Kopheen 'baalarra salphatu' atileetonni riikardii addunyaa ittiin cabsan maali?

Atileet Tigist kophee ittiin fiigdu qabattee

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Atileet Tigist Maaraatoonii Landan walitti aansuun si'a lamaaf, riikardiis cabsuun mo'atte
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Atileetiin Keeniyaa Sebastiyaan Saawe torban darbe ''dhimma yerooti malee'' rikardii addunyaa akka cabsu yoo dubbatu kuni Landanitti ta'a jedhee namni yaadne muraasadha.

Haa ta'u malee, 1:59:30'n xumuruun nama jalqabaa maaraatoonii sa'aatii lamaa gadi xumure ta'e.

Atileetiin Itoophiyaa Yoomiif Qajeelchaanillee yeroo duraaf maaraatoonii fiigee 1:59:40'n xumuruun nama lammaffaa ta'e.

Dorgommii dubartootaan atileetiin Itoophiyaa Tigist Asaffaa dorgommicha 2:15:41'n xumuruun riikardii addunyaa dubartootaan qofa ishumaan qabame cabsiteetti.

Amma gaaffiin ijoo sadanuu akkamiin riikadii cabsan kan jedhudha.

Namoonni baay'ee deebiin isaa kophee godhatanidha jedhu.

Kopheen godhatan maali?

Atileetonni sadanuu modeela kophee Adidaas 'Adizero Adios Pro Evo 3' jedhamu uffatan.

Kopheen kuni dorgommiin maaraatoonii Landan adeemsifamuu guyyaa lama dursee ifa ta'e.

Kopheen kuni yeroo sadaffaaf fooyya'ee kan qophaa'e yoo ta'u dhaabbanni Adidaas kophee kana qopheessuuf Saawee, Yoomiif fi Tigist waliin waggoota sadan darban dalageera.

Saaween kopheen kuni kophee hanga ammaa godhate keessaa hawwataa ta'uufi ''salphaa'' ta'uu dubbachuun Adidaas galateeffate.

Kophee kana maaltu adda godha?

Kopheen kuni 99gm ulfaata. Kopheen kuni 'kophee addaa' jalqabaa ulfaatinni isaa 100gm gadi ta'edha.

Kana jechuun ulfaatinni isaa hanga muuzii yookiin citaa saamunaa gaha jechuudha.

Waggoota dhiheenya kana kopheewwan ammayyaa oomishaman riikardiin maaraatoonii akka galmaa'u gargaaraniiru.

Kopheewwan kana duraa sooliin isaanii gidduu kaarboniirraa qophaa'e. Kuni garuu teknolojii kaarbonii naannawa soolii gidduutti maramu fayyadama.

Kuni ulfaatina haalaan hir'isa.

Dhaabbata Adidaasitti Pirezidantiin I/Aanaa fiigichaa, Paatirik Naavaa, adeemsi kuni dheeraa ta'u dubbatu.

Namoota dhuunfaan fiiganif gatiin isaa ni cima.

Ji'oota muraasa booda gatiin kophee kanaa tokkichi isaa gabaarratti paawundii 450 ni ta'a jedhameera.

Adidaas Naayikii caalaa jiraa?

Bara 2019 yeroo atileetiin Keeniyaa Kipchogeen kophee Naayikii 'Alphaflys' jedhamu godhatee dorgommii offishaala hin taaneen sa'aatii lamaa gadi seenu, gabaan dhaabbata Ameerikaa kanaa akkaan guddate.

Beekamtiifi maqaan isaa kunimmoo bara 2023 Kelvin Kiptum kophee Naayikii 'Alphafly 3s' uffachuun riikordii addunyaa duraanii Chikaagootti yeroo galmeessu ittuu cimee guddate.

Garuu, akkuma dorgommii dorgommiin gabaas inuma jira.

Sebaastiyaan Saawe

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Atileetiin Keeniyaa Sebaastiwaan Saawe maaraatoonii sa'aatii lamaan gadi seenuun atileetii jalqabaa ta'e

Amma dhaabbati Adidaas dhiiraafi dubartiin atileetonni saffisaan maaraatoonii xumuran kophee isaa waan godhatanif gabaan isaa ni guddata.

Garuu, dorgommiin isaan gidduu qofa miti.

Dorgomtoonni biraandiiwwan kanneen akka Asics, Saucony, Hoka, Brooks, fi New Balance godhatandorgommii maaraatoonii Landan irratti mul'ataniiru.

''Akkan yaadutti hundi keenya ispoortii jaalanna. Kanaafuu, yeroo hundaa wal dorgomuufi mo'uf yaadun numa jira,'' jedha Naavaan waa'ee biraandiiwwan garagaraa wal dorgomuu isaanii eeruun.

''Garuu atileetonni ga'umsa isaanii cimaarratti akka argaman barbaanna. Atileetonni akka mo'an barbaanna.''

Garuu, kophee qofaadhaa?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waggoota 20 darban guddinni saayinsii ispoortii saffisaan dabale kophee dorgommii ittiin fiiganis fooyyesseera.

Yeroo kamuu caalaa karaatti humna horataniifi sadarkaa gilaaykojinii dabaluu dandeenyurra geenyeerra.

Fakkeenyaaf Saawee ilaalchisuun gareen qorattootaa dhaabbata niwtirishinii ispoortii Maurten irraa dhufan ji'oota 12'n darban guyyoota 32'f isa waliin turan.

Gareen hydrogels irratti hubannoo olaanaa qabu sa'aatii tokko keessatti osoo hin mukaa'in kaarbohaayidireetii 90-120gm akka fudhatu leenjisaa turan.

Hamma gilaaykojin ol guddisaa qaamni cooma qaama keessa qaburra humna horachuuf kaarbohaayidireetii fayyadamuu eegala.

Yeroo atileetiin tokko sa'aatii guddaa galmeessu shakkiin numa uumama.

Atileetiin Keeniyaa bara 2024 Maaraatoonii Chikaagoo sa'aatii riikardii addunyaa ta'e 2:09:56'n kan mo'attee turte, Ruut Cheepingetich, bara 2025 sababa qoricha hadoochu fayyadamteef waggaa sadiif adabamteetti.

Sababa kanaaf Saaweefi Adidaas dhaabbati 'Athletics Integrity Unit' jedhamu qorannoo farra qoricha nama hadoochu akka baay'isan taasisaniiru.

Bara 2025 Adida qorannoon Saawee akka baay'atu gochuuf $50,000 kaffaleera.