Sababoota ijoo shan gamoon itti jiguuf

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Gamoon abbaa darbii 12 magaalaa guddoo Keeniyaa, Naayiroobii keessatti ijaarsarra jiru jigee namoota keessa turan balaaf saaxileera.

Yeroo adda addaatti Itoophiyaa dabalatee biyyoota garagaraatti gamoowwan ijaarsarra jiran ni jigu.

Balaan akkanaa yaaddoo guddaadhas. Akka ekispartoonni jedhanitti, sababoonni ijoo shan gamoowwan osoo ijaarsarra jiran jiganiif kunooti.

1. Bu'uura jabaa dhabuu

Gamoo hundee jabaa qabu ijaaruuf baasiin isaa olaanaa ta'uu mala.

Inumaa gatiin kuni baasii gamoo ijaaruuf bahu keessaa walakkaa isaa gahuu danda'a jedhu kana dura BBC'n kan dubbise pirofeesarri siviil injineeringii Antonii Edee jedhaman.

Yeroo gamoo ijaaran waan lama irratti xiyyeeffachuu barbaachisa jedhu; akaakuu biyyoo akkasumas ulfaatina gamoo ijaaramu.

Gaafa lafa bishaan itti baay'aturra gamoo ijaaran of eeggannoon cimuu qaba jedhu.

Haa ta'u malee, kanneen gamoo ijaaran baasii qusachuuf jecha waan kana irra ilaalu.

Lafa raaree qofa osoo hin taane lafa biyyoon ijaarsa utubuuf gargaarurrattillee bu'uurri gamoo ijaaramu jabaa ta'uu qaba jedhu ogeeyyiin.

2. Waan gamoo itti ijaaran qulqullina dhabuu

Yeroo gamoon ijaaramu meeshaaleen ijaarsaaf oolanis qixxuma xiyyeeffannoo barbaadu.

Takka takka sibiila qulqullina hin qabne ta'a. Dhagaafi ashawaanis yoo qulqullina hin qabu ta'e rakkoo uumuuf qooda ofii qaba.

Kana dura gamoon abbaa darbii jaha Ugaandaatti yeroo jige tarii meeshaa qulqullina hin qabneen ijaarame ta'a jedhaniiru aangawaan biyyattii.

Keessumaa kanneen ijaarsa ijaaruuf waliigaltee raawwatan yookiin kontiraaktaroonni baasii qusachuuf jecha waan qulqulluu ta'e bituurraa of qabu.

Kunimmoo, boodarra jigee lubbuun akka darbu qabeenyi guddaas akka manca'u sababa ta'uu mala.

3. Hojjettoonni ni dogongoru

Takka takkammoo osooma galteen qulqullina gamoo ijaaruuf oolu qophaa'ee jiruutii hojjettoonni meeshaa qulqullina hin qabneen walitti maku jedhu qorattoonni.

Kunimmoo kan mudatu yeroo namoonni gamoo ijaarsisan maallaqa qusachuufi baasii isaanii xiqqeessuuf jecha namoota ogummaa sirrii hin qabne qacaranidha.

Gamoo kana dura ugaandaatti jige kan qoratan qorattoonni lama sababi ijoo gamoon suni itti jige namoonni mindeeffaman leenjii gahaa kan hin qabne akka ta'e ibsan.

Namoonni injiinara jechuun of waamu garuu ga'umsaafi hubannoo gahaa gamoo ijaaruuf hin qabnedha jedhu qorattoonni kana dura BBC'n dubbise.

4. Ulfaatinni kan yaadamerraa yeroo caalu

Akka ogeeyyiin jedhanitti, gamoon kan jigu ulfaatinni isaa cimina isaa yeroo caaludha.

Kuni daa'imatti sanduuqa ulfaataa kennuun akka baattu gaafachuun wal fakkaata.

Takka takkammoo bu'uurri gamoofi waan itti ijaarame jabaa osoo ta'ee jiruu faayidaan gamoo sanaa adeemsa keessa jijjiiramuu mala.

Fakkeenyaaf gamoon mana jireenyaaf jalqaba ijaarame boodarra tajaajila biraa ba'aan itti ulfaatuuf ooluu mala.

Yeroo biraammoo darbiin jalqaba ijaaramuuf yaadame boodarra lakkoofsi isaa dabaluu mala. Kunimmoo ulfaatina isaa dabala.

Kana dura waldaan TB Jooshuwaaf Naayijeeriyaatti ijaarame karooraan ala darbiin dabalataa itti ijaaramuufi boodarra jigee namoonni 100 ol lubbuu itti dhabaniiru.

5. Ciminni gamoo hin qoratamu

Wanti biraa ogeeyyiin kaasan immoo ciminni gamoowwanii qoratamuu dhabuu isaati.

Gamoon ijaaramu yeroo yeroon akka qoratamu gaafatu ogeeyyiin.

Seerri akka qoratamu akka gaafatuus yeroo caalu garuu hojiirra ooluu dhabuu isaa kaasu.