'Dorgommii Britain's Got Talent yoo injifanne Yugaandaatti mana guddaa itti ijaarra'

shubbistoota Ghetto Kids

Gartuun ijoollee Yugaandaa Ghetto Kids jedhaman, dorgommii dandeetti UK, Britain's Got Talent irratti sadarkaa dhumaarra ga’uun injifannootti dhiyaataniiru.

Ijoolleen kun shubbisa ajaa’ibaa fi amala bareeda argasiisaniin qalbii daanyota dorgommichaa fi uummataa hawwataniiru.

Kana dura utuu agarsiisa isaanii hin fixin “golden buzzer” argachuun seenaa dorgommichaa keessatti dorgomtoota jalqabaa ta’aniiru.

Sababa kanaanis kallattiin dorgommii walakkaa – xumuraa Roobii gaggeeffame irratti hirmaachuun sagalee uummataa guddaa argatanii, amma dorgommii sadarkaa xumuraa Dilbata gaggeeffamu irratti dorgomtoota hirmaatan 10 keessaa tokko ta’aniiru.

Gartuun ijoollee ja’a kan umurii shanii fi 13 gidduu jiran of keessaa qabate kun, magaalaa gudditti Yugandaa, Kaampaalaa irraa dhufani.

Kaampaalaatti eegduu isaanii fi amma hogganaa isaanii kan ta’e Dawuuda Kavumaatiin mana argatanii kunuunfamu.

Dawuudaan, milkaa’inni isaanii ijoollee biroo haala walfakkaataa keessa jiraatanif jajjabina ni keenna jedhee akka abdatu BBC’tti himeera.

“Hojii keenya kana itti fufuun ijoollee bakka cimaa (getoo) addunyaa keessa jiraataniif, kan carraa hin qabnee fi harka qalleeyyii ta’aniif abdii – isaaniis jireenyatti akka milka’uu danda’an agarsiisu- kennuun baayyee gammadna.”

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qalbii daawwattoota haaraa UK keessatti kan hawwatan Ghetto Kids, dursanii intarneeta irratti bekkamtii guddaa qabachuun, Waancaa Addunyaa Qatar 2022 irratti shubbisa isaanii agarsiisanii turani.

Ta’us miseensa gartuu kan taatee Pirisillaa Zawedee, umurii ganna 13, dorgommii kana injifatanii badhaasa paawondii 250,000 yookaan Birrii miiliyoona 17 ol argachuun – “mana guddaa argachuu” akka ta’e BBC’tti himteetti.

Kaampaalaa keessatti ijoolleen 30 ta’an mana kutaa ciisichaa shan qabu keessa waliin jiraatu.

Aab Dawuudaan Dhaabbata Inspire Ghetto Kids Foundation jedhamu bara 2007 keessa kan hundeesse, magaalaa Kaampaalaa naannaa Makindiyee jedhamu keessa ijoollee daandirra jiraatan kunuunsuufidha.

Mana guddaa qabaachuun ijoollee kunneeniif bakka bal’aa kan kennuu waan ta’eef “abjuudha” jechuun AFP”tti himeera.

Yeroo ammatti galiidhaaf gargaarsa tola ooltotaan kennamuuf, galii viidiyoo miidiyalee hawaasummaa irratti maxxansan irraa argatanii fi kaffaltii agarsiisa adda adda irratti shubbisuun argatan irratti hundaa’a.

Dawuudaaniis jireenya isaa dandiirratti kan eegale yoo ta’u, boodarra namichi tokko yemmu inni kubbaa miillaa taphatu argee mana barumsaa deemuu yoo fedha ta’eef isa gaafateen carraa argate.

“Gartuu kubbaa miillaa isaatti akkan makamu godhee, kaffaltii mana barnootaakoo akkan kaffaluuf na gargaare. Namni kun utuu na hin beekiin nama na gargaaredha.

Kanaaf erga guyyaa sanaatii, yeroon guddadhu anis guyyaa tokko daa’ima tokko nan gargaara jedheen waadaa ofiif seene,” jechuun Dawuudaan BBC’tti himeera.

Boodarra garuu gara muuziqaatti darbee, amma muuziqaan isaa jireenyaa namoota biroo jijjiraa jira.

“Namootni hedduun ijoolleen daandiirra jiraatan… hawaasa keessatti ga’ee hin qaban jedhanii yaadu ture ani garuu faallaa sanan yaade,” jechuun AFP’tti hime.

“Achii: ‘Muuziqaa, shubbisaa fi diraamaa fayyadamuun utuun jireenya harka qalleeyyi geetoo keessa jiraatanii jijjireewoo?’ jedheen yaade,” jedha.

Akraam Muyaanaa, umurii ganna 13, shubbisni yeroo hunda mala ittiin jireenyaa du’a abbaa isaa booda dhufe keessaa ittiin miliqu akka ture BBC’tti himeera.

“Yeroon shubbisu hunda, nan gammada, dhippuun kiyyas ni bada. Harmeenkoo huccuu fi nyaata akka naaf bittuuf maallaqan argadhu isheetti kennuuf manneen amantaa deemee shubbisuun eegale.”

Ijoollee geetoo Dawuudaa keessaa beekkamtii argachuun gartuun kun dhaloota lammataadha.

Dhalooti jalqabaa weellisaa Yugandaa Eedii Keenzoof sirba isaa “Sitya Loss’ jedhamu irratti yemmuu shubbisan argamuun, YouTube irratti daawwattoota miiliyoona hedduu argataniiru.