Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tigist Maaraatoonii Landanitti riikardii cabsuuf akka yaadde BBC'tti dubbatte
Maaraatoonii Landan Dilbata dorgomamuurratti kan dorgomtu Atileet Tigist Asaffaa kaayyoon ishee ijoo abbaa rikardii addunyaa ta'uu akka ta'e BBC'tti dubbatte.
Gaaffiifi deebii gaazexeessaa BBC Landan jiru waliin taasifteen dorgommii kanarratti irra deebiin mo'achuu akka barbaaddu dubbatteetti.
Kana milkeessuufis qophii gahaa gochuufi ''irra deebiin mo'adhee gammachuun qiliixamuu'' akka barbaaddu himte.
Maaraatoonii Landan Dilbata dorgomamurratti riikardiin haaraa galmaa'uu danda'a jedhamee eegama.
Maaraatoonii waggaa darbe dorgomameerratti atileetiin Itoophiyaa kuni dorgommicha sa'aatii 2:15:50 'n xumuruun injifatteetti.
Yeroon isheen itti xumurte fageenyichaan yeroo saffisaa lammataadha.
''Maaraatooniin Landan dorgommii guddaadha. Isa shaampiyoonaa ta'un irra deebiin shaampiyoonaa ta'uudha,'' jechuun dubbatteetti.
Waggaa dura dorgommiicha mo'achuu isheen ''gammachuufi kabajaa guddaatu natti dhagahame,'' jette.
Waggaa dura mo'uun ishee ''ofitti amanamummaa guddaa'' akka itti hore BBC'tti himteetti.
Tigist atileetota ni injifatu jedhamanii eegaman keessaa tokkodha. Haa ta'u malee, morkiin salphaa akka hin taane eegama.
''Waggaa kana tokkoffaa akkan bahu abdiin qaba'' kan jette Tigist, ''ummanni addunyaa seeqaafi gammachuukoo waan eeguuf'' kanas milkeessuuf akka yaaltu BBC'tti dubbatte.
Kana dura Maaraatoonii Barliinis kan mo'atte Tigist, kaayyoon ishee ijoo riikardii addunyaa atileetii Keeniyaan duraa fudhatame deeffachuudha.
''Ammaan achi kaayyoon kiyya abbaa riikardii addunyaa ta'uudha,'' jechuun wanti ijoo yaadde kana ta'uu dubbatte.
''Gaafa Dilbataa kanan fiigu [riikardii] Landan irra deebiin ofitti deeffadha jedhee Waaqayyoo waliin abdii guutuun qaba.''
Atileet Tigist Aseffaa Maaraatoonii Landan bara 2025 gaggeeffame riikardii dubartootaa haaraa galmeessuun injifattee turte.
Sa'aatii 2:15:50 fiiguun yoo injifattu, injifattuu bara 2021 kan taate Jaakiliinin km10 osoo hafuu gattee sokkite.
Dorgommii maaraatoonii dubartootni deeggarsa dhiiraa malee figaniin yeroon Tigisti itti xumurte riikardii haaraa ta'ee galmaaheera.
Paawulaa Raadkiliif atileetii dhiiraa biroon saffisaa akka argattu gargaaramaa yeroon galmeessite garuu ammayyuu riikardii ta'ee jira.
Ammoo rikardii kana irra deebiin kan ishee gochuu akka dandeessu ofitti amanamummaa himti.
''Ammoo nan milkeessa, ani cimeen hojjedha. Naamusaafi fayyaa guutuun Waaqayyoo waliin leenjii kiyya hojjedhee kanan dhufe.
''Irra deebiin riikardii ofitti nan deebisa jedhee abdiin qaba,'' jechuun dubbatte.