf Kibxatan darbe gara Islaamaabaad akka imalan eegaman ture. Garuu xiyyaarri isaanii Air Force Two gara Islaamaabaad osoo hin balaliine hafe. Mariinis itti hin fufne.
Tiraamp yeroo dhukaasa dhaabuu Roobii galgala darbe xumurame dheeressuu hime
Amma Iraan ministirri dhimma alaa ishee Abbaas Araagchii gara Islaamaabaad imaluuf akka jiru mirkaneessite. Mariin kun qabiyyeen maal akka ta'u hin beekamne. Ameerikaan ni hirmaattii fi dhiiftis waanti mirkanaaye hin jiru.
Islaamaabaad marii nagaa marsaa lammaffaaf qophaawaa jiraachuu gabaasaan BBC gabaasaa ture.
Paaksitaan Teehraanii fi Waashingtan walitti fiduuf carraaqqii gootu itti fufte.,
'US marii dabalataatiif karaa amansiisaan deemuu qabdi' - Ambaasaaddara Iraan
Ibsa waa'ee suuraa, UN'tti ambaasaaddara Iraan Alii Baahireen
US marii dabalataatiif karaa amansiisaan deemuu qabdi jedhan UN'tti ambaasaaddarri Iraan Alii Baahireen.
Pirezidant Tiraamp ilma mootii UK kan ta'e Haariin waa'ee UK hamma kiyya hin dubbatu jedhe.
Daawwannaa mootii UK Chaarlis Ameerikaatti taasisuuf karoorfame dura kan dubbate Tiraamp, ilmi mootii kun osoo waa'ee UK hin dubbatin dhimma Yukreen dubbachuu eere.
US doonii xayyaarota waraanaa baatu kan biraa Baha Giddugalaatti ergite
Madda suuraa, US Central Command
Ibsa waa'ee suuraa, Doonii waraanaa xayyaarota waraanaa baattu USS George HW Bush jedhamtu gara Baha Giddugalaatti ergamte
US doonii waraanaa xayyaarota waraanaa baatu gara Baha Giddugalaatti erguu Ajaji Giddugalaa Ameerikaa beeksise.
Dooniin xayyaarota waraanaa baatu dabalataan gara Baha Giddugalaatti ergame kun USS George HW Bush kan jedhamu yoo ta'u, Baha Giddugalaatti dhiyaachuutu ibame.