Booranatti suuraa daa'ima tibbana miidiyaa hawaasarratti qoodamee ijoo dubbii ta'e duuba waan jiru

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Tibba kana suuraan daa'ima xiqqaa tokko mana keessatti itti cufamee qaawaa balbalaa jalaan muldhatu miidiyaa hawaasaa irratti bal'inaan qoodamaa ture.

Akka suuraa sanarraa mul'atutti daa'imni xiqqaan sun huccuu tokko malee qofaa isaa manicha keessa mul'ata. Akka qaawa sana jalaan hin baanefis dhagaadhan itti cufamee ture.

Taateen sun Godina Booranaa Bahaa, Magaalaa Nageellee Booranaa, bakka addaa Gabaa Loonii jedhamutti raawwatamuu BBC'n odeeffateera.

Daa'ima kana maaltu mana qofaa keessatti itti cufamee akka ooluuf saaxile ?, Amma hoo haala akkamii keessa jira?

BBC'n itti gaafatamtuu waajjira dhimma dubartootaa fi daa'immanii godina Boorana Bahaa addee Shukkee Godaanaa gaafateera.

Akka aaddee Shukkeen jedhanitti daa'imni xiqqaan kun maqaan Abdulselaam Abdallaa kan jedhamu yoo ta'u umuriin isaas waggaa sadii.

Suuraa miidiyaa hawaasaa irratti qoodamaa tures nama karaa deemutu argee kaasee jedhu.

''Namni karaa sanarra darbaa ture suuraa daa'imichaa kaasee miidiyaa hawaasaa irratti maxxansuun booda, odeeffannoon waajjira dhimma dubartootaa fi daa'immanii gahe.

Nutis erga odeeffannoon kun nu gahee waajjira poolisii fi bulchiinsa magaalaa waliin ta'uun dafnee tarkaanfii hatattamaa fudhanne'' jechuun himu.

Akka Addee Shukkeen jedhanitti abbaa daa'ima sanaa to'annoo poolisii jala oolchuun, maalif daa'imasaa bakka sanatti mana ona keessatti hidhee biraa akka deemee qoratan.

Qorannoo isaanitinis abbaan daa'imichaa harka qal'eessa ta'uufii hojii waardiyyummaan akka isaa fi mucaa isaa kana jiraachisa akka ture.

Haati daa'imichaa immoo rakkoo fayyaa sammuu qabaachuu fi daa'ima kana kunuunsuuf nama biraa akka hin qabne hubachuu himan.

''Abbaan daa'ima kanaa Kolleejii Saayinsii Fayyaa Nageellee Booranaa keessatti waardiyyummaa hojjechaa jira. Firas ta'ee ollaa daa'ima kana bira kaawwatee deemu waan hin qabneef akka jalaa hin banneef itti cufee hojii oolee galgala akka itti galu nutti hime'' jedhu aaddee Shukkeen.

Haa ta'uu malee of bira oolchuullee utuu danda'uu daa'ima kana haala kanaan rakkoof saaxiluun yakka ta'uu fi gocha akkasitti akka hin deebineef mallatteessee mana hidhaatii bahuu eeran.

Haati daa'ima sanaammoo rakkoo fayyaa sammuu qabaachuu fi erga wagga lama dura manaa bahanii eessa akka jiran odeeffannoon qulqullaa'e akka hin jirres dubbatan.

Amma haala akkamirra jira?

Akka itti gaafatamtuu waajjira dhimma dubartootaa fi daa'immanii godina Boorana Bahaa addee Shukkee Godaanaa jedhanitti amma daa'imni sun haala gaarii irratti argama.

Qorannoo fayyaa taasifameenis, haalli fayyaa isaa gaarii ta'uu fi rakkoo hanqina nyaataa kan hin qabne ta'ullee mirkanaa'era jedhan.

Haa ta'uu malee deeggarsi adda addaa battaluma sanatti walitti qabamuu fi daa'ima sanaaf taasifamuu dubbatu addee Shukkeen.

Itti aansuunis, maatiin bakka jireenyaa mijataa akka qabaatan gochuuf mana isaanii haaromsuuf sochiin eegalamuu fi hangasitti bakki isaan jiraatan kan bakka hojii isaarraa hin fagaannee mooraa Kolleejjii Saayinsii Fayyaa keessatti miijachuufis eeran.

Daa'imni kun umuriin isaa waggaa sadii ta'us Fulbaana kana keessa yeroo barnoonni jalqabu mana barumsaa, oolmaa daa'immanii, akka seenuuf waggaa tokkoof kaffaltiin barnootaa dursee kaffalamuu fi itti fufiinsanis deeggarsi akka taasifamuuf ibsan.

Addee Shukkeen abbaa daa'ima kanaafis deeggarsi akka taasifamu, haati daa'imattis barbaadamtee wal'aansi fayyaa akka taasifamuuf hojiin deeggarsa hawaasaa walitti qabuu jalqabamuus himan.

''Hawaasni keenya durumarraa aadaa wal deeggaruu akka buusaa gonofaa fi hojii tola ooltummaa waliif ooluu qaba. Garuu odeeffannoon ga'aan jiraachuu dhaburraa kan ka'ee daa'immanii fi maatii haala rakkisaa keessa jiran jiraachuu danda'u'' jedhan.

Suuraan daa'imaa miidiyaa hawaasaa irratti qoodamee kunis rakkoo maatii fi daa'imman keessa jiran irratti xiyyeeffannoon hawaasaa akka kennamu kan taasise ta'ullee dubbatan.

''Amma Abdulselaam haala gaarii keessa jiraatus, deeggarsi yeroo gabaabaa qofan ga'aa miti.

Taateen kunis qaamolee mootummaa qofa osoo hin taane hawaasni hundi itti gaafatamummaa akka qabu akeekaa'' jedhan itti gaafatamtuu waajjira dhimma dubartootaa fi daa'immanii godina Boorana Bahaa addee Shukkee Godaanaa