Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Biyyoota Galoo Galaanaatti wanti miidiyaa hawaasaarratti maxxansitan hidhaa ykn biyyaa ari'amuu akka hordofsiisu beektuu?
Erga US fi Israa'eel Iraan irratti lola bananii ji'oota lama darbe keessa biyyootni galoo galaanaa namoota miidiyaa hawaasummaa irratti maxxansa qabiyyee nageenya biyyaalessaaf balaa qabu maxxansan jedhaman kaan hidhaniiru kaan biyyaa ar'ianiiruu.
Angaa'onni biyyoota kunneenii seerota duraan turan hojiirra oolchaniiru, seerota haaraa hanga lammummaa namoota akkasii mulquutti gahus baasaniiru.
Baahireen lammummaa namoota 69 erga mulqiteen booda ministirri haajaa alaa biyyattii "Lammummaa Baahireen namoota haala hamaa Iraan keessaa xooxessanii fi qamolee alaa waliin hidhata uumanirraa mulqameera" jechuun ibsan.
Qaamoleen nageenyaa biyyattiis qabiyyeewwan maxxansa miidiyaa hawaasummaa lammiilee akka hordofan bobbaafamaniiru.
Dhaabbileen mirga namoomaa biyya keessaa fi idil addunyaa garuu gochi akkasii mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu lammiilee balaarra buusa jechuun qeeqan.
Baahireenii fi Kuweet keessatti namootni gocha akkasiitiin too'ataman irra hedduun ogummaa walfakkaaturraa kanneen dhufani.
Gaazexeessitoota, dhiibbaa uumtota, falmitoota mirga namoomaa fi lammiilee nagaati.
Himatni namoota kanarratti dhihaates iccitiiwwan biyyaa dabarsani kennuu, oduu sobaa facaasuu, bilbila akka hin malleen fayyadamuufi gochoota biroo nageenya biyyaalessaa balaarra buusani.
Biyyootni galoo galaanaa hedduun haleellaa Iraan daangaa isaanii keessatti raawwattu namootni viidiyoo akka hin waraabnee fi hin maxxansine akeekkachiisa kennaa turan.
Maatiin namoota Sababa Kanaan Baahireenii fi Kuweet keessatti hidhamanii namoota hidhaman kanaaf murtii haqa qabeessi kennamuu dhiisuu mala akkasumas lammummaan isaanii mulqamuu mala yaaddoo jedhu qabu.
Yaaddoon isaanii kuni seera haaraa Kuweet keessatti labsamee fi Baahireen keessatti ammoo wixinamaa jirurraa madda.
Aktiivistiin biyya Kuweet kan BBCtti dubbatee fi yaaddoo nageenyaaf maqaan isaa akka ibsamu hin barbaanne, angaa'onni biyyattii yeroo waraanaa kanatti seera haaraa kan qabiyyeewwan maxxanfaman too'atu hojiirra oolchaa jiraachuu hime.
Tarkaanfiwwan kunneen keessaas iddoowwan sakatta'aatti qaamoleen nageenyaa bilbila namootaa banuun, ergaawwan, suuraa fi sagalee bilbila keessaa sakatta'uu akka dabalatu hima.
Kuweet gaazexeessaa Shihaab Eldiin Gadhiiste
Hidhaa torbeewwanii booda Kuweet ji'a Eblaa bara 2026 namoota miidiyaa hawaasummaa seeran ala fayyadamaniiru jette 135 irratti murtiin kennameera.
Isaan keessaa namootni 17 hidhaa waggaa sadii, namni tokko ammoo bakka dhadhacha irratti hin dhihaannetti hidhaa waggaa 10 akka adabamu murteessite.
Manni murtii namootni 109 bilisaan akka gadhiifaman garuu qabiyyee miidiyaa hawaasummaa irratti maxxansan akka kaasan itti mure.
Namoota bilisa jedhamanii gadhiifaman keessaa Gaazexeessaan lammummaa Ameerikaa fi Kuweet qabu, Ahmed Shihaab Eldiin kan maatii isaa daawwachuuf deemee Kuweet keessatti hidhame isa tokko.
Inni gaazexeessaa kitaaba barreessuun badhaafame yoo ta'u miidiyaalee idil addunyaa hedduu keessattis gumaacha hojii qaba.
Himata odeeffannoo sobaa facaasuu, nageenya biyyaalessaa miidhuu fi bilbila seeran ala fayyadamuu jedhutu irratti dhihaatee ture.
Gaazexeessaan kuni hidhaa guyyoota 52 booda bilisa jedhamuun kan gadhiifame.
Sodaa lammummaan mulqamuu
Ji'a Bitootessaa darbe keessa Kuweet seera haaraa kan 'ergaawwan raayyaa ittisaa biyyatti gadi qabuu fi amantaa uummanni irraa qabu akka hir'atu godhu miidiyaa hawaasummaa irratti maxxanse hidhaa waggaa sadii hanga kudhanii fi adabbii maallaqaa Doolaara 16,250 hanga doolaara 32,500 gahuun adabsiisu ifoomsite.
Kana malees mootummaan biyyattii dhimma nageenya biyyaalessaa fi farra shororkeessummaa kan ilaalu mana murtii addaa akka hundeesses himeera.
Aminestii Internaashinaal Irraa Mahamud Shalab akka jedhutti, seerri biyyattiin baste kuni hojii gaazexeessummaa irratti danqaa guddaa kan uumu jechuun ibse.
BBC,n fira namoota erga lolli US fi Israa'eel Iraan irratti bananii asitti Kuweet keessatti hidhamanii dubbiseera.
Akka isaan jedhaniti hidhaan kan dhufu maxxansawwan miidiyaa hawaasummaatiin yoo ta'u, qabiyyeewwan akkkasii qooduu fi jaalachuu, akkasumas kanneen du'a Kaameeniitiin gadda ibsatanilleen hammata.
Lammiin Kuweet kan enyummaan isaa akka hin ibsamne gaafate, namoota Sababa Kanaan hidhaman irra hedduun kan hawaasa Shiitee jedhamanirraa ta'ani.
Akka namni kuni jedhutti kanneen gocha akkanaatiin shakkaman dubartoota ulfaa dabalatee gara mana hidhaa giddugaleessaa Kuweetitti geeffamaniiru.
Abbootiin seeraa Kuweet hidhamtoota keessaa kaan lammummaan isaanii irraa mulqamuu akka malu erga ibsaniin booda maatiin namoota hidhamanii yaadda'aniiru.
Akka seera haaraa bahe kana keewwata 13 jalatti tumametti, lammummaan mulqamuu kan danda'u, yakkoota nageenya biyyaalessaa waliin walqabatanii fi waaqaa fi hoggana amantaa irratti qoosuu fi sirana siyaasaa fi dinagdee biyyattii irratti balaa geessisuun dhimmoota walqabatani.
Keewwatni 14 ammoo yeroo Kuweet biyya biraa waliin waraana keessa jirtu namni motummaa biyya biraa waliin hojjetee fi hariiroo siyaasaa uume lammummaan akka irraa mulqamu hima.
BBC'n waa'ee hidhaa fi himatawwan mootummaa biyyattii irratti dhihaachaa jiru kanarratti gaafachuuf angaa'ota biyyattii qunnamuuf yaalulleen deebii hin arganne.
Baahireen lammummaa namoota 69 mulqite
Haalli hidhaa Biyya Kuweet keessaas kan baahireeniin walfakkeenya kan qabu.
Akka Aminestii Internaashinaal jedhutti namootni biyyoota lamaan keessatti hidhaman mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu waan fayyadamaniif himatni odeeffannoo sobaa facaasuu fi miidiyaa hawaasummaa karaa hin mallee fayyadamuu jedhu irratti dhihaate.
dhaabbatichatti qorataa Baha Giddu galeessaa fi Kaaba Afrikaa kan ta'an, Mahamud Shalabi, adeemsa seeraa irrattiis yaaddoo guddatu jira jedhu.
"Baahireen keessatti namootni hidhaman kaan mirga gorsaa seeraa isaanii qunnamuu dhorkamaniiru. Kuweet keessatti ammoo mirgi ol iyyannoo cufameera" jedhan.
Ministiri Biyya keessaa Baahireen ibsa Eebla 27 baaseen Sababa 'Haalaa fi gocha Iraan xooxessuu fi dhaadhessuu fi qaamolee alaa waliin qunnamtii uuman' jechuun lammummaan namoota 69 mulqamuu ifoomse.
Kanneen lammummaan isaanii mulqame kuni hundi isaanituummoo hundeen isaanii Baahireen kanneen hin taanedha.
Ministirichi akka jedhanitti, tarkaanfiin kuni kan fudhatame kallattii hogganaan olaanaan biyyattii, Mootii Hamad Bin Isa Kalifaa kennanii fi seera biyyaalessaa baahireen keewwata 10 bu'uureffachuuni.
Baahireen, namootni kan too'ataman gocha yakkaatini jette
Akka Humaan Raayit Wach jedhutti, Baahireen erga lolli kuni eegalee kaasee gochoota ukkaamsaa raawwachaa jirti. Gochoonni kunis mormii nagaa qabeessaa, yaadota lola mormanii fi miidiyaa hawaasummaa irratti yaada ofii ibsuu kanneen ilaallatani jedhe.
Aktiivistiin Baahireen tokko BBCti akka himetti erga lolli kuni eegalee namootni 304 dubartootafi lammiilee alaa dabalatee hidhamaniiru. Kana keessaa kaan biyya irraa dhufanitti deebifamaniiru kaan ammoo mana murtii dhihaachaa jiru.
BBC'n lakkoofsa namoota hidhaman jedhamee kana angaa'ota Baahireen irraa qulqulleffachuuf yaalus hin milkoofne.
Aktiivistoonni hidhaan biyyattii keessatti deemaa jiru itti fayyadama miidiyaa hawaasummaa waliin kan walqabatu ta'uu himanilleen angaa'onni Bahireen garuu hidhaan kuni kallattiidhaan gochoota Yakkaa qofa waliin kan walqabatu jedhan.
Dubbi Himaan Mootummaa Baahireen akka jedhanitti, adeemsa nagaa fi tasgabbii biyyaa eegsisuu taasifamaa jiruun, namootni seera yakkaa Baahireen cabsuun shakkaman muraasni too'atamaniiru jedhan.
Gochoonni kunis mootummoota alaa, Iraanii fi gareewwan shororkeessitootaa akka hummna eegduu Warraaqsa Iraan fa'a waliin kanneen qunnamtii godhani.
Kana malees miidiyaa hawaasummaa irratti odeeffannoowwan sobaa fi dogogorsiisaa facaasuu, kanneen qabiyyee dhaamsa garee Iraan deeggaru ofkeessaa qabu goodan hammata.
Biyyootni galoo galaanaa hedduunis namoota gocha haleellaa Iraan arbeessanii dhiheessuu fi seera biyyaalessaa biyyattii cabsan jedhan hidhuu jalqabaniru.
Kanneen hidhaman irra hedduun garee Eegduu Warraaqsaa Iraan waliin hariiroo qabu yoo jedhaman, kaan ammoo Garee Hizboollaa Libaanoos jiru waliin hidhata qabu jedhamuuni.