Paaraalimpiksii Paaris Itoophiyaan qabxii olaanaa irratti galmeessite

Madda suuraa, Getty Images
- Barreessaa, Ameyu Etana
- Gahee, BBC News Afaan Oromoo
- Maxxanfame
- Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5
Itoophiyaan Paaraalimpiksii Paaris irratti seenaa keessatti qabxii isa olaanaa galmeessite.
Atileetonni afur yoo kan isaan gargaaran waliin lakkaaâame jaha ergamanii medaaliyaan sadii argameera; warqii lamaafi meetii tokko.
Riikardiin Olompikiis atileetiidhuma Itoophiyaan galmaaâeera.
Qabxiin kuni baay'ina warqiin qabxii Olompikiirratti Itoophiyaan galmeessite ni caala.
Paaraalimpiksiin waltajjii ispoortii addunyaa guddicha atileetonni qaama miidhaman irratti hirmaatanidha.
Atileetonni Itoophiyaa Paaraalimpiksii Paaris 2024 irratti sadanuu fageenya 1500m garuu damee garagaraan dorgomani.
Kunneenis hamma tokko ilaaluu kan rakkataniin, qaroo dhabeeyyii kan taâaniifi miidhama qaamaa qabaniin dorgoman.
Atileet Tigist Gazzaahany 1500m T13 jedhamuufi hamma tokko ilaaluu rakkataniin dorgomtee Itoophiyaaf warqii injifatteetti.
Fageenyuma kanaan Paaraalimpiksii Paaris irratti warqii isa injifattes lammeeffatte.
Tigist atileetii Itoophiyaa jalqabaa Paaraalimpiksiirratti biyyaaf warqii argamsiistedhas.
Gama kaaniin damee qaroo dhabeeyyiin itti dorgomaniin nama ishee gargaaru waliin kan fiigde Yaayyash Geexee T11âdhaan medaaliyaa warqii injifatteetti.
Yaayyash warqii qofa osoo hin taane yeroon 4:27:68 itti seente Rikardii Addunyaati.
Akkasumas atileet Yittaayyaal Silashii 1500m T11âdhaan medaaliyaa meetii gonfate.
Itoophiyaan seenaa keessatti medaaliyaa hammanaa Paaraalimpiksiidhaan galmeessitee hin beektu.
Inumaa akka ragaan agarsiisutti Paaraalimpiksiirratti erga hirmaachuu eegaltee waggoota 44 boodadha medaaliyaama tokkollee kan argatte.
Tigist maal jette?
Tigist atileetota Itoophiyaa Paaraalimpiksiin dorgomaniif fakkeenyadha. Nan moâa jettee eegdee turtee? Gaaffii BBCân dhiheesseef ture.
''Hanga fiigicha taâetti mirkana taâun hin dandaâamu. Hanga dandaâu of qopheessen ture.''
Paaraalimpiksii Tookiyoo booda Paaris irrattis warqii lammataa kan injifatte Tigist ââmoâachuu kiyyaan baayâeen gammade,ââ jechuun dubbatte.
Naannoo Amaaraa Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Angolalaafi Xarraatti kan dhalatte Tigist, ALI Bara 2006 ture fiigicha kan eegalte.

Madda suuraa, Getty Images
Gidduutti adda kuttee deebiâuun bara 2009âtti kilabii atileetiksii Dabra Birhaan seenun leenjii ishee itti fufte.
Sadarkaa aanaafi godinatti hirmaachaa milkaaâaa boodarra gara Finfinnee dhufte. Kilaba Omeedilaa seenuun boodarra sadarkaa biyyaatti dorgomuu eegalte.
Baranas Paarisitti warqii lammataa galmeessuun ofiifis biyyaafis injifannoo labsite.
Qabxii 'rakkoo keessatti' galmaa'e
Waan qeâeefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana buâaa
Xumura beeksisaa
Atileetonni Paaraalimpiksii Itoophiyaa haala mijataa keessa dorgomaa hin jirru, osoo deeggarsi jiraate kana caalaa milkoofna jechuun dubbatu.
Fakkeenyaaf Atileet Tigist Gazzaahany kan isheen leenjitu atileetota miidhama hin qabne waliini.
ââKaniin shaakalu kanneen miidhama hin qabnedha. Gudaaf (Atileet Gudaaf Tsaggaay) waliini kaniin shaakalu.ââ
Haa taâu malee, hundi akkana jechuu miti. Isheen fakkeenyaaf isaan waliin leenjiâun akka ishee fayyade dubbatti.
ââMiidhamnikoo gar-tokko waan taâef, hamma tokko ilaaluu waanan dandaâuf namni yoo nabiraa fagaatuu baate arguu hin rakkadhu.
ââTakka takka guggufadhus hiriyyoonni koo waan kana beekaniif na eegu. Na jajjabeessu. Kanaaf rakkoo tokko malee leenjii kiyya hojjetaan jira.
ââDorgommiin gaafa jiraate kanneen miidhama hin qabne dorgomanirratti nan dorgoma,ââ jette.
Rakkoon biraa atileetonni qaama miidhaman eeran hanqina dorgommiiti.
Atileetota Itoophiyaa 1,500m cimoo taâa keessaa tokko Gudaaf Tsaggaayidha.
ââNama wayyoo qabu waliin yeroo hojjettu caalaatti dadammaqxa. Ani isaan waliin dalagee waan baayâeen argadhe.
ââIsaan waliin hojjechuu kiyyaan cimee hojjechuu akkan qabu, akkan nuffuu hin qabne abdii kutachuu hin qabnellee baradheera,ââ jechuun BBCâtti himte.
Atileet Tigist isheen kilaba seentee hojjettus atileetonni qaama miidhaman kaan garuu carraa akka ishee akka hin arganne himti.
ââIspoortiin qaama miidhamaa rakkoo baayâee qaba. Ispoortii keessa qaama miidhamaa gosa garagaraatu jira.
ââIsaan hundu akka kiyya carraa argatanii hojjechuun baayâee ni cima.
''Atileetonni guutummaan guututti miidhama qaamaa qaban akka kiyya bosona keessa kanneen miidhama hin qabne waliin hojjechuu rakkatu.ââ

Madda suuraa, Getty Images
Paaraalimpiksii Landan bara 2012 irratti leenjisaa paaraalimpiksii taâun kan hirmaatan leenjisaa Wandimmuu Qannoo yaada Tigistiin waliigalu.
Itoophiyaa keessatti atileetota qaama miidhamaa ta'anif xiyyeeffannoon kenname xiqqaa taâu himu.
Bakki leenjii, uffati ispoortii isaaniif taâu akkasumas rakkoo bajataas akka qaban itti dhiheenyaan waan hordofaniif akka beekan BBCâtti himani.
Kanaafis rakkoon ijoo ââxiyyeeffannoon qaama miidhamtootaaf kennamu xiqqaa waan taâef ispoortichi Itoophiyaa keessa babalâachuu hin dandeenye,ââ jedhan.
Mootummaan dorgomtoota qaama miidhamaniif osoo ââxiyyeeffannoo maluuf kenneefiââ qabxiin kanarra wayyu akka galmaaâuu dandaâu abdatu.
Atileet Tigistis gama isheen rakkoo jiru akkanaan himti.
ââAtileetonni harka isaan qabee fiigsisu ni barbaachisa. Sababa kanatti kan miidhama hin qabne waliin hojjechuu hin dandaâan.
''Qofaa hojjechuufis leenjisaafi kilabiin isaan gargaaru ni barbaachisa. Kilaboonni Itoophiyaa keessa jiran atileetota miidhama hin qabneef hundaaâani.ââ
Akka Tigist jettutti, yeroo ammaa kilaboonni bakkeewwan muraasa jiran atileetii miidhama qabuufi hin qabne bakka tokkotti qabanii jiru.
Atileetonni qaama miidhaman keessumaa kilaba keessa turanii yeroo bahan kan isaan gargaaruufi simatu waan dhibuuf tokko tokko ââabdii kutatu. Ispoortii qaama miidhamaarratti rakkootu jira,ââ jette.
Kunis ta'u, atileetonni barana rakkoo kana keessa darbanii injifachuu isaaniin qabxiin galmaaâe ââgammachiisaaââ akka taâe dubbatu leenjisaa Wandimmuun.
Itoophiyaa fi Paaraalimpiksii
Itoophiyaan yeroo jalqabaaf Paaraalimpiksii irratti kan hirmaatte Paaraalimpiksii Teel Aviiv bara 1968 dorgomame irrattidha.
Eegasii Paaraalimpiksiirratti kan dorgomte bara 1976 dha. Qofaa isaa kan dorgomees Abirahaam Habtee ture.
Waggoota afur booda 1980âtti Paaraalimpiksii Nezarlaandis dorgomameerratti Itoophiyaa bakka buâee dorgomeera.
Eegasii waggoota dheeraaf Itoophiyaan Paaraalimpiksii gubbaa hin hirmaanne. Paaraalimpiksii Ateens Bara 2004 irratti atileetiin tokko hirmaate.
Paaraalimpiksii Beejing irratti atileetonni Itoophiyaa dorgoman lama taâan.
Atileet Tasfaalam Gabruu Paaraalimpiksii Beejingitti 5000m gosa dorgommii T-46'n dorgomee afraffaa waan xumureef medaaliyaa hin arganne.
Itoophiyaan waltajjii kana irratti yeroo jalqabaaf medaaliyaa kan argatte Paaraalimpiksii Landan Bara 2012 dorgomameerrattidha.
Atileet Wandiyyee Fiqree T46 jedhamuun 1,500m dorgomee meetii injifate.

Madda suuraa, Getty Images
Paaraalimpiksii Riyoo 2016 dorgomameerratti Itoophiyaan atileetota 5 ergite.
Kanneen keessaa Taammiruu Damissee 1,500mân meetii biraa biyyaaf galmeesse.
Itoophiyaan seenaa ishee keessatti Paaraalimpiksiin warqii kan moâatte Paaraalimpiksii Tookiyoorrattidha.
Akkuma duratti ibsame kan warqii biyyaaf injifatte Tigist Gazzaahanyidha.
Akkuma Abbabaa Biqilaan Olompikiirratti warqii jalqabaa injifate, isheenis Tookiyootti injifachuun ofiifis biyyaafis seenaa dalagde.
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad ''Itoophiyaan sitti boonteetti'' jechuun ishee jajan.
Paaraalimpiksii Paaris 2024 dorgomameerrattis Tigist warqii dabalataa fiduun Itoophiyaan qabxii olaanaa akka galmeessitu gumaachiteetti.
Itoophiyaan walumaagala Paaraalimpiksii Paaris irratti warqii lamaafi meetii tokko fiduun biyyoota addunyaa keessaa sadarkaa 44ffaan xumurte.























