Taphattoota ciccimoo Afrikaa torba kan Waancaa Addunyaa 2026 irratti akkaan eegaman

Madda suuraa, Getty Images
Yeroo jalqabaatiif ardiin Afrikaa Waancaa Addunyaa guyyoota muraasa booda eegalurratti biyyoota 10nin bakka bu'uun hirmaatti.
Taphattoonni ciccimoon biyyoota 48's waancaa fudhachuuf morkatu.
Waancaa Addunyaa darberratti biyyi Afrikaa Kaabaa, Morookoon hanga walakkaa maayiitti dorgommicha keessa turuun biyya Afrikaa ishee jalqabaa ta'uu dandeessee turte.
Bara kana immoo Keep Veerdeen yeroo jalqabaatiif dorgomicharratti hirmaatti. Ripablikni Dimokiraatawaa Koongoo immoo bara 1974 booda yeroo jalqabaaf gara dorgomichaatti deebiteerti.
BBC Sport Africa, taphattoota ciccimoo Afrikaa torba kan Waancaa Addunyaa US, meeksikoo fi Kaanaadaatti adeemsifamurratti qalbeeffatamuu qaban adda baasee jira.
Antoonii Semeniyoo (Gaanaa)
Jifataan magaalaa Landanitti dhalatefi Maanchistar Siitiif taphatu kun Waancaa Pirimerliigii Ingiliizin kaasuuf milkaa'uu baatus, galchiin tapha xummuraa waancaa FA Cup irratti Chelsiirratti lakkoofsise gareensaa waancaa FA Cup akka fudhatu taasiseera.
Dargaggeessi waggaa 26 Semeniyoon, dorgommii Pirimerliigii Ingiliz dhiyoo xummuramerratti galchiiwwan 17 lakkoofsisuun bara milkaa'aa dabarseera. Kana keessaa galchiiwwan 7 ji'a Amajjii darbe Maanchistar Siitiif taphachuu erga eegalee as lakkoofsise.
Keessattuu miseensi garee biyyaalessaa Gaanaa fi taphataan Totinhaam Mahaammad Kudus miidhamarra kan jiru ta'uusaatiin, Semeniyoon taphataa Gaanaan abdii guddaa irra kaayyatte akka ta'u taasiseera.
Semeniyoon Waancaa Addunyaa bara 2022 irratti hirmaatus yeroosaa irra guddaa barcuma jijjiirraa irratti dabarse. Biyyisaa Gaanaanis tapha marsaa garee bira darbuu dadhabdee battalatti dorgommichaan ala taate.
Kana malees maqaa Urjiiwwan Gurraacha jedhuun kan beekamu gareen biyyaalessaa kubbaa miilaa Gaanaa, Waancaa Afrikaa 2025 irratti hin hirmaanne.
Kanaafis Semeniyoon tapha guddaarratti galchiisaa jalqabaa lakkoofsisuuf Waancaa Addunyaa 2026 eeggachaa jira.
Gaanaan Inglaand, Kiro'eshiyaa fi Paanaamaa waliin Garee L keessatti argamti.
Yaan Diyomaandee (Ayivoorii Koost)

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bara 2014 booda yeroo jalqabaatiif Waancaa Addunyaatti kan deebi'e gareen biyyaalessaa Ayivoorii Koost, taphataa dargaggeessa cimaa Bundasliigaa Jarman qabatee dorgommicharratti hirmaata.
Taphataan ganna 19 Yaan Diyomaande, gareesaa Bundasliigaa Jarman, RB Leipzigiif galchiiwwan 12 lakkoofsisee, kubbaawwan galchii ta'an 8 mijeessuun dinqisiifannaa argateera.
Haaluma kanaan taphataan kun RB Leipzig, Bundasliigaa Jarman sadarkaa sadaffaan akka xummurufi dorgommii Chaampiyens Liigii bara itti aanuu akka hirmaatuuf qooda guddaa bahateera.
Kanarraa ka'uunis kaffaltii maallaqa guddaan gara Livarpuul yookiin Cheelsiitti jijjiiramuu akka danda'u haasa'amaa jira.
Dandeettiin Yaan Diyaamondeen kubbaa qabatanii fiiguufi taphattoota garee faallaa bira darbuun qabu, Bundasliigaa Jarman keessatti jifataa sodaatamu akka ta'u isa taasiseera.
Kanaafis Ayivoori Koost waliin Garee E keessatti kan argamtu Jarmaniin dandeettii taphatichaa haalaan beekti. Dabalataan Ikuwaador fi Kuraasaawo biyyoota garicha keessatti ramadamanidha.
Ronwen Williyaams (Afrikaa Kibbaa)
Afrikaan Kibbaa bara 2010 dorgommii Waancaa Addunyaa erga kessummeessitee booda yeroo jalqabaaf bara kana dorgommicharratti hirmaachuuf jirti.
Biyyattiin kanaan dura Waancaa Addunyaarratti gulaallii mo'anii darbuutti dabartee hinbeektu. Kanaafis warri Baafaanaa Baafaanaa bara kana marsaa mo'anii darbuutti makamuuf morkatu.
Taphattoota garee biyyaalessaa Afrikaa Kibbaaf bu'uura ta'an keessaa tokko immoo karra eegaafi dursaa garee kan ta'e Ronwen Wiliyaamsi.
Taphataan kilaba Maamelodi Sandaawuns kun, tapha nuusa maayii Waancaa Afrikaa 2023, Afrikaan Kibbaa Keep Veerdee waliin taasifterratti rukkuttaa peenaaliitii afur oolchuun raajii hojjeteera.
Ga'eessi waggaa 34 Ronwen Wiliyaams, dursaa garee ta'uusaatiin gammadaa yemmuu ta'u, muuxxannoo tapha gurguddaas kuufateera. Dhiyeena kanas gareesaa Maamelodi Sandaawuns waliin waancaa Chaampiyens Liigii Afrikaa injifateera.
Waancaa Addunyaa 2026'n Afrikaan Kibbaa tapha marsaa gareen biyyoota dorgomicha keessummeessan keessaa tokko kan taate Meeksikoo dabalatee Cheek Ripablik fi Kooriyaa Kibbaa waliin morkatti.
Robeertoo 'Pikoo' Loopez

Madda suuraa, Getty Images
Taphataan sarara ittisaa garee biyyaalessaa Keep Veerdee, Robeertoo 'Piko' Loopez, waggoota muraasa darban keessa garee biyyaalessaa biyyattiif taphataa ijoo ture.
Biyyattiin Waancaa Afrikaa 2023 irratti garee dhumaa 8 (nuusa maayii) keessa seentee turte. Kana malees biyyi xiqqoon tun Kaamerun dursuun Waancaa Addunyaa bara kanaaf dabarte.
Ayeerlaand magaalaa Dablin keessatti kan dhalatefi loqoda Ayirish dubbachuun kan beekamu taphataan ganna 33 Loopez, bara 2019 ture yeroo jalqabaaf biyyasaaf hiriiruun kan taphate.
Tapha tokkoon ala taphoota gulaallii Waancaa Addunyaa hunda kan hirmaate taphatichi, biyyisaa Keep Veerdeen yeroo jalqabaaf dorgommii Waancaa Addunyaaf akka dabartu gumaachera.
Keep Veerdeen tapha marsaa gareen Ispeen, Yuraaguwaay fi Saawudi Arabiyaa waliin kan ramadamte yemmuu ta'u, muuxxannoon Loopez sarara ittisaarratti qabu biyyasaa akkaan akka fayyadu eegama.
Biraahim Diyaaz (Morookoo)
Taphataan gameessi Morookoo, Biraahim Diyaaz galchiiwwan lakkoofsisuufi kubbaawwan galchiif ta'an mijeessuun beekama.
Taphataan sarara gidduu Riyaal Maadridiif taphatu kun Waancaa Afrikaa 2025 irratti biyyasaa Morookoof galchiiwwan shan lakkoofsisuun biyyisaa tapha waancaaf akka dhaqqabdu taasiseera.
Haata'u malee, taphataan ganna 26 kun tapha waancaarratti rukkuttaa peenaaliitii paanenkaan galchuuf yaalee karra eegaan Senegaal Eduwaard Meendiin salphumatti jalaa fashaleesse.
Biraahim Diyaaz peenaalitiinsaa kan fashalaa'e gareen Senegaal murtee peenaaliitii mormuun dirreen ala bahee peenaaliiticha rukkutuuf daqiiqaawwaniif eeguuf erga dirqameen booda ture.
Boodarras Senegaal galchii 1 fi 0'n Morookoo injifachuun Waancaa Afrikaa 2025 kan fudhatte yemmuu ta'u, booda keessa boordiin iyyannoo Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa waancichi Morookoof akka kennamu murteesse.
Senegaal gama isheetiin dhimmicha battalatti gara Mana Murtii Araaraa Ispoortiitti geessiteerti.
Haa ta'u malee Waancaan Addunyaan kun, bara 2024 yeroo jalqabaaf Morookoof hiriiree kan taphate Biraahim Diyaazif carraa muddannoo badaa bara 2025 ittiin dagatu akka kennuuf abdatameera.
Dorgommichaan Leenconni Atilaas Garee C keessatti kan ramadaman yemmuu ta'u, Biraazil, Iskootilaand fi Heeyiti waliin morkatu.
Ismaa'ilaa Sarr (Senegaal)

Madda suuraa, Getty Images
Taphataan ganna 28 Ismaa'ilaa Sarr, Pirimerliigii Ingiliz keessatti bara milkaa'aa kan dabarse yemmuu ta'u, gareesaa Kiristaal Paalaasiif galchiiwwan 21 lakkoofsiseera.
Galchiiwwan kunneen keessaa sagal taphoota Konfarans Liigii irratti lakkoofsise. Kanaanis kilabnisaa waancaa sadarkaa Awurooppaa yeroo jalqabaaf akka argatu gargaarera.
Taphatichi Waancaa Addunyaa darban lama irratti kan taphate yemmuu ta'u, bara kanas taphattoota ijoo Senegaal keessaa tokko ta'uun hirmaata.
Dorgommichaan Senegaal Garee I keessatti kan ramadamte yemmuu ta'u, tapha marsaa gareen Faransaay, Norwey fi Iraaq waliin morkatti.
Gama biraatiin Waancaa Addunyaa bara 2002 irratti Senegaal Faransaayin 1 fi 0 injifachuun nuusa maayiif dabartee turte. Sarris dandeettii kilabasaa keessatti agarsiise Waancaa Addunyaarratti mul'isuun Senegaal seenaa Faransaay irratti galmeessifte irra deebi'uuf abdatteerti.
Omaar Maarmush (Masirii)

Madda suuraa, Getty Images
Bara darbe keessa kilaba Ayintiraakt Firaankifart irraa doolaaraa miliyona 79.5'niin kan bitame taphataan ganna 27 Omaar Maarmush, dandeettiin Maanchistar Siitii keessatti agarsiise hanga maallaqa itti bahee miti jedhama.
Haata'u malee, Siitiin bara kana keessa waancaawwan Liig Kaap fi FA Kaap akka fudhatuuf gumaachera.
Bara Pirimerliigii darbe 2025-2026 keessa taphoota 8 qofarratti hiriira jalqabaa keessa seenuu kan danda'e Maarmush, biyyasaa Masiriif garuu taphattoota tarree jalqabaarra eeraman keessaa tokko.
Taphatichi Waancaa Afrikaa 2025 irratti biyyasaaf galchiiwwan lama kan lakkoofsise yemmuu ta'u, Waancaa Addunyaa kanarrattis dandeettiisaa cimsuun taphachuuf eeggachaa jira.
Dursaan garee Ijipt, Mahaammad Saalaan reefu miidhamarraa kan deebi'e ta'uusaatinis leenjisaan garee biyyaalessaa biyyattii Hosaam Hasan, Omaar Maarmush irraa waan guddaa eegu.












