Tiraamp US dooniiwwan ugguraman Ulaa Hormuz keessa akka nagaan dabarsuu eegaltu ibse

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Pirezidant Doonaald Tiraamp US Wiixata har'aa irraa eegaluun dooniiwwan ugguraman Ulaa Hormuuz keessa nagaan dabarsuu akka eegaltu ibse.
''Faayidaa Iraan, Baha Giddugaleessaa fi Ameerikaaf jecha dooniiwwan Ulaa Hormuuz keessatti ugguraman akka baasuu eegallu biyyoota kunneenitti himneerra,'' jechuun miidiyaa hawaasummaa isaa Truth Social irratti barreesse Tiraamp.
Biyyi kam akka deeggarsa US kana argatu garuu hin ibsine.
Tiraamp adeemsa ''Project Freedom'' jechuun moggaase kana keessa giddu-seentummaan tokkollee akka hin jiraanne akeekkachiise.
Yoo giddu-seentummaan jiraate ''tarkaanfii humnaa akka fudhatu,'' ibse.
Erga waraanni Guraandhala gara xumuraa eegalee Iraan Ulaa Hormuuz cufuun haaloo ba'aa jirti.
Ameerikaanis dooniiwwan buufataalee Iraan irraa ka'anitti karaa cuftee jirti.
Kanaafuu ulaan daldala boba'aa addunyaaf akkaan murteessaa ta'e- Hormuuz uggura biyyoota lamaa- Iraan fi US jala jira jechuudha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Eegdota Warraaqsa Islaamaa Iraan (IRGC) keessatti ajajaa kan ture fi miseensa gameessa paarlaamaa Iraan kan ta'e Ibraahim Aziizii, ''giddu-seentummaan Ameerikaan taasistu kamiyyuu akka waliigaltee dhukaasa dhaabuu sarbuutti ilaalama,'' jechuun miidiyaa hawaasummaasaarratti barreesse.
Tiraamp ergaa karaa miidiyaa hawaasummaasaa dabarseen bakka buutonni US warra Iraan waliin ''marii abdachiisaa ta'e'' gaggeessuu fi mariin kunis ''bu'aa gaarii hunda fayyadutti kan baasu'' ta'uu ibse.
Dabaluunis oppireeshiniin kun US, Iraan fi biyyoota Baha Giddugaleessaa kaan bakka bu'uun, ''miira deeggarsa namoomaan tarkaanfii fudhatamu'' ta'a jedhe.
Biyyoota Baha Giddugaleessaa kunneen garuu tokko tokkoon hin ibsine.
Ammoo wayita oppireeshiniin kun gaggeeffamu Tehraan waliin qindoominni isaanii akkam akka ta'u hin ibsine.
Dooniiwwan hunduu hanga tasgabbiin naannawa sanatti deebi'ee nagaan yabaluun danda'amutti akka hin deebine ibsuun, US kiyyoo kana keessaa dooniiwwan baasuuf hojii eegaluu ibse Tiraamp.
''Dooniiwwan kunneen akka nagaan socho'anii darban goona jechuun uummata, kubbaaniyyaa fi biyyoota badii tokko malee dararamaa jiran baraaruu jechuudha,'' jedhe Tiraamp.
Ajaji Giddugalaa US oppireeshinii ''Project Freedom'' jedhu kanaaf loltoonni kuma 15, misaa'eloonni fi xiyyaaronni waraanaa 100 akka bobbaafaman ibse.
Erga waraanni Iraan eegalee hojjettoonni doonii kuma 20 ta'an fi dooniiwwan 2,000 caalan Galoo Galaanaa kana keessatti ugguramanii jiru.
Namoonni dooniiwwan kunneen irra jiran dhiheessii meeshaalee nyaataa fi wal'aansaa argataa waan hin jirreef miidhaa qaamaa fi fayyaa sammuuf saaxilamu sodaan jedhu jira.
Boba'aa fi gaasiiwwan uumamaa qulquluun dhibbeentaa 20 ta'u karaa Ulaa Hormuuz darba, kanaaf ulaan kun sababa waraana Iraan wayita ugguramu gabaa boba'aa addunyaarratti akkaan dabale.
Tiraamp oppireeshinii kana kan ibse erga miidiyaan mootummaa Iraan faana hidhata qabu- Tasnim, Ameerikaan yaada marii araaraa Iraan tibbana dhiheessite fudhachuu gabaaseeti.
Akka gabaasa kanaatti Iraan deebii karaa Paakistaaniin qaqqabe keessa deebitee ilaalaa jirti.
Ameerikaan deebii Iraaniif kennuu ammallee ifatti hin dubbanne.
Dilbata kaleessaammoo Tiraamp yaadi Iraan dhiheessite fudhatama akka hin qabne miidiyaa Israa'el Kan News jedhamutti hime.
Miidiyaan Iraan akka gabaasetti karoorri nagaa qabxii 14 qabu Iraan dhiheessite Ameerikaan akka humna ishee daangaa Iraanitti dhihoo jiran baastu fi uggura galaanarraa akka dhaabdu gaafata.
Akkasumas dhukaasi gama hundaan akka dhaabbatu gaafachuun, haleellaa Israa'el Libaanos keessatti raawwachuu jirtu eere.
Biyyoota lameen gidduutti guyyoota 30 keessatti akka waliigalteerra ga'amus gaafata karoorri Iraan dhiheessite kun.
Akka gabaasa miidiyaa mootummaa Iraanitti wiixineen karooraa kun waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka itti fufu osoo hin taane ''waraanni akka dhaabbatu'' gaafata.











