Haati warraa Artist Haacaaluu Hundeessaa waa'ee badhaasa 'Hachalu Award' baranaa maal jette?

Madda suuraa, Hachalu Hundessa(fb)
Badhaasni Haacaaluu 'Hachalu Award' jedhamuun wagga waggaan gama indaastirrii aartiin kennamu gaafa Waxabajji 22 bara 2026 akka kennamu ibsame.
Haacaaluu Hundeessaa erga ajjeefamee waggaa jaha guutaa jira. Badhaasni Haacaaluu ammoo marsaa shanaffaaf kennama.
Badhaasicha kan qopheessu Faawondeeshinii Haacaaluu Hundeessaa yoo tahu wagga waggaan sirboota wal dorgomsiisuun badhaasa.
Haati warraa Haacaaluu Hundeessaa Aadde Faantuu Dammisee akka jettetti badhaasichi damee 11'n kennama.
Sirboonni wal dorgomsiisan kanneen Bitootessa 22 bara 2017 hanga Bitootessa 21 bara 2018 bahan akka tahes Aadde Faantuun himteetti.
Albama waggaa, weellisaa cimaa/cimtuu, qindeessaa sirbota amayyaa fi aadaa kanneen badhaasicha keessatti hammataman keessaati.
''Badhaasicha kan adda godhu Hacaaluun yeroo lubbuun jiru namoota dagataman yaadachuu waan jaalatuuf badhaasa umurii guutuu of keessaa qaba'' jette Aadde Faantuun.
Calallii badhaasichaaf sirboota 250 walitti qabamuu kan himte Aadde Faantuun calalamanii abbootii seeraaf kennamu jette.
Calalliin isaas marsaa lama qaba. Damee isaa adda adda baasuun abbootii seeraa isaan ilaallatuuf kennama jette.
Abbootiin seeraa damee tokko keessa jiran nama shanii haga torbaa tahu jette.
''Sirboonni calalamanii warri jalqabaa 10 adda bahu. Sana booda ammoo abbootiin seeraa calalanii warra jalqabaa shan adda baasu.''
''Sana booda ammoo uummanni akka sagalee kennaniif uummataaf dhiyaata. Sagaleen uummataa %10 kan qabatu yoo tahu kaan abbootii seeraan qabxiin kan kennamu taha,'' jette Aadde Faantuun.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Aadde Faantuun turtii BBC waliin taasifte irratti Faawondeeshiniin Haacaaluu hojiilee misoomaa adda addaa irratti bobba'us hanqinni baajataa mudachuu himte.
''Faawondeeshinii yeroo jedhamu waanuma qarshii irraa hafee jiru itti fakkaata garuu uummata waliin itti fufna,'' jette.
Waggaa sadan kana bishaan dhugaatii Boorana keessatti hojjechuu kan himte Aadde Faantuun ''ergasaii rakkoo baajataan pirojeektota kaan jalqabuu hin dandeenye,'' jette.
''Namni Haacaaluu jaalatu osoo waa gumaachee kaayyoo jalqabneef galmaan geenya,'' jette.
Dabalataan barattoota 60 gargaaran akka qaban kan himte Aadde Faantuun guyyaatti Birrii tokko deeggaruun faawondeshinicha cina akka dhaabbatan dubbatte.
Siidaan Haacaaluu Hundeessaa magaalaa Finfinnee keessatti ijaaramuun dhiyeenya eebbifameera.
Aadde Faantuun ''ijaaramuun isaa gaariidha. Haacaaluun siidaadhaan qofa hin yaadatamu, waan baay'eedhaan yaadatama. Dubbatanii hojjechuu isaanii gaariidha'' jette.
Aadde Faantuun erga Haacaaluun ajjeefamee uffata gaddaa ofirraa baastee hin beektu.
''Waanan eegun qaba, waanan eegu sun naaf tahe taanaan.....namni dhaabbatee hin hafu. Garuu akkatti inni du'e hunda keenyatu beeka, dhugaan isaa ammoo nuuf hin galle. Dhugaa Hacee ani nama irraa hin eegu. Gaafa dhugaan isaa nuuf gale nan baasa tahee hin baasu tahee har'a irra taa'ee dubbachuu hin danda'u,'' jette.
Mootummaan Itoophiyaa dhimmi ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa mana murtiidhaan deebii argateera jedha.
Yakka ajjeechaa artistichaan namoota himataman irrattis bara 2021 murteen darbeera.
Ajjeecha Weellisaa Haacaaluu Hundeessaatiin kan himatame Xilahun Yaamii hidhaa umrii guutuun akka adabamu, Manni Murtii Olaanaa Federaalaa murteesseera.
Manni murtichaa himatamtoota sadeen; Xilaahun Yaamii, Kabbada Gammachuufi Abdi Alamaayyahu irratti murtee adabbii kan dabarse Hagayya 03, 2021 dhaddacha ooleeni.
Himatamaa lammaffaan Kabbadaa Gammachuu hidhaa Cimaa waggaa 18 yoo adabamu, himatamaa sadaffaa Abdii Alamaayyoo ammoo hidhaa salphaa ji'a jahaa itti murtaa'ee ture.
Weellisaa beekamaan Oromoo Haacaaluu Hundeessaa ALA Waxabajjii 29, 2020 (ALI Waxabajjii 22, 2012) galgala sa'a 3:30 irratti Magaalaa Finfinneetti ''rasaasaan rukutamee ajjeefamuu'' poolisiin ibsee ture.












